Waalii Faank: Dubartii ganna 82 jalqabaa gara hawwaatti balaliite

Woolii Faank

Madda suuraa, Blue Origin/Anadolu Agency/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Woolii Faank waggoota 60f hawwaa deemuuf yaalii taasisaa turte

Hojjattuun duraanii aviyeeshiinii Waalii Faank waggaa 82tti dubartii maanguddoo gara hawwaatti balaliite kan jalqabaa taate.

Maanguddoon tun sooressaa fi hundeessaa Amaazoon Jeef Bezoos fi obboleessa isaa Maark akkasumas barataa umurii waggaa 18 waliin ta'uun balalii'an.

''Nan deema jedhee yaadee hin turre,'' jette maanguddoo Faank kan waggoota 60n darbaniif gara hawwaatti balalii'uuf yaalaa turte.

Bara 1960mota keessaa astironomistii ta'uuf leenjitulleen, garuu waan dubartii taateef jecha balaliinsa hawwaatiif hin filatamiin hafte turte.

Rookkeettiin dhaabbata Obbo Bezoos, 'Blue Origin' jedhamuun tolfamtees Kibxata gammoojjii Teeksaas irraa gara samiitti dhukaafamte.

Dacheedhaan oliitti fageenya km 100 irra qaqqabuuf saffiisa sagalee dachaa sadiin imalaa turte.

Xiyyaarri isaan keessa turanis isaan booda paaraashutiitti fayyadamuun haala saffiisa ittiin ol bahaniirraa daqiiqaawwan 10 caalaa turuun gara dachiitti deebiite.

Faank akkuma lafatti gadi deebi'uun balaliinsicha keessaa baateen harka bal'iiftee ummata achi tureetti gammachushee ibsite.

Balaliinsaaf fedhii olaanaa

Waalii Faank bara 1939tti Niiw Meeksiikoo keessatti kan dhalatte yoo ta'u, aviyeeshiiniidhaaf jaalala umurii guutuu waan qabduuf, barnoota balali'u jalqabaa wayita waggaa 9 turte akka fudhatte dubbatti.

Erga yeroo sanaatii kaasees, balaliinsawwan sa'aatii 19,000 kan taasifte yoo ta'u, namoota 3,000 ta'aniif waa'ee balaliisuu barsiifte jirti.

Wayita umurii 21 guttus bara 1961 keessa Sagantaa Hawwaa Dubartootaa keessatti hirmaachuuf wayita deemteettis qorannoo qaamaa fi sammuu cimaa keessa darbu himti.

Haata'u ammoo sagantichi waan haqameefi isheefi dubartoonni biraa osoo hawwiin astironomiistii ta'uu hin milkaa'iin hafe.

Undated black and white image shows Wally Funk next to US air force aircraft

Madda suuraa, Wally Funk via Blue Origin

Haata'u malee booda keessaa Boordii Nageenya Geejjiba Biyyaaleessaa keessatti dubartii qorattuu nageenya qilleensaa jalqabaa fi buufata waraana UStti dubartii barsiiftuu balaliinsaa ta'u dandeesse.

Faank bara 2010tti Sagantaa Richard Branson's Virgin Galactic jedhamu irraa tikeettii bitachuuf doolaara kuma 200 baaftee turte.

Bezoos garuu jalqaba baatii kanaarratti ture kan Faankiin akka ''keessuummaa kabajamootti'' balaliinsa gara Hawwaa kanaaf affeerranii turan.

"Kanaan booda kan baay'ee eeggataa turu hin jiraatu,'' jedhanii ture, Bezoos wayita Aaddee Faank imalichaaf filatamusaanii itti himaniitti.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Presentational white space

"Imala kanaaf 'Blue Origin' filatamu kiyyaan gammachuun attamii akka natti dhagahame himu hin danda'u,'' jedhanii turan Faank.

Imalicha guutuu Faank akkuma ''woow'' jechuun raajjeeffataniitti turuutu gabaafameera.

Erga rookkeettiin ittiin imalan deebiite lafa qubbatteen boodas, namoonni arfan gara hawwaatti balali'anii turanis maatii fi hirriyyootaan simmannaan taasifameefiira.

Dhumarrattis Aaddee Faank hundeessaan Amaazoon waan imala kanaaf isaan affeerraniif galateeffataniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita gara hawwaatti dhukaafaman maal akka fakkaatu