Caccabaan rookkeetii Chaayinaa to'annoon ala bahee yaaddoo uumee ‘Garba Indiyaaniirratti kufe’ - Miidiyaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images
Caccabaan rookkeetiin Chaayinaa to’annoon ala bahee essa bu'a jedhamuun yaaddoo uumee ture gara lafaatti deebiyuun garba Indiyaan gubbaatti kukkufuu miidiyaan Chaayinaa gabaasan.
Harki caalaan rookkeettichaa yerooo gara lafaatti kufaa turetti kan barbaadaa’ee ta’us, gariin isaa bakka Baha 72.47° fi Kaaba 2.65° irraatti argamu irratti kufe jechuun miidiyaan Chaayinaa gabaaseera.
Bakki kun lixa Maldives jedhamu irratti argama.
Wiirtuuleen to’annoo US fi Awurooppaa kufaatii rokkeettii Long March-5b jedhamu kana hordofaa turan.
Miidiyaan mootummaa Chaayinaa rookkeettichi gara atmoosferaa kan seene Dilbata akka saatii biyyattiitti halkan saatii 8:24 irrattidha.
Wiirtuun to’annoo Hawaa US ibsa kenneen, rookkeettiin Chaayinaa kun Arabiyaan Peninsulaa gubbaan kufuu isaa” akka mirkaneessuu danda’u hima. “ Rookkeettichi lafarratti ykn bishaan irratti kufuu isaa garuu hin baramne,” jedha dhaabbatichi.
Rookkeetiin kun lafa ga’uu isaan dura bakka namootni jiraatan irratti kufuu danda’a sodaan jedhu uumamee ture.
Dubbi himaan Tika US Looyid Oostin rookkeetichi orbiitii irraa akka kufu goochuun itti gafatamummaa dhabuu Chaayinaadha jedheera.
Ta’us garuu, oggeessonni hawaa carraa namni kamuu rookkeettichaan rukutamuu xiqqaadha jechuun tilmaamaniiru, sababiin isaas harki caalaan addunyaa bishaan yoo ta’u, lafti bal’aan ammoo kan namni irra hin jiraannedha.
Ulfaatina toonii 18 (16,329.325 kiiloo giraam) kan qabu rookkeeettiin kun, waggootii hedduu keessatti wantoota gara atmoosfera lafaatti kufan keessaa isa guddaadha.
US torban darbe akka jedhetti, kufaatii rookkeetichaa hordofaa kan jiru ta’us, qilleensa irratti rukutuuf karoora hin qabu ture.
Oggeessonni hawaa akka tilmaamanitti harki caalaan rookkeettichaa yeroo atmoosfera lafaa seenuu ni gubata, ta’us siibilli ibidda damdamachuu danda’u garuu darbee gara lafaatti kufuu danda’a.
Rookkeettichii Orbitii irraa akka ba’u taasisuun itti gafatamummaa dhabuu Chaayinaadha himata jechuu Chaayiinaa haalteetti.













