Dargaggoo jalqabaa umrii waggaa 18tti gara hawaatti balalii'uuf jiru

Aliivar Daa'emen

Madda suuraa, BLUE ORIGIN

Dargaggoon umuriin waggaa 18 Aliivar Daa'emen Adooleessaa 20 irratti Jeef Bezoos waliin gara hawaatti balalii'uun dargaggoo jalqabaa ta'uuf jedhame.

Dargaggoon kunis carraa kana kan argate waan namni gara hawaatti babalii'uuf caalbasii doolaara miliyoon 28 mo'ate deemu hindandeenyeef jedhame.

Namni eenymmaansaa adda hinbaafamne kunis guyyaa sanatti gara hawaa balalii'u kan hindandenyef waan dhimmi biraa isa mudateef jedheera kubaaniyaan Jeef Beezoos Biluu Orjin.

Oliivar Daa'eemeen ilma Joos Daa'eemeen kan Hojiii gaggeessaa kubaaniyaa Somarset Kaapitaal Paartinars jedhu ta'aniiti.

Abbaan mucaa kanaas balaliinsa marsaa lammaaffa gara hawaatti taasifamuuf tikkeettii kan muratanii turan yoo ta'u, namni maqaan hin eeramanii kun balalii'u waan dadhabaniif jecha bakka isaa akka fudhataniif gaafatamnaan ilmisaanii akka balalii'u taasisu isaanii Bilu Orjinaal ibseera.

Dargaggoonni kunis namoota biraa sadiiwaliin gara hawaatti balalliinsicha kan taasisu. Maanguddoon waggaa 82 wiilii Fank, Jeef Beezoos fi obbooleessa Jeef Beeezoos Maark Kibxata dhufaa gara Hawaatti balalii'u.

Dargaggoon barataa fiziksii ta'unsaa himame kunis, ijolluummaasaatii qabee waa'ee saayinsii hawaa, ji'aa fi rookeetiitiif jaalala olaanaa qaba jedhameera.

Jeef Beezoon

Madda suuraa, EPA

Kubaaniyichis imaltoota lafarraa gara hawaatti fageenya km 100 fudhatee imaluuf kan yaade yoo ta'u, kanaanis imaltoonni muxannoo bakka arkisuun lafaa hinjirree ni argatu jedhameera.

Jeef Beezoos sooreessa addunyaa kanaa tokkooffaa yoo ta'an, kubaaniyaan Bilu Orjin kan bara 2000tti hundeefamees, Jeef fi obbooleessi isaanii gara hawaatti akka balali'an kan beeksiisee baatii tokkoon dura ture.

Jeef Beezoos gara hawaatti balalii'u fiixaan baasuun waan guddaa jireenyaasstti barbaadu ta'u irra deddebiin ibsa.

Imalli hawwaa kunis kan raawwatamu erga lammiin Iglizii Sar Riichaard Biraansan torban darbee rookeettii Varjiin Gaalaaksii jedhamtuun gara hawaatti balalii'uun deebii'anii booda.