Dr. Nawaal El Sadaawii: Dubartiin Masrii mirga dubartootaaf falmuun dubartoota Arabaaf fakkeenya taate eenyu?

Nawaal El Saadaawii

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota Arabaa keessaa kan akkashee mirga dubartootaaf falme hin jiru jedhama.

Dr. Nawaal El Sadaawii jedhamti. Masrii keessatti dhalattee guddattus, gumaatishee daangaa cehuun hawaasa Muslimaa biratti dhiibbaa kan uumedha.

Miidhaa dubartootarra gahu mormuun mirgi dubartootaa akka kabajamu, dubartoonni hawaasa keessatti qixa dhiirotaa hirmaannaa akka qabaataniif mootummoota Masrii dhufaa darbaa dura dhaabbachuun falmaa turte.

Ogummaa waldhaansa fayyaa ittiin eebbifamteen yeroo hojjataa turte waan dubartootarra gahu arguunshee mirga dubartootarratti xiyyeeffachuun akka hojjattu ishee kakaase.

Ifatti dubbattee mirga dubartootaaf falmuun ishee mootummaa Masrii biratti ija hamaan akka ilaalamtu ishee taasise.

Miidiyaalee Masrii irratti dhiyaachuun qeeqa cimaa dhiyeessituun alatti, barruuleenifi kitaabonni isheen barreessitu mootummaa hirriba dhorke- akeekkachiisa, du'aan sodaachisuufi yaalii garaa garaaf ishee saaxile. Dhumarratti hidhaa buute.

Mandara qarqara magaalaa Kaayirootti argamutti kan dhalatte Nawaal El Saadaawii waggaa 13 dura asoosama ishee jalabaa barreessite.

Bara jiraatte keessatti walumaa galatti kitaabota 55 akka barreessite ragaaleen ni agarsiisu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo isheen ganna 10 akka heerumtuuf maatiinshee ishee dirqisiisuu yaalanis, isheen garuu diddee baruumsa itti fufte.

Umurii daa'imummaatti akka isheen heerumtuuf maatiin ishee dirqisiisuu yaaluun gaaffii keessatti uume- hawaasa isheen keessa jiraattu keessatti dubartoonnifi dhiironni mirga wal-qixa akka hin qabne isheef gale.

Gaaf-tokko akkoonshee "dubartii 15 mannaa dhiira tokko wayya" jettee itti mammaakuunshee akka hamileeshee tuqe kitaabashee keessatti barreessiteetti.

Keessumaa erga ogummaa waldhaansa fayyaan doktara taatee eebbifamtee booda, kittaanaa dubartootaa taasifamu arguun baay'ee ishee dheekkamsiise.

Yeroo isheen ganna jahaa akkamitti akka dhaqna ishee qabaniifi dhukkubbii daa'imummaa ishee yaadachiise.

Kitaabashee The Hidden Face of Eve jedhu keessatti haatishee osoo bira dhaabattee ilaaltuu mana fincaanii keessatti akkamitti akka ishee kittaananiifi dhukkubbii hamaan akka itti dhagahame ibsiteetti.

Kittaanaan dubartootaa miidhaa fayyaa qofa osoo hin taane mala ittiin dubartoota hacuucuf tolfamedha jechuun Nawaal El Saadaawii umuriishee guutuu kittaanaan dubartootaa akka hafuuf duula gaggeessaa turte.

Kana hordofee Masriin bara 2008tti kittaanaa dubartootaa seera baasuun dhorkite.

Waanti isheen dhama'aafii turte seera ta'ee ragga'uunsaa ishee gammachiisus dhiibbaa kittaanaan egeree jireenya dubartootaa irraan gahetti baay'ee akka gadditu ibsitee turte.

Miidiyaa Masrii kamittuu akka hin dubbanne uggurri irra kaa'ame

Miidhaa dubartootarra gahu, barmaatilee boodatti hafoo akka kittaanaa dubartootafi mirgi dubartootaa Masrii keessatti kabajamuu dhabuu ifatti dubbattee mormuunshee mootummaa wajjin walitti ishee buuse.

Bara 1955tti Yuunivarsiitii Kaayiroo irraa ogummaa waldhaansa fayyaan doktara taatee eebbifamuun ispeeshaalistii taatee hojjataa turte.

