Barsiisaa amantii, barreeessaa hog-barruu, hakiima,...: Luba Dafaa Jamoo

Madda suuraa, Samuel Daffa & Negash Qement
- Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa
- Gahee, Gaazexeessaa
Bara barnoota ammayyaa argachuun abjuu fakkaatutti kanneen barnoota ammayyaa baratanii hawaasa barsiisuf abjootanii abjuusaanii milkeessan keessaa tokkoodha.
Barsiisaa amantii jabaadha; barnoota amantii qofa osoo hin taane barnoota idilee barachuun barsiisuu qofa osoo hin taane barreessaa beekamaadha; hakima fayyaas ture- Luba Dafaa Jamoo jedhama.
Tajaajila amantiin lubbuu namootaa sooruu qofa osoo hin taane, barnoota ammayyaan sammuu dhalootaa qaraa ture. Cabaa waldhaanee, dhukkubsataa yaalee fayyaa namootas fayyisaa ture.
Luba Dafaa Jamoo mootota sirnoota Itoophiyaa bulchan bara Minilikii kaasee hanga bara bulchiinsa Mallas Zeenaawitti nama argeedha.
Bara 1910tti Godiina Wallagga Lixaa, Ayiratti dhalatani. Itoophiyaa keessatti bakkeewwan mishinaroonni Amantoota Wangeelaa biyyoota Awurooppaa irraa dhufan buufatan keessaa Ayiraan tokko yoo taatu, Luba Dafaa Jamoos mishinarota biyya Jarmanii irraa dhufaniin barnoota amantii qofa osoo hin taane barnoota ammayyaa argatan.
Barreessaa Olaanaa Waldaa Warra Wangeelaa Beetel Itoophiyaa kan ta’na Luba Dr. Girmaa Zawudee waa’ee Luba Dafaa Jamoo Waldaa Makaana Yesuus Itoophiyaatti luba jalqabaa akka ta’na BBCtti himan.
“Lubi Dafaa Jamoo misiyoonii warra Jarmantu barsiise. Mishinaroonni jalqaba Itoophiyaa lixan warra Siwidiniiti, jarri gara Najjoo deeman. Warri Jarman ammoo gara Ayiraa deemani,” jechuun Luba Dafaa Jamoo isaan jalatti akka baratan him.
Mishinaroonni Lutharanii Ameerikaam kan Siwidiniifi Jarmanii fa’aa walitti dhufuun bara 1958tti waldaan Makana Yesuus osoo hin hundaa’in dura, Luba Dafaa Jamoo Mishinarii warra Jarmanii jalatti namoota barnoota amantii cinaatti barnoota ammayyaa baratanii ija banatan muraasa keessaa tokko akka ta’antu hiimama.
“Lubi Dafaa Jamoo osoo waldaan Makaana Yesuus hin hundaa’in duraa osoo Jarman Misiyoonii keessa jiraniitu luba kan ta’na,” jechuun Ebla 14, 1933 luba jalqabaa waldaa warra wangeelaa ta’uun akka muudaman himu Dr. Zawudee Girmaa.
‘Lubi Dafaa Jamoo hog-barruu Oromoof amma gumaache hin jajamne'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lubi Dafaa Jamoo barsiisa amantiifi tajaajila hafuuraa waldaatti kennamuun alatti waa’ee aadaa, afoola, duudhaa Oromoo ilaalchisee kitaabota heddu akka barreessantu himama.
Haa ta’u malee, gumaati isaanii heddu bahee hin mul’anne. Negaash Qimaant miidiyaa hawaasaa gubbaatti seenaa Oromoo, kitaabota dur barreeffamanii amma gabaarra hin jirreefi seenaa saboota biroo heddumminaan miidiyaa hawaasaa irratti qooda.
Negaash kitaabota Luba Dafaa Jamoo barreessaniifi gumaata hog-barruu Oromoo keessatti qaban yeroo heddu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa.
Lubi Dafaa Jamoo barsiisaa amantii ta’anis waa'ee amantii, aadafi seenaa akkasumas afoola Oromoo irratti kitaabota 27 akka barreessan BBCtti kan hime Negaash Qimaant, kitaabota kanneen keessaa jaha qofti maxxanfamuun gabaarra akka oolaniifi kaan ammayyuu osoo hin maxxanfamin akka jiran ibse.
"Luba Dafaa Jamoo] qorataa seenaafi aadaa turan," kan jedhu Nagaash Luba Dafaan dhimma amntii qofa osoo hin taane hawaasni hubannoo waliigalaa akka qabaatuf nama hubannoo uumaa turan akka ta'an hima.
