Luba Gidaadaa Soolan: Seenaa awwaalaa ol jiraatu!

Luba Gidaadaa Soolanii fi Aadde Dhinsee Shoolii

Madda suuraa, Gidada Theolgical Collage

Namoota seenaa Itoophiyaa keessatti gumaata gumaachanii fi oolmaa biyyaaf oolaniin dhiibbaa guddaa fiduun yaadataman keessaa tokko Luba Gidaadaa Soolan. Bara baruumsi akka laayyootti hin argamnee fi abjuu fakkaatutti baruumsa idileefi amantaa barate.

Bara nama afaan Ingiliffaa barate baatiriin barbaadanii hin argannetti daarii lafaa Dambi Doollodhaa hanga masaraa mootummaatti afaan hiikuf nama barbaadamaa ta’e.

Gidaadaa Soolan qaroo dhabeessa Itoophiyaa keessatti seenaa amma tulluu gahu hojjatee darbeedha.

Garuu hanga inni hojjatee fi gumaache seenan isaa barraa’es ta’ee dubbatamee hin mul’atu. Gidaadaa Soolan luba amantii beekamaa ta’us bara jiraatetti hojii barsiisa amantiin alatti ofii qaro dhabeessa ta’ee dhaloonni akka baratee doofummaa jalaa bahuuf nama shoora guddaa taphataa tureedha.

Seenan maalin isa yaadata? Dhaloonni ammaa maal irraa barata? Kanaa fi kanneen biroo irratti seenaa Gidaadaa Solaan, waan inni hojjatee darbee fi gumaacha isaa BBCn namoota itti dhiyeenyan waa’ee isaa qoratanii fi beekan akkasumas ragaalee barreeffamaa garaa garaa irraa walitti cuunfun akkanatti dhiyeessa.

Dhaloota hanga karaatti bahee kadhachuu

Luba Gidaadaa Soolan bara 1901 tti Qeellam Wallaggaa, Dambi Doolloo bakka Alaqaa Sootalloo jedhamutti akka dhalatan ragaalen garaa faraa ni mul’isu. Dhalatee gaafa waggaa 5 weerara dhibee maariyyeejedhamuun (maaree) akka qabamee fi agartuu isaa akka dhabe dubbatu Waldaa Makana Yesuus Itoophiyaatti Qindeessaa Sinodosoota Beetel kan ta’an Luba Tafarii Barkeessaa.

Bara sana namoonni hedduun weerara dhibee maariyyee kanaan du’anii turuu fi obbolaan Luba Gidaa Soolan biraa du’anii inni agartuu dhabee lubbuun akka hafe ragaalen ni mul’isu.

Ilma Gidaa Solaan kan turanii fi Pirezidaantii Itoophiyaa ta’uun tajaajijlanii kan turan Dr. Nagaasoo Gidaadaa kitaaba isaanii ‘Daandii’ jedhu keessatti sababa dhibee kanaan obboloonni abbaa isaa biraa du’anii abbaan isaanii sababa dhibee kanaan agartuu dhabanii lubbuun akka hafan barreessaniiru.

Akka isaan jedhanitti Luba Gidaa Soolan gaafa waggaa 15 guutu bataskaan Madaaniyaalamii magaala Dambidoolloo keessatti argamu dhaqee akka kadhatuuf namni isa gorsinaan bataskaana dhaqee kadhachuu eegale.

Luba Girmaa Zawudee pirezidaantii Waldaa Warra Wangeelaa Beetel Itoophiyaa yoo ta’an seenaa Itoophiyaa irratti bal’inaan namoota dubbatan keessaa tokkoodha.

“Gidaadaa Soolan hanga kadhachuu eegalutti qaro dhabeessa ta’us harkumaan qaqqabatee boqqoolloo aramaa fi handaqii fa’aa dhahuun maatii isaa gargaaraa ture,” jedhu.

Gidaadaa Soolan waggaa shaniif bataskaana Madaaniyaalamiitti deddeebi’ee kadhataa akka turee fi gaafa umuriin isaa 10 gahu waanti seenaa isaa jijjiiru akka isa mudate himu Luba Girmaan.