Waajjira mootummaa keessatti daayirektara fayyaa hawaasaa taatee hojjattus kitaaba waa'ee haleellaa saalaafi kittaanaa dubartootaa balaaleffatu Women and Sex jedhu barreessuushee hordofee hojiirraa hari'amte.

Boodarra barruu ofiishee hundeessite Health jedhamus mootummaan jalaa cufe.

Kuni barreessufi mootummaa qeeqxee dubbachuurraa boodatti ishee hin deebisne.

Jireenya dubartoonni Masrii keessa jiraanifi dubartoota "maatiitti salphina fidan ykn kabaja maatiifi hawaasaa sarban" jedhamuun "du'a eeggatan" fa'aa erga argitee booda sirna olaantummaan dhiirotaa keessatti dagaage qeequun bara 1975tti asoosama Woman at Point Zero jedhu barreessite.

Yeroo doktara fayyaa taatee hojjataa turtetti miidhaa dubartootarra gahu: "waan kabaja maatii cabsu godha jechuun ajjeesuu", haleellaa saalaa, daldala saal-qunnamtii fa'aa itti dhiyeenyaan waan argiterraa kitaaba the Hidden Face of Eve jedhu barreessite.

Mootummaa Masrii qofa osoo hin taane mootummoonni Arabaa sirna dubartoota hacuucu qabu jechuun ifatti qeequu eegalte.

Dhumarratti miidiyaa kamirrattuu dhiyaattee yaada akka hin kennine mootummaan Masrii uggura irra kaa'e.

Uggura qofaan hin hafne; bara 1981tti mootummaan Masrii Pirezidaant Anuwaar Saadaatiin ishee hidhe.

Mana hidhaatti waraqaa dhabdee sooftii mana fincaanii irratti barreessaa turte

"Mootummaan rasaasa osoo hin taane yaada sodaata," kan jettu Nawaal, erga mana hidhaa seentees kitaaba qofaa osoo hin taane warqaafi kobbeen illee mana hidhaa bakka isheen jirtu akka hin seenne mootummaan ishee ugguruu yeroo lubbuu jirtu yeroo garaa garaatti dubbataa turte.

Osoo mana hidhaa hin seenin dura kitaabonni isheen barreessite dadhabina mootummoota Masrii dhufaa darbaa, yaaddoo siyaasa biyyattiifi dubartoonni Arabaa hawaasa keessatti iddoo akka hin qabneefi mirgi isaanii sarbamuu qeeqa cimaan barreessuunshee mootummaa dheekkamsiisera.

Mana hidhaa galuunsheetuu sababuma mootummaafi hawaasa dubartootarraan miidhaa gahuufi mirgasaanii sarbu mormuun ifatti dubbattuufi barreessituufi.

Mana hidhaa keessattis kitaabnifi waraqaan yoo seenef kitaaba biraa dhoksaan barreessiti kan jedhu yaaddoo aangawoota biyyattii ture.

Nawaal El Saadaawii qaaman hidhamtus, mootummaan yaadashee hidhuu hin dandeenye - namoota akkashee siyaasan hin hidhamneefi eegumsi cimaan irra hin jirre kadhachuun qalamaafi sooftii mana fincaanii kutaashee akka fidaniif gaafatte.

Itti milkaa'unis qalamaafi sooftii mana fincaanii irratti barreessuu eegalte. Anuwaar Saadaat Israa'el wajjin waliigaltee mallatteessuu hordofee erga ajjeefamee booda, Nawaal El Saadaawii mana hidhaatii gadi lakkifamte. Mana hidhaa baatuus kitaabonnishee gabaarratti akka hin gurguramne dhorkaman.

Keessumaa leellistoota amantaarraa dhiibbaan guddaan irra gahuu egale- doorsisni lubbuusheef yaaddessaa ta'e irra gahaa ture. Doorsisa irra gahurraa kan ka'e gara UStti baqatte.

