Rakkoo xiyyaar-samii Raashiyaan Buufatni Hawaa Idil - addunyaa karaarraa maqe

Madda suuraa, NASA
Buufatni Hawaa Idil - addunyaa (ISS) erga xiyyaar-samiin Raashiyaa dhiyeenya achi buufatte haala hin eegamneen annisaa baaste booda, buufaticha rakkoon mudachuu aanga'oonni himan.
''Gareen to'annoo ergamaa (mission control) haalicha sirreessaniiru. Sirnoonni amma haaluma duraan deemaa jiru,'' jedhe ejensiin hawaa Ameerikaa Nasa'n.
Kunis akki itti tahe xiyyar-samii (module) ISS gubbaa jiru kan biraa annisaa itti kennuun akka walmadaalu taasisan. Taatee kana hordofees qorannoon gaggeeffamaa jira.
Qondaalonni biyyoota Ameerikaa fi Raashiyaa, miseensonni torba buufaticha keessa jiran nageenyi isaanii balaa kamuurra hin buune jedhaniiru.
Rakkoon ykn dogoggorri kun kan dhalate erga mojuliin Raashiyaa 'Nauka' jedhamtu ISS gubbaa guyyaa Kamisaa erga buufatte boodadha. Xiyyaar-samiin tun achi gahuuf guyyoota balallii guyyaa saddeetii taasifte.
Nasa'n Twitter gubbaatti waan jedhe ''Motoroonni annisaa kennaan (thrusters) kan xiyyaar-samiirra jiran sa'aatii 16:45 GMT gubbaatti, haala hin eegamneen humna kennuu eegalan. Kanaanis buufaticha digirii 45 daandiirraa gorsan.''
Dabaluunis ''oppireeshinii bakkatti deebisuu gaggeeffameen, daandiitti deebi'eera,'' jechuun ''buufatichi daandiitti deebiyeera, haala gaariirratti argama,'' jedhe.
Wayita taateen kun mudatetti astiroonota buufaticha keessa jiran wajjin komunikeeshiniin daqiiqaa muraasaaf adda citee ture. Tahus garuu jarri achi keessa jiran ''sosochiin kamiyyuu itti hin dhagahamne'' jedhameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dhimmi mudate kun karoora Nasa fi Boeing qaban irrattis dhiibbaa uumeera. Silaa balalliin yaalii nama malee jarri gaafa Adoolessa 30 gaggeessuuf turan haqamuun, yoo xinnaate gara Hagayya 3'tti achi siqeera.
Balallii yaalii kanaan xiyyaar-samiin Boeing midhaasse Starliner jedhamtu gara ISS qajeelti.
Xiyyaar samiin Raashiyaa 'Nauka' jedhamtu, dheerina meetira 13 kan qabdu oggaa tahu, toonii 20 ulfaatti. Nauka'n buufata samiirra naanna'u kanatti gama duubaan qubatte ykn buufatte. Kunis qaama buufatichaa Raashiyaan qabattedha.
Mojuuliin haaraa dabalame kun bakka bultii buufata ISS haalaan dabala jedhameera - bakka namni keessa jiraachuu danda'u kiyuubik meetirii 70 dabala.
Kosmonaatonni (maqaa astironaatiin Raashiyaa itti waamaman) iddoo haaraa isaanii darame kanatti qo'annoowwan garagaraa itti gaggeesuuf oolchu.
Kana malees bakka boqonnaa tahuun kan tajaajilu oggaa tahu, mana fincaanii dabalataa kanneen buufata keessa jiranif oola.

Madda suuraa, ESA
Kana malees mojuuliin kun harka roobootii (robotic arm) ejensii Hawaa Awurooppaan (Esa) kennames baattee jirti.
Roobootiin meetira 11 dheeratu kun, qaama ISS gama Raashiyaan jiru midhaassuuf ykn suphuuf oola jedhameera.
Buufatni Hawaa Idil - addunyaa (ISS) orbitii dachee isa gadaanaadha jedhamurratti kan marsu oggaa tahu, lafarraa ol kahinsa km 408 irratti argama.
Buufatni kun haalaan fiiga - sa'aatii tokkotti km 27,600 kan furguggufamu oggaa tahu, kana jechuunis addunyaa tana daqiiqaa 93 keessatti naanna'a. Kanaanis guyyaatti dachii tana yeroo 15.5 marsa.