Qaroo dhabuun kadhachuurraa gara qaroo namaa banuuutti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba jaaraa 20ffaa yeroo weerarri ‘Hidaar Bashitaa’ ykn ‘Ispaanish Filuu’ jedhamu addunyaarratti namoota miliyeena hedduu fixe sana gara Itoophiyaas galee ture.

Sanaan dura Dajjaach Jooten Zawudituu fincilee waan tureef loltoonni Dajjaach Birruu isa loluu dhaqanii Dambi Doolloo buufatanii turan waan ta’eef dhibeen kana irraa akka yaalamaniif hakimoonni mishinaroota gara Itoophiyaa seenuun waldhaansa akka godhan mootummaan Zawudituu gaafatee ture,” jedhan Luba Zawudeen.

Mishinaroonnni Yunaayitid Pirisbateeriyaan Mishin jedhaman Sudaan (kan amma Sudaan Kibbaa taate) irraa ka’uun karaa Gambeellaa Dambi Doolloo galuun yaala kennuu fi wangeela nama barsiisuu eegalanii akka turan himu.

Mishinaroota Ameerikaa dhufan keessaa Itoophiyaa keessatti bu’uuraalee fayyaa heddu hundeessun kan beekamu Dr. Toomas Aleeksandar Laambee nama tokko ture. Dr. Toomas Laambee namoota isaa wajjin karaa Konsiilaa Ingilizii yeroo sana Gambeellaa keessa turee bara 1909 gara Dambidoolloo seenun loltoota Dajjaach Birruu fi namoota biroos yaaluu akka eegalan himu Luba Girmaan.

Dr. Toomas Laambee magaala Dambi Doolloo keessatti hospitaala ijaaree bakka namoota yaalutti ganama yeroo hunda wangeelli akka lallabamu gochaa ture waan ta’eef, “Gabbisaa Soolan kan jedhamu obboleessi angafaa Gidaadaa Soolan, faranjoonni warra Giriikii hin taane dhufanii jiru isaan dhaqii kadhadhu jedhee gorse,” jedhu bara sana mishinaroota warra Ameerikaatin alattis Giriikonni Dambi Doolloo akka turan himuun.

Gorsa obboleessa isaa dhagahuun Gidaadan hospitaala Dr. Laamben fa’aa itti nama yaalan horii kadachuu deddeebi’uutti ka’e. Yeroo sana akka ammaa birrii osoo hin taane ashaboo ykn amooletu akka horiitti lakka’ama ture waan ta’eef isa kadhachuu dhaqe.

“Yeroo hundumaa doktaroonni ganama ganama daqiiqaa 15’f sagalee Waaqayyoo lallabanii sana booda hojii eegalu ture. Gidaa Soolanis torbee lama deddeebi’ee dhaggeeffataa ture yeroo galu ammoo ashaboo fudhatee gala ture.

Torbee lama booda guyyaa tokko faranjii namoota sana barsiisu maal hubattan? Jedhee gaafannaan, Lubi Gidaadan luqqisii torban lamaan darbe baratan hunda deebisaniif. Sana booda faranjoonni dinqifatanii kuni sammuu guddaa qaba, yoo barsiifne kana caala baruu danda’a jedhanii achuma hospitaala keessatti iddoo qopheessanii Macaafa Qulqulluu barsiisuu eegalan,” jedhu Luba Girmaa Zawudee.

Lubi Gidaadan waggaa tokkoof faranjoota biratti bireelidhaan katabuu fi dubbisuu erga eegaleen booda lallabaa wangeelaa ta’ee akka itti fufetu himama. Barsiisa amantiitin alatti yeroo faranjoota bira ture ogummaa garaa garaas baratee ture jedhama.

Wangeela lallabuun cinaatti namoonni akka isaa arguu hin dandeenye baratanii akka dubbisaniif fedhii guddaa waan qabuuf Dr. Toomas Laambee wajjin dubbachuun manni baruumsaa qaro dhabeeyyii yeroo jalqabaaf bara 1947 tti Dambi Doolotti akka banamu kan taasise Luba Gidaadaa Soolani.

Dandeetti waa qabachuu Gidaadaa Soolan kan arge Dr. Toomas Laambee Macaafa Qulqulluu bireelidhaan barraa’e fideefii achirraa barsiisaa akka turee fi Gidaadaa Soolan Itoophiyaatti nama yeroo jalqabaaf Macaafa Qulqulluu bireelidhaan barreeffame dubbisee achirraa nama barsiise akka ta’e ragaalen heddu ni agarsiisu.

