Aannee Maariyaa: Dubartii Jarman waggaa 60 oliif Oromiyaa keessatti hojii tola-ooltummaa addatti yaadatamtu

Aannee Maariyaa, lammii Jarman hojii tola ooltummaa Oromiyaa keessa waggoota 60 ol hojjetan

Madda suuraa, Roobsan Makoo

Lixa Oromiyaa naannawa Calliyaa, Ayiraafi Naqamtee fa'aatti namoonni baay'een Annemarii jedhanii waamu. Hojii tola-ooltummaafi tajaajila hawaasaa uummataaf kennituun hedduu beekamti.

Aannee Maariyaa Waaseloh walakkaa jaarraa ol Oromiyaa keessatti hojii tola-ooltummaa: ogummaa waldhaansa fayyaa, keessumaa ogummaa deessisuufi barnoota fayyaa kennuun hawaasa tajaajilaa turte.

Umuriishee waggaa 97 jiraatte keessaa waggaa 60 ol Oromiyaa keessatti dabarsite.

Jireenya gaarii, haadhaafi abbaa, obbolaashee dhiistee umuriishee dargagummaan Oromiyaa dhuftee hawaasa Oromoo tajaajiltu maatii godhatte.

Jarman mandara xiqqoo Hermanisbarg irraa kaatee bara 1958tti gara Itoophiyaa, Lixa Oromiyaatti imalte.

Hawaasa Oromoo wajjin wal-baruun, afaan aadaafi duudhaa hawaasichaa baruun yeroo itti hin fudhanne.

Hawaasi magaalas ta'ee baadiyaa tajaajila fayyaa argachuuf Anne Maariyaa bira deemee afaan maalinan itti haasa'a egaa jedhee waan yaadda'u hin qabu ture- Afaan Oromoo akkuma afaan dhalootashee bareechitee haasofti.

Hiibboo, mammaaksa, oduu durii, qixuma hawaasa keesa jiraattuu beekti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Anne Maariyaan har'a lubbuun hin jirtu. Torbanootaan dura umuriishee ganna 97tti Jarman mandaruma itti dhalatee keessaa gara Oromiyaa deemtetti deebitee boqotte.

Anne Maariyaan umuriishee dargaggummaan jireenya gaariifi qananii biyyashee Jarman dhiistee waggaa 70 dura gara Oromiyaa akka dhuftu maaltu ishee kakaase?

Umuriishee jiraatte walakkaa ol hawaasa Oromoo keessatti dabarsite keessatti akkamiin dabarsite jennee iyyaafanne.

Biyya Noorweey kan jiraatu gaazexeessaa Roobsan Makkoo Anne Maariyaa itti dhiyeenyan akka beeku ibsuun Oromiyaa keessatti hojii tola ooltummaan waan isheen uummataaf gumaachite BBCtti hime.

Akka inni jedhutti Anne Maaiyaan ogummaa waldhaansa Fayyaa- ogummaa deessisuu (midewife) fi dhibeewwan daddarboo biyya Jarmanitti baratteen bara bulchiinsa Hayila Sillaasetii kaastee hamma dulloomtee soorama baatutti waggaa 60 ol uummata Lixa Oromiyaa tajaajilteetti.

"Aanne Maariyaa kana namoota baay'etu ishee beeka naannoo Ayiraa, Calliyaa, Daaboo, naannoo Naqamtee fa'aatti Aannemarii jedhanii waamu. Hamma gaafa dulloomtee humnishee dadhabuutti achi turte," jechuun waggaa 62 Oromiyaa keessa akka tajaajilte hima.

"Dargaggeettii taatee biyya Jarmanitti baruumsa narsummaa ykn ogummaa deessisuu, itti dabaluunis ogummaa waldhaansa dhibee daddarbaa [tropical medicine] barattee saba keenya tajaajiluuf murteeffattee gara biyya keenyaa deemte."

Suura Anne Maariyaa

Madda suuraa, Robsan Makko

'Yeroo jalqaba dhibeen HIV AIDS biyya seenu hubannoo uumuuf duula guddaa gochaa turte'

Aanne Maariyaa jireenya Oromiyaa keessatti dabarsiteen hojii ittiin yaadamtu keessa duulli isheen waa'ee dhibee HIV AIDS hubannoo uumuf taasifte akka tokko akka ta'e hima Roobsan.

Ilaalcha hawaasni dhibee HIV AIDStiif qabu ture akka safuutti waan ilaalamuuf yeroo gabaabatti tatamsa'uun namoota heddurra miidhaa geessisaa akka ture kan himu Roobsaan, Anne Mariyaan Itoophiyaa keessatti namoota jalqaba waa'ee HIV AIDS hubannoo uumuuf duula gaggeessaa turan keessaa tokko akka taate hima.

Waa'ee AIDS hubannoo uumufi barsiisuun alatti ijoollee sababa dhibee kanaan haadhafi abbaa malee hafan heddus gargaaraa turuu hima.

"Keessumaa [jalqaba bara] 1990oota keessa karaa tokko yeroo mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI aangoo qabate ture.

Gidduu sanatti mootummaanumti jabaatee [dhibee AIDS] irraa saba keenya baraaru hin turre," kan jedhu namni waa'ee Anne Mariyaa itti dhiyeenyan beeku, kun haala sana keessatti namoonni akkamiin of eeggachuu akka qabaniifi karaalee dhibeen AIDS ittiin daddarbu hubannoo guddaa uumaa turte.

