Virgin Galactic: Richaard Biraansan daangaa hawaa xiyyaara rokkeettin daawwatee nagaan deebi'e

Madda suuraa, VIRGIN GALACTIC
Biliyeenarri Richaard Biraansan haala milkaa’aan xiyyaara hawaa dhaabbatasaa Virgin Galactic'n tolfamteen daangaa hawaa dhaquu danda’e.
Lammiin UK hojii bizinasii hojjachuun beekamu meeshaa kaampaaniin isaa ganna 17’f hojjataa tureen Ameerikaa Niw Meeksikoorra balali’e.
Imalli kun ‘’muuxannoo bara jireenya koo keessatti hunda caalu’’ jedheera.
Tujaarri kun sa’aatii tokkoo oliif erga lafa gadhiisee balaliirra tureen booda nageenyaan gara dacheetti deebi’uu danda’eera.
’’Ijoollummaarraa qabee yeroo kana arguun abjootaa ture, taatullee hawaa keessaa dachee ilaaluuf waanti si qopheessu homtuu hin jiru,’’ jechuun ibsa balalii sana booda kennerratti himeera.
‘’Waanti hundisaa addadha’’ jedhe.
Imalli kun hundeessaan turizimii hawaa haaraan meeshaa balalii isaatiin shaakala kan gaggeesse ta’uusaatiin, hundeessaa kaampanii Amazoon Jeef Bezos fi SpaceX dirree kanaan akka injifatu taasiseera.
Olfageenyii Richaard Biraansan xiyyaara rokkeettii 'Unity' jedhamtu kanaan irra qaqqabe km85 ykn maayila 53 dha.
Biraansan ergama kana kan goolabuu danda’e paayilatoota xiyyaara sana balaliisan lama; Dave Mackay fi Michael Masucci jedhamaniifi hojjattoota dhaabbata Gaalaaktik sadii: Beth Moses, Colin Bennett fi Sirisha Bandla wajjin ture.
Namoonni sadan kunneen fi Aab Richaard milkaa'ina kanaaf baallee astironaatii daldalaa ykn commercial astronaut wings badhaafamaniiru. Badhaasa kanas astironaatii Kaanaadaa duraanii Kiriis Hadfiild irraa fudhatan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Richaard balalii kana muuxannoo turizimii hawaa bara itti aanuurraa qabee maamiltotaaf dhiyeeffamuuf akka yaalii ta’utti ilaala.
‘’Yaadannoon waantota xixiqqaa qabadhe 30 ykn 40 ta’an namoota marroo itti aanu nu waliin gara hawaa dhaqaniif muuxannoo gaarii ta’u,’’ jedhe.
‘’Karaan waantota xixiqqaa akkasii arguun danda’amu xiyyaara hawaatiin garaa hawaatti qajeeluun ofumaaf shaakaluudhani,’’ jedhan.

Madda suuraa, VIRGIN GALACTIC
Namoonni 600 tahan tikkeetti $250,000 baasu bitachuuf qabdii kennaniiru ykn maallaqa qabsiisaniiru.
Namoonni kunneen hundisaanii iddoo hawaan itti gurraachoftu qaqqabanii kanneen arguu barbaadaniifi sarara dacheef hawaa addaan baasu ilaalanii dinqisiifachuu barbaadani.
Sir Richaard sadarkaa kanarra gahuuf karaa dheeraa adeemeera.
Richaard Biraansan xiyyaara hawaa hojjachuu akka barbaadu bara 2004 yeroo jalqabaaf beeksise.
Sanarraa ka’uun immoo bara 2007 tajaajila daldalaaf hojjachuu eegaluu akka danda’u amane.
Haa ta’u malee, bara 2014 xiyyaarichi kufee caccabuu dabalatee, rakkoowwan teeknikaa mudachuun pirojeektii hawaa kana hojii rakkisaa taasiseera.

Turizimiin hawaa damee ganna 10tti lakkaa’amaniif eegalame addaan ciccituudhaan booda iddoo dorgommii ta’uuf jirudha.
Bara 2000 keessa tujaaronni torba Buufata Qo’annoo Hawaa Addunyaa (ISS) daawwachuuf maallaqa kaffalanii turan.
Bara 2009 dawwannaan Ejensii Hawaa Raashiyaatiin qindeeffame ture addan cite.
Amma kaka’umsiif dandeettiin haaraan horatameera.
Akkuma Richaard hundeessaa Amaazooon Jeef Bezosii fi abbaa qabeenyaa Kaampanii Teeknolojii Kaaliforniyaa Eloon Maaskiin pirojeektiin eegalan ni jira.
Raashiyaanis xiyyaara hawaa daldalaaf ooltu Buufata Qorannoo Hawaa Addunyaatti deebistee erguuf jirti. Kana malees buufataalee dhuunfaa namoonni daawwachuu danda’an kanneen hundeessuuf barbaadan biroos jiru.
Jara kana keessaa kaampaniin ‘Axiom’ jedhamu ni argama.
Kaampaanicha NASAtti maanejara duraanii Buufata Qo’annoo Hawaa Addunyaatu hundeesse.
Eloon Maask hiriyaasaa Richaard gargaaruuf gara Niw Meeksikoo kan dhaqe wayita ta’u, balaliirraa erga deebi’es baga gammadde jedheeran.