Hanga mootummaan Hayilasillaasee bara 1926 ALItti mishanaroonni kamiyyuu afaan Amaariffaafi fidala Saabatiin malee qubeedhan barreessun akka hin danda'amne labsutti, mishinaroonni qubee Laatiniin Afaan Oromoon kitaabota amantii hiikanii barsiisaa akka turan hima Nagaash Qimaant.
"Dargiin aangoo erga qabatee booda sabaafi sab-lammoonni fidala Saabatiin afaan isaanin barreessuufi barachuu akka danda'an hayyamuu hordofee Luba Dafaa Jamoo fidala Saabatiin afaan, aadaafi seenaa Oromoo bifa kitaaban maxxansuu danda'eera," jedha.
Akka Nagaash jedhutti, Luba Dafaan kitaabota barreessan barattoonni qorannoo gaggeessan akka wabiitti akka itti gargaaramaniif koppiiwwan muraasa bifa kennaan Yuunivarsiitii Finfinneetiif kennaniiru.
Kennaa isaanii kanaaf Yuunivarsiitin Finfinnee bara 1975 ALItti Luba Dafaa Jamoof xalayaa barreessen, kitaabota kennaan argate maqaa tarreessun galateeffachuusaa hima Negaash.
Kitaabonni kunneen waa'ee aadaa, safuu, afoola Oromoo irratti waan xiyyeeffataniif qubee Afaan Oromoon irra deebin osoo maxxanfamanii Dhaloota Qubeef fayidaa guddaa akka qaban kan ibsu Negaash, "Luba Dafaan hanga hog-barruu Oromoof gumaache hin jajamne" jedha.

Madda suuraa, Negash Qement
Luba Dr. Bantii Ujuluu Kiristaanummaa fi amantaa Oromoo ganamaa irratti qorannoo kan gaggeessan, barsiisaa amantiitiifi qorataa seenati.
Amantaan Warra Wangeelaa baruumsi ammayyaa akka babal'atuuf gumaata guddaa akka qabuufi dureewwan amantaa Warra Wangeelaa hawaasni Oromoo afaansaatin akka baratuuf gumaachan keessaa Luba Dafaa Jamoo tokko akka ta'an dubbatan turtii kanaan dura BBC waliin taasisaniin.
Yeroo duraaf bara 1904 sababa amantaa kanaan [Amantaan Warra Wangeelaa] lixa Oromiyaa keessatti barnoonni ammayyaa akka eegalame kan himan Dr Bantiin, Oromummaa fi Oromoo cimsuu keessatti gahee qabaachuusaa fakkeenya fudhachuun kaasu.
"Abbaan Gammachis Afaan Oromootti wangeela hiikee, Afaan Oromoon wangeela lallabuun jalqabamuun Afaan Oromoo afaan waaqeffannaa taasise.
"Itti dabalees carraan barnootaa akka babal'atu taasise ," jedhu.
Namoonni Adda Bilisummaa Oromoo ijaaruu irraa hanga hogganuutti gahee olaanaa qaban hedduun kanneen akka Baaroo Tumsaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Obbo Leenco Lataa fi warren kaanis, warra manneen barnootaa Amantoota Warra Wangeelaa kana keessatti "baratanii erga of baranii booda, eenyummaa isaanii gaafachuu, hacuuccaa Oromoorra gahaa ture qolachuuf carraaquu eegalani," jedhan.
Dabaluunis, "Abbootiin amantii akka Luba Dafaa Jamoofaa amma danda'ametti amantaa fi Oromummaa wal bira qabanii oofuuf yaalaa turan," jechuun namoonni amantii cinaatti aadafi eenyummaasaanii akka hin daganneef tattaafachaa akka turan BBCtti himanii ture.
‘Lubi Dafaan Oromoon akka baratuuf hanga biyya alaa deemee gargaarsa kadhachuutti dhama’aa ture’
Adde Qanaatuu Koorsaa haadha warraa Luba Dafaa Jamooti. Hanga Lubi Dafaan bara 2002 du’aan biraa sokkaniitti Aadde Qanaatufi Lubi Dafaan gaa’ela dhaabbatanii waggoota 67 waliin jiraatan.
Aadde Qanaatun bara 1921tti Dambi Doollotti dhalatan. Har'a manguddoo ganna 1004 yoo ta'an, ji'oota muraasa dura kitaaba seenaa Luba Dafaa Jamoofi ofiisaanii mata duree Reverend Daffa and I: The Reminiscence of our lives in My Own Words jedhu barreessun maxxansiisaniiru.
Adde Qanaatun bara 2015 Raadiyoo Warra Wangeelaa wajjin turtii taasisaniin Lubi Dafaa Jamoo tajaajilaa amantii qofa osoo hin taane, uummanni Oromoo hacuuccaa sirnoota dhufaa darbaa jala ture akka baratuufi dubbisuu danda’uuf heddu dhamaatii guddaa gochaa akka turan dubbatanii ture.