Turtii Oromiyaa keessatti taasisteen irra jireessan ogummaa deessisuufi barsiisuu irratti xiyyeeffattee kilinikootafi hospitaalota mishinarootaa keessatti tajaajila hawaasa kennaa kan turte yoo ta'u, boodarra fayyaa hawaasaa irratti xiyyeeffachuun waa'ee dhibeewwan daddarboo kanneen akka HIV AIDS fa'aarratti hojii hubannoo uumufi barsiisuu hojjattaa turuu hima.

"Narsii taatee hojjatteetti, deessistuu taatees hojjatteetti. Dhumarratti ammoo fayyaa hawaasaa irratti [xiyyeeffachuun] HIV AIDS dabalatee dhibeewwan [daddarboo] heddurratti duula hubbannoo uumuu gaggeessaa turte," jedha.

Xalayaa Annee Maariyaaf - "Kennasaa jettee maqaa akka naa moggaaste harmee kootu natti hime"

Aanne Maariyaan umurii manguddoo tokkoo Oromiyaa keessa jiraachuusheen Afaan Oromoo qixuma hawaasa wajjin jiraattuu haasofti.

Harmooliin dahuumsaaf, waldhaansaaf ykn rakkoo biraaf Anne Maariyaa bira yoo deeman afaanumasaanin itti haasa'anii tajaajila barbaadan argatanii galu.

Ogummaa deessisuun yeroo dheeraa hawaasa tajaajilte keessatti "xalayaa namni Kennasaa jedhamu naaf barreesse yoomiyyuu hin dagadhu jettee natti himte" jedha Roobsaan.

Anne Maariyaan akkuma haadholii biraa tajaajiltu guyyaa tokko harmeen Kennasaa dahuumsaaf ishee bira dhufanii erga deessiftee booda, mucaa kana Waaqatu siif kenne waan ta'eef "maqaasaa Kennasaa" jedhiin jettee haadha mucichaa gorsiti.

Ofiishee lammii Jarmanii waan taateef maqaa afaan Jarmanii: Muular, Adoolf, Herman, Kaarl fa'aa jettee hin moggaasne. Maqaadhuma Oromoo hawaasa keessa jiraattee 'Kennasaa' jettee itti moggaaste.

Haati kennasaas gorsa Anne Maariyaa hin dinne- Kennasaan ala mucaasheetti maqaa biraa hin moggaasne.

Kennasaan erga guddatee booda waa'ee maqaasaa dubartiin Anne Maariyaa jedhamtu kan ogummaa waldhaansa fayyaan hawaasa gargaaraa turte gaafa inni dhalatu akka moggaasteef itti himte.

Kennasaanis dubartiin adiin biyya biraa irraa dhufte maqaa Oromoo moggaasufiisheetti gammadee, qaaman argee galateeffachuu hin dandeenye. Yeroo kanatti Anne Maariyaan umuriin dulloomtee soorama baatee Jarman mandara dargaggummaa isheetti irraa gara Oromiyaa deemte Hermansibargitti deebiteetti.

Kennasaan Anne Maariyaaf bakka isheen jirtutti xalayaa barreessefii gaafa inni dhalatu 'Kennasaa' jettee maqaa moggaasufii isheef akka ishee galateeffate "yeroo lubbuun jirtu natti himtee turte" jedha Roobsan Makkoo.

Aannee Maariyaan osoo waa'ee saba Oromoo hin dhagahin dura akkuma hawaasi Jarmanii yeroo sana itti jiraatu tokkootti, erga barattee booda jiruu dhaabbattee ijoollee godhachuun jireenya dhuunfaashee jiraachuu barbaaddi turte.

Haa ta'u garuu, magaalaa Barliin irraa fageenya muraasa irratti kan argamtu mandara Hermanisbarg keessaa mishinaroonni heddu sana dura gara kutaalee Itoophiyaa garaa garaa, keessumaa Lixa Oromiyaa deemuun barsiisa amantiin alatti tajaajilawwan fayyaafi barnoota ammayyaa babal'isaa turaniiru.

Isheenis waa'ee saba Oromoo mishinaroota mandarashee keessaa gara Oromiyaa dhufanii deebi'an irraa dhageessee, "saba kana tajaajiluun qaba" jettee abjuu heerumtee ijoollee godhachuu dhiistee dargaggummaan gara Itoophiyaa qajeelte.

Anne Maariyaan bulchiinsa Hayila Sillaasee kaatee mootummoota hanga yeroo dhiyootti Itoophiyaa keessa kana jiraatte yoo taatu, rakkina garaa garaa keessatti nuffii malee uummata tajaajilaa akka turte hima Roobsaan.

"[Hawaasa] tajaajiluun waan tokkoodha, saba sana jaalalaan tajaajiluun ammoo waan biraadha. Waan sabni sun qabu- aadaa in jaalatti, afaansaa in jaalatti.

Osoo fiigdee hin quufin biyya ishee keessaa baatee saba afaanis bifaani wal-hin fakkaanne keessa dhaqxee jaalalaan tajaajiltee gaafa dulloomtee miila fuudhuu dadhabdu waggaa 90 booda gara Jaramnitti deebite," jechuun beekumsas humnas waan qabdu hundumaa hawaasa keessa jiraatteef kennitee akka obbaafatte hima.

Anne Maariyaan bara 1928tti Jarman, Hermansibargitti dhalattee waggaa 62 kan ta'uuf Oromiyaa keessatti tajaajila tola ooltummaa erga kennitee booda ganna 97tti