Dheebuu waa barachuuf qabu irraa kan ka’e yeroo gabaabaa keessatti afaan Ingiliffaa barate. Bara sana namni afaan Ingifaa beeku baatiriidhan barbaadama waan ta’eef Luba Gidaadan bakka hundatti barbaadama ture.

‘Ingiliziif hojjata jechuun Xaaliyaanin hidhaa waggaa 14 itti murteessite’

Yeroo Xaaliyaanin bara 1935 tti Itoophiyaa weerarte lammiilen biyya alaa, keessumaa mishinaroonni Ameerikaa fi Ingilizii biyya gadi dhiisanii bahan.

Yeroo mishinaroonni gadi dhiisanii deeman hojiin mishanroonni hojjataa turan hunduu gateettii Luba Gidaadaa Soolan irratti kufe.

Warri faranjootaa Xaaliyaanota baqatanii deemuu irraa kan ka’e amantoota keessaa tokko tokko, “Waaqnis isaan wajjin nu gatee deemee egaa jedhanii gaafannaan, lakki isaanti deeme malee Waaqayyo fudhatanii hin deemne, inni nu waliin jira jechuun saba jajjabeessaa turan” jedhu Luba Tafarii Barkeessaa.

Xaaliyaanonni Itoophiyaa akkuma qabataniin guyyaa tokko namni lammii Ingilizii tokko xalayaa Luba Gudaadaf barreessa. Namni kun akkuma Luba Gidaadaa qaro dhabeessa waan ta’eef Luba Gidaadaa jajjabeessudhaaf xalayicha barreessee ergaaf. Namichis Luba Gidaadaf, “Nuyi warri amma dukkana keessa jirru kuni mootummaa isa itti aanutti ifatti baana jedhee barreessef.

Xalayichi sun harka warra xaaliyaanii gale. Amma dukkana keessa jirra, mootummaa isa itti aanutti ifatti baana jechuun mootummaan Xaaliyaanii amma jiru dukkana, isa itti aanutti ifatti baana jechuun bilisa baana jechuu keeti mitii?” jedhanii hidha jedhan Luba Girmaan. Ergaan xalayichaa garuu waa’ee mootummaa lafa irraa osoo hin taane ergaa amantii qaba.

Yeroo sana Xaaliyaanin mana hidhaa guddaa Jimmaa qabdi waan ta’eef bara 1938 tti Dambi Doollodhaa fuudhanii Jimma geessun waggaa 14 itti akka itti muran himu Luba Girmaan.

Haa ta’u garuu murteen Luba Gidaadan mana hidhaa Xaaliyaanii Jimma jiru keessa baay’ee osoo hin turin loltoonni Ingilizii dhufuun Xaaliyaanota waan hari’aniif namoonni mana hidhaa keessaa bilisa bahan.

Luba Gidaadaa Soolan maatii waliin

Madda suuraa, Kitaaba Daandii Nagaasoo irraa

‘Namni qaroo hin qabne akkamitti dubbisuu danda’a jedhanii Hayilasillaasen dinqifatan’

 Loltoonni Ingilizii dhufanii Xaaliyaanota hari’anii yeroo mana hidhaatii namoota baasan, loltoota namni afaan Ingiliffaan loltoota xaaliyaanii kana simatee keessumsiise Luba Gidaadaa ture. Loltoonni Xaaliyaanii mo’amanii erga bahanii booda Hayilasillaasen karaa Sudaanin gara biyyaatti deebi’e.

Hayilasillasen gara biyyaatti gaafa deebi’u loltoonni Ingilizii oolmaa Luba Gidaadaa Soolan afaan Ingiliffaa akka danda’u, yeroo isaan Jimma seenan afaan Ingiliffaan kan isaan simatee fi qaro dhabeessa ta’ee nama bireelii dubbisuu danda’u ta’uu itti himuu dubbatu Luba Girmaan.

Hayilasillasenis nama oolmaa Ingilizootaf oolefi qaroo osoo hin qabaatin dibbisa jedhame kana dinqifatee arguu barbaade. Hayilasillasee dubbisuuf beellamni qabameefii dubbisuu akka danda’u itti agarsiif Macaafa Qulqulluu bireelidhaan barreeffame fudhatee gara masara mootummaa qajeele.

