Shenzhou-12: Chaayinaan gara buufata hawaa haaraa ijaartetti yeroo jalqabaaf ogeessota ergite

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan buufata hawaa haaraa ijaarte irra qubachuun ergama akka raawwataniif garee astironomistootaa ykn qorattoota samii sadii yeroo jalabaatiif gara buufatichaatti ergite.
Namoonni Chaayinaan gara buufata hawaatti ergite sadanis, Nie Haisheng, Liu Boming fi Tang Hongbo kan jedhaman yoo ta'an, baatiiwwan dhufan sadiif ergamasaanii buufaticharratti ni raawwatu jedhameera.
Buufanni Chaayinaan hawaarratti ijaarte kunis lafarraa fageenya kiloomeetira 380 (maayilii 236) irratti kan argamu yoo ta'u buufatichis Tinaahe Modul jedhamuun beekama.
Imalli samii kunis seenaa imaltoota samii lammiilee Chaayinaa keessatti isa dheeraafi waggoota shanan darban keessatti kan jalqabaati jedhameera.
Rookeettiin 2F 'Long March' jedhamtuufi xiyyaara samii ergamtootaa moggaasi Shenzhou-12 jedhamtu Kamiisa har'aa ture gara samiitti haala gaariin kan furguggifamte.
Rookeetichis jiddugala saatalaayitii Chaayinaa gammoojjii Goobii jedhamuutti argamurraa akka sa'aatii Beejiingiitti 01:22 GMT irratti gara samiitti imalashee eegalte jedhame.
Furguggeessuun rookkeettiicha gara samiitti taasifameefi ergamni isaan booda raawwatamu kunis kan dandeettiin fi ofitti amanamummaa Chaayinaan damee kanaan qabdu guddataa dhufuusaa mul'isuudha jedhameera.
Baatiiwwan jahan darban keessattis, Chaayinaan roobootii miila jahaa Addeessaa fi Maarsii irra qubachiisuun saamuda biyyoofi cirracha gara Dacheetti qabattee deebiisuun ishee ni yaadatama.
Ergamniwwan lameen kunneenis yaaliiwwan baayyee walxaxaafi rakkisoo akka ta'u himama.
Gareen ogeessotaa kun buufata hawaarratti maal raawwatu?
Kaayyoon Ajajaa Nei Haishen fi garee isaa kan ergama Shenzhou-12 jalqabaa, buufata Tinaahee kan toonii 22.5 hawaarratti ijaaramte hojii eegalchiisuudha.
''Waanan eeguu hedduutu jira,'' jedhan dureen ergamichaa Mr Nie osoo gara samiitti imalasaanii hin eegaliin dura.
''Mana keenya haaraa samiirratti hundeessuufi teknolojiiwwan haaraa baayyeessee yaaluu barbaadna. Kanaafuu ergamichi cimaafi baayyee ulfaataadha.
Kanaaf, sadan keenya waliin hojjachuun hojii sirrii akka raawwannuufi qormaatawwan keenyas waliin akka dabaruus nan amana,'' jedhan.
Buufanni Tinaah kan ballina meetira 4.2 fi dheeriina meetira 16.6 qabduus baatii Ebla keessa samiitti furgugfamtee turte.

Madda suuraa, Reuters













