Chaayinaan Xiyyaar-samii ishee Maarsirra qubachiisuu beeksifte

Injinaroota Chaayinaa

Madda suuraa, Shutterstock

Roobootiin Chaayinaa miila jaha qabdu dachii pilaaneetii diimtuu sirna soolaarii, Maarsirra, qubachuu miidiyaaleen biyyattii beeksisan.

Roobootiin Zhurong jedhamtu kun hemisfeera Kaabaa pilaaneetii Maarsirraa ganama Sanbata xiqqaa har'aa qubachuun ibsan.

Roobootiin kun golgaa miidhamarraa ittisuun, paaraashuutiifi wanta akka rookeettiin gargaaramtee dachii Maarsirra qubachuun milkoofte.

Dachii Maarsirra qubachuun kun yaalii damee kana jalatti godhamu isa guddaa ta'uu isaatiin milkaahina guddaadha.

Hanga ammaattii Ameerikaanota qofatu dachii Maarsirra qubachuun milkaahe. Biyyoonni biroon hundi yaaliin isaanii sababa roobootiin isaan caaccabuun, gariin ammoo erga qubatanii booda qunnamtiin adda cituun hin milkoofne.

Ergaa addaa dhaamaaniin Pireezidantiin Chaayinaa Shee Jinpiing garee ergama kana keessa jiraniin ''milkaahina guuddaa kanaaf'' baga gammaddan jedhan.

''Qormaataaf gootata, caalanii argamuuf amansiiftota, biyya keenya abuura sirna pilaanetii keessatti sadarkaa olaanurra keessan'' jedhaniin.

Ejensii Hawaa Ameerikaa (Nasa) keessatti hoogganaa saayinsii kan ta'an Thomas Zurbuchen ariifatanii garee Chaayinaa kanaan baga gammaddan jedhaniiru.

'' Hawaasa saayinsii idila aadunyaa waliin ta'uun ergamni kun dhalli namaa pilaaneetii diimtuu kana beekuuf yaalii godhu keessatti gahee bahan arguun hawwa'' jedhan.

Model of Tianwen-1

Madda suuraa, Reuters

Akka miidiyaaleen Chaayinaa jedhanitti Roobootiin kun ganama sa'aa 1:18 irratti dachii Maarsirra qubatte.

Erga qubattee daqiiqaa 17 boodas lafatti ergaa dhaamuu eegalte.

Moggaasni roobootii kanaa Zhurong, jechuun 'Waaqa Ibiddaa' akka jechuu yoo ta'u, Guraandhala darbe ture Pilaaneetii kana marsuu kan eegalte.

Fageenyi Marsiifi lafa gidduu jiru km miiliyoona 320 yoo ta'u dhaamsi raadiyoo achii dhaamamu lafa qaqqabuuf daqiiqaa 18 fudhata.

Injinaroota Chaayinaa

Madda suuraa, Shutterstock

Robootiin kun kg 240 kan ulfaattu yoo ta'u annisaa soolaariin dalagdi.