Rookkeettiin Chaayinaa to'annoo ala ta'ee lafatti deebi'aa jiru hangam yaaddessa?

Rookkeettiin Chaayinaa yeroo samiitti furguggifamu

Madda suuraa, Reuters

Rookkeettii guddaan Chaayinaan torbee darbe Ebla 29 gara samiitti furguggifte to'annoon ala ta'e sanbattan lamaan torbee kanaatti gara Dacheetti deebi'us lafti itti bu'u hin baramne.

Waraana Ameerikaa keessatti gareen ajaja Hawaa, rokkeettiin kun to'annoon ala ta'uun gara Dacheetti deebi'aa jiraachuufi bakka itti bu'u beekuuf yaalamaa akka jiru ibseera.

Rookkeettiin Chaayinaan odola Ha'inaan jedhamurraa Ebla 29 dhukaafte, Long March 5B, guddicha yeroo ta'u, of keessatti xiyyaarsamii Ti'aanhee jedhamtu kan buufata hawaa Chaayinaarratti miseensota sadiif bakka jireenyaa ta'u of keessaa qaba jedha Rooyitarsi.

Barruun The Guardian rookkeettiin kun to'annoon ala ta'ee gara Dacheetti deebi'uun isa guddicha ta'uufi ogeeyyiin bakka namni itti heddummatu bu'uu malaa jedhanii sodaachaa jiru jechuun gabaaseera.

Gidduugala Astiroofiiziksii Yunivarsiitii Haarvaarditti Astiroofiizistii kan ta'an Jonaataan McDooweel to'annoon ala ta'ee deebi'aa jiraachuun waan badaa ta'uu malaa jechuun dubbataniiru.

''Amma dura rookeettiin Long March 5B dhukaasanii turan lafatti yoo deebi'u caccabaan isaa sibiilli guddaan samiirra balali'aa Ayivoorii Koostiitti gamoowwan hedduu miidhee,'' jedhan.

Rookkeettiin kun amma Dacheetti siiqee marsaa kan jiru yoo ta'u, harkisa lafaatiin harkifamee gara keessoo lafaatti yoo seenu caccabaan isaa bakki itti bu'u, bu'uu isaa sa'aa muraasa dura beekamaa jedhameera.

McDoowel qaamni rokkeettii kanaa hangi ta'e sensa gara ardii lafaa dandamatee hanga xiyyaara xiqqaa ta'ee lafa dhahuu akka danda'u The Guardian' tti himaniiru.

Ogeessi kun harkisa lafaa jabaan gara keessoo lafaatti waan dhufuuf bakka namni heddummatutti yoo lafa dhahe balaa geessisuu danda'a jedhaniiru.

Barruun Chaayinaa Global Times, rookkeettichi to'annoon ala ta'uufi miidhaa qaqqabsiisuu akka danda'u ogeeyyii indaastiricha keessa jiran irraa odeeffachuu gabaaseera.

''Qaamni Rookkeettichaa wayita saffisa guddaan gara keessaa Dacheetti deebi'u boba'uun qaamni isaa muraasni lafa dhahuu mala. Bakka namni hin jirre yookinis galaanarratti kufuuf carraa guddaatu jira,'' jedhan hojii gaggeessaa olaanaan barruu Aerospace Knowledge, Waang Yaanaan.

Dacheen kun harki 70 ol qaama bishaanii waan ta'eef qaama bishaaniirratti lafa dhahuu akka danda'u ogeeyyiin biroonis tilmaamaniiru.

Gariin ogeeyyii damee kanaa Rookkeettichi Sanbata xiqqaa dhufu lafa dhaha jedhanii tilmaamu. Gariin ammoo Wiixata ta'uu akka maluufi guyyaa lama asis achiis siiquu danda'aa jedhu.

Akkuma guyyaan itti lafa dhahu tilmamame bakki itti lafa dhahus akkasuma tilmaamamaa jira.

Akkaataa amma Oorbiitii lafaa naanna'aa jiruun gara kaabaatti naannoo Niiw Yoork, Maadriid fi Beejiing, Kibbatti ammoo gara Chiilii Weeliingtaniifi Niiwziiland keessa lafa dhahuu mala jedhanii tilmaamu.

CNN'tti kan dubbatan Jonaataan McDoweel, ''namni sababa kanaan ni miidhamna jedhee hirriba dhabuu hin qabu miidhaa nama irrraan gahuuf carraa xiqqaa qaba,'' jedhaniiru.