Erga UStti baqattees, amantii, sirna gita bittaa fi of-tuulummaa biyyoota lixaas qeequu itti fufte. Bara 2018 turtii BBC Hard Talk jedhurratti Zaayinab Badaawii waliin taasisteen Masirii keessatti mootummoota dhufaa darbaa akkamiin mormaa akka turteefi keessumaa paartiin Muslim Brothershood mootummaa amantiirratti hundaa'e waan ta'eef dubartoota hacuucuf kan mijatuudha jechuun adda babahii Kaayirootti bahuun mormaa akka turte ibsite.

Nawaal El Saadaawii

Nawaal El Saadaawii dubartoonni biyyoota Arabaa keessa jiran dhiibbaa aadaa, amantiifi siyaasaa keessa akka jiran wal-tajjii argatte hundarratti dubbachuun alatti barreeffamootashee keessatti cimsitee ibsite.

Kanarraa ka'uun dubartii Feministii Arabaa beekamtuu jedhamuun waamamti. Keessumaa kitaabonnishee biyyoota garaa garaa keessatti afaanota 40 oliin erga hiikamanii beekamtiifi dinqisiifannaa guddaa argatte.

Landan keessatti bakka buutuu Nawaal ta'uun hojjataa kan turte barreessituun lammii UK Kadijjaa Sesaay BBCtti akka himtetti, Nawaal irratti qeeqni garaa garaa ka'us hojiifi barreeffamoonnishee dubartoota hedduuf fakkeenya akka ta'an BBCtti himtee turte.

"Namoonni yeroo hunda siyaasa ishee wajjin akka walii hin galle nan beeka, garuu barreeffamoonnishee, waantonni isheen milkeessiteefi fayidaa milkaa'innishee dubartootaaf qabutu na gammachiisa.

"Keessumaa dubartii Afrikaa ykn [gurraacha] yoo taate hojiishee dinqisiifachuu dhiisuu hin dandeessy," jetti Kadijjaan.

Nawaal El Saadawii yuunivarsiitiwwan addunyaarra jiran garaa garaa irraa digriiwwan kabajaa argatteetti. Barruun Times ammoo Dubartoota Ciccimoo 100 kan Bara 2020 baase keessaa Nawaal tokko yoo taatu, fuulduree barruusana suurasheetiin maxxanse.

'Kabaja addunyaarratti argatte biyyashee, Masirii, irraa hin arganne'

Nawaal El Saadaawii addunyaarratti maqaanshee fakkeenyummaan ka'us, badhaasawwan garaa garaa fudhattus, biyyashee Masiriitti garuu mootummaas ta'ee dhaabbilee biyyattiirraa beekamtii homaatuu hin argatin lubbuunshee darbe.

Yeroo hundumaa yaaddooshee kan ture biyya ijoollummaashee kaastee keessatti qabsoofte keessatti beekamtii dhabuu akka ta'e BBCtti himte hiriyaa Nawaal kan taate Dr. Omniyaa Amiin.

"Abjuun ykn hawwiin ishee [Nawaal El Saadaawii) tokkochi Masirii irraa beekamtii argachuu ture. Addunyaa guuturraa badhaasawwan garaa garaa akka argatte, garuummoo biyyasheerraa homaa akka hin arganne dubbatti ture,"jette.

Nawaal biyya itti baqatte US irraa bara 1996 gara Masiriitti deebite- garuu hin teenye. Siyaasa biyyattii keessatti qooda fudhachuuf murteessite.

Bara 2004 filannoo pirezidaantummaa Masiriif dorgomtus hin milkoofne. Waggootan booda bara 2011tti fincila Arabaa biyyoota Kaaba Afrikaa raase keessatti himaatte.

Fincila mootummaa Pirezidaant Hosnii Mubaarak aangorraa buuse irratti hirmaachuun itti milkooftetti. Adda babahii Xahriir magaalaa Kaayirootti argamutti namoota kumaatama waliin bahuun diddaa agarsiisaa turte.

Nawaal El Saadaawii hanga bara 2021tti du'aan boqottutti mirgi dubartootaa akka kabajamu, siyaasni Masrii akka jijjiiramuufi mootummaan amantii bu'uura godhate biyyattii keessa akka hin jiraanneef heddu akka dhaamatetu himama.

"Waan heddu keessa dabarte, garuu dhalootarratti dhiibbaa guddaa uumtetti, jechuun ibsite hiriyaanshee Dr. Omniyaa Amiin.