Ofiisaanii Dambi Doollotti dhalatanii kan guddatan Aadde Qanaatun haatifi abbaansaanii daa'imummaatti irraa du'uurraa kan ka'e warri mishinarootaa fudhatanii giddisan.
Hanga Luba Dafaa wajjin gaa’ela dhaabbatanitti magaala Dambi Doolloo warra mishinarootaa biratti akka guddataniifi hanga kutaa 8 barachuu himan.
Xaaliyaanin bara 1935 osoo Itoophiyaa hin weerarin dura Dambi Doolloo keessa lammiilen biyyoota garaa garaa kanneen akka Armanootaa, Giriikotaafi Araboonni fa’aa jiraataa akka turan kan dubbatan Adde Qanaatun, yeroo sanas ijoolleen Afaan Oromoo dubbatan afaan Ingiliffaa akka hin baranne hacuuccan irratti godhamaa akka ture gaazexeessaa Raadiyoo Warra Wangeelaa Roobsan Makkootti himan.
Haa ta’u garuu, namoonni mishinaroota jalatti barataniifi hawaasni Oromoo hacuuccaa garaa garaa keessa ture akka baratuuf fedhii qaban keessa adda dureen Lubi Gidaadaa Soolan cichee akka isaan barreessufi dubbisuu danda’aniif isaan barsiisaa akka ture himu.
Aadde Qanaatun abbaafi haatisaanii ijoollummaatti waan irraa du’aniif warruma mishinarii biratti guddatan. Achumatti Luba Lataa Waaqayyoo [abbaa Obbo Leencoo Lataa fa’aa] wajjin akka barataniifi warrumti addiin akka abbaafi haadhaa ta’anii Luba Dafaa Jamootti akka heerumsiisan dubbatu.
Yeroo Xaaliyaanin Itoophiyaa weerartu mishinaroonni baruumsa amantii cinaatti manneen barnootafi hospitaala fa’aa bananii hawaasa tajaajilaa turan gara Sudaanitti baqachuu kan himan Adde Qanaatun, sana mishinariin Jarmanii tokko osoo isaan hin beekin suura kaasee Luba Dafaa Jamootti agarsiise.
“Ani hin beekne Waayisman [mishinarii Jarmanii Luba Dafaa Jamoo waliin wal-beekan] suura na kaasee abbaa ijoollee kootti agarsiisee intala kanan si fuusisuu barbaada jedheen,” jechuun sana booda Luba Dafaa Jamoon jaarsummaa ergatanii akka wal-fuudhan dubbatu.
“Giiftin na guddiste yoo isheen heerumuuf fedha qabaatte gaafadhaa jennaan, nan heeruman jedheen. Achumaan Qes Gidaan fa’aa, Qees Maammoo [Corqaa] fa’aa, firoonni koos jijjiru isaan na heerumsiisan,” jechuun deemsa dheeraa guyyaa afurii booda biyya Luba Dafaa Jamoo gahanii jireenya tokko jedhanii eegalan.

Madda suuraa, Negesh Qement
Lubi Dafaafi Adde Qanaatun gaa’ela dhaabatanii yeroo gabaabaa booda, hojiin waldaa gaggeessufi tajaajila hafuuraa irra guddeessi mishinaroota biyya biraan gaggeeffamu isaanirratti kufe. Xaaliyaanin Itoophiyaa weeraruu booda, mishinaroonni biyyaa baqatan.
Yeroo sana saamtonni nama saamufi ajjeesun baramaa ta’uu kan himan Adde Qanaatun, Lubi Dafaa Jamoo ogummaa waldhaansa fayyaas mishinaroota irraa waan barataniif amantoota waldaa qofa osoo hin taane namoota kanneen saamtotaan waraanaman fa'aa madaa irraa miiccanii yaalaa akka turan Raadiyoo Warra Wangeelatti himan.
"Yeroo faranjoonni adeeman qorichi waa nuu hafeera manatti. Dhukkubsatoonni baay'en jiru. Shiftaan ammoo yeroo sana baay'ee nama ajjeesu. Nama hidhanii wawwaraananii ajjeesne jedhanii biraa deemu. Achii baatanii nutti fidu; Qees Dafaan madaa kana harka isaatin irraa qulqulleessee, isa cuuben tarsaasan hodhee, marfee waraanee, madaa kana hidhee fayyisa," jedhu.

Madda suuraa, Negesh Qement
Ogummaa fayyaan alatti ogummaa fakkii kaasus akka qaban kan himan Adde Qanaatun, Luba Dafaan keessumaa uummanni Oromoo akka baratuufi eenyummaasaa akka baruuf dhaloota fagootti ilaalee hojjataa akka ture dubbatu.
"Kan har'aa duwwaa hin yaadu inni, waan fuula duratti ta'u ni beeka. Guyyaa booddetti Oromooni akka afaan Oromoo hin wallaalle barsiisanii caafani," jechuun Luba Dafaan kitaaba Kuusaa Sagalee Oromoo jedhu maalif akka barreessan himu Aade Qanaatun.
Kitaaba isaanii kana keessatti waa'en sirba, geerrarsa, weedduu yeroo ayyaana garaa garaa kanneen akka ateetee, yeroo dubartoonni weeddiftuufi maal jedhamee akka weeddifamu waan hawaasa keessa jiru dhaloota boriif kaa'aniif kaa'aniiru.
Lubi Dafaan dheebuu dhaloonni akka baruuf qaburraa kan ka'e, "Halkan ka'ee baatiriidhan caafa [barreessa]" kan jedhan Adde Qanaatun hawaasa Oromoof manneen barnootafi manneen yaalaa akka ijaaramaniif deeggarsa gaafachuu Jarman deemanii akka turaniifi sana booda warri Jarmanii ogeeyyii fayyaa akka erganiif himan Adde Qanaatun.
'Guuboo jechootaa Afaan Jarmaniifi Oromoo barreessuu'
Weerara Xaaliyaanii dura mishinaroota Awurooppaa Lixa Oromiyaa buufatan keessaa tokko lammii Jarmanii Pastor Waasmaan jedhamuudha.
Wassemanif Luba Dafaa Jamoo michoo amanamoo ta'uu bira darbee afaan walii wal-barsiisun ittiin barreessuuf gahan: Luba Dafaan Afaan Oromoo Waasmaan barsiisee; Waasmaan ammoo Jarmaniffa Luba Dafaa Jamoo akka barsiise marsariitin Dictionary of African Christian Biography jedhamu ni ibsa.

Madda suuraa, Negesh Qement
Waasman yeroo mishinaroota Ameerikaa Dambi Doolloo bira deemetti, Aadde Qanaatuu argee suura kaasun akka fuudhuf nama Luba Dafaa Jamootti agarsiisedha.
Luba Dafaa Jamoofi Waasmaan guuboo jechootaa (diikshinarii) afaan Jarmaniifi Afaan Oromoo qopheessun alatti kitaabota amantiifi faarsawwan garaa garaa afaan Jarmanii irraa Afaan Oromootti hiikaniiru.
Aadde Qanaatun Raadiyoo Warra Wangeelatti akka himanitti, obboleessi angafaa Luba Dafaa Jamoo mishinaroota warra Adveentistii biratti barachuunsaa Luba Dafaanis carraa barnootaa akka argatu karaa baneefira.
"Angafisaa Miijanaa Jamoo jedhama. Inni fidala xaafee [barreessee] kenneefii isatu barsiise. Sana booda kitaabayyuu dubbisuu jalqabe," jechuun akkamiin Lubi Dafaan barnoota ammayyaa akka baratan himu.
Ergasiimmoo waggaa lamaaf Finfinnee deemun barnoota amantii erga baratanii booda gara Ayiraatti deebi'uun weerara Xaaliyaanii dura luba jalqabaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus ta'uun muudaman.
Weerara Xaaliyaanoo booda ammoo mishinaroonni dur Luba Dafaa wajjin hojjataa turan kanneen akka Waasmaan fa'aa biyyaa akka bahan godhamuusaanii irraa kan ka'e hojiin kitaabota barreessuu, amantoota jajjabeessuu, gaggeessummaan waldaafi namoota dhukkubsatan yaaluu Luba Dafaa Jamoofi Adde Qanaatuu fa'aarrattu kufe.
Adde Qanaatun keessumaa kitaaba Luba Dafaan barreessan keessaa Kuusaa Sagalee Oromoo kan jedhu gargaaranii akka barreessan himu.
"Anis ergan dhufee [ergan itti heerumee] gargaaren barreessaa ture. Shamarran ammoo walitti qabeen waa'ee qulqullinaafi akka itti mana qabatan nan barsiisa. Biqiltuu garaa garaa mana kiyya bira dhaaben namoota naannoo koo jiraniifis nan dhaaba. Waanan ani qabu akka qabaatan, waanan ani beeku akka beekanin hojjachaa ture," jedhu Adde Qanaatun.
Luba Dafaa Jamoo haadha warraasaanii Adde Qanaatuu wajjin waggaa 60 oliif gaaa'elaan waliin kan jiraatan yoo ta'u, ijoollee 9 waliin godhataniiru.
Luba Dafaan ganna 92tti bara 2002 du'aan.