“Dubbisuu dandeessaa jedhanii gaafatan, eeyyee jedheen. Macaafa Qulqulluu harkaa fuudhanii gaafa ilaalan qalamaan waan barraa’e homaa hin qabu. Mee hoodhu iddoon bane kana osoo hin jijjiirin dubbisi jedhaniin [Hayilasillaasen).

Hayilasillaasen osoo hin beekin Macaafa gadi garalchee ture waan ta’eef Luba Gidaadan gaafa fuudhu, mootii macaafni kun gadi garagalee jiraa fedha keessan yoo ta’e ol gara galchee dubbisuu? Jedheen. Eeyyee jedhaniin. Bakki Hayilasillasen mallattoodhan iddoo kana dubbisi jechuun itti kenne ammoo, “Yaa mootii, yaa mootii naan jettu garuu waanan ani isiniin jedhu hon gootan,” jedha. “Dhaabi! Dhaabi hin gahaa! Jedhe Hayilasillasen,” jedhu Luba Girmaan.

Gidaadaa Soolan erga masaraa mootummaatti waamamee bireelii dubbisuu akka danda’uu fi afaan Ingiliffaa nama bareechee dubbatu ta’uu isaa Hayilasillaasen argee booda, gara Dambidoollotti deebi’ee hojii isaa akka itti fufu hayyamni kennameef.

Gidaadaa Soolan si’a lammaffaa Finfinneetti Hayilasillasee wajjin wal arguu isaa

Gidaadaa Soolan gara Qeellamitti erga deebi’een booda angawoonni naannoofi abbootin amantii biroon naannoo kanatti wangeela hin lallabdu jechuun dhiibbaa irraan gahaniin Hayilasillaasee biratti iyyata isaa dhiyeeffachuuf gara Finfinnee imale.

“Erga Finfinnee dhufeen booda kufee miilli isaa waan cabee hospitaala Zawudituu kan yeroo sana warri Adventistii ijaaranitti yaalamaa achumaan ammoo dhimma oliyannoo isaas hordofaa waggaa lamaaf Finfinnee ture.

Guyyaa tokko Hayilasillaasen hospitaala seenee osoo dhukkubsattoota gaafatuu Luba Gidaadaa Soolan argee, maalif akka dhufe gaafate. Angawoonni mootummaafi abbootin amantii akka inni wangeela hin barsiifne dhorkanii oliyannoo fidatee akka dhufee fi dhukkubsatee hospitaala akka jiru itti hime. Hayilasillaasenis, akkuma fayyiteen masara mootummaatti na bira koottu jedheenii deeme,” jedhu.

Gidaadan yeroo sanatti barsiisa amantiitin nama beekamaa fi sadarkaa dhiibbaa guddaa uumurra nama tureedha. Afaan Ingiliffaa bareechee beekun isaa ammoo warra adii fi Hayilasillaasee biratti akka jaalatamu isa taasiseera.

Gidaadan erga fayyeen booda Hayilasillaasee bira deemun oliyannoon isaa waggaa lamaaf lafarra harkifataa ture furamee inumaayyuu hayyama Waldaa Warra Wangeelaa Beetel Itoophiyaa Raas Abbabaa Aragaayii Immiruu biraa fudhatee gara Qeellamitti akka deebi’etu dubbatama.

Seenaa amantoota warra wangeelaa Itoophiyaa keessatti akka biyyoolessaatti socho’uu dandeessu jedhamee bara 1948 tti kan hayyamni kennameef Waldaa Warra Wangeelaa Beetel kan Gidaadaa Soolan gaggeessu tureef akka ta’e himu Luba Girmaa Zawudee.

Luba Gidaadaa Soolan ijaallee waliin

Madda suuraa, Kitaaba 'Daandii Nagaasoo' irraa

‘Ijoollee koo qabeenyan isin dhaalchisu hin qabu baruumsan isin dhaalchisaa baradhaa’

Gidaadaa Soolan uummata Sayyoo bira darbee uummattoota Kibbaa kanneen akka Shakkaa, Beench Maajii fa’aa biratti baay’ee jaalatamu ture.

Dr. Nagaasoo Gidaadaa kitaaba seenaa isaanii ibsu ‘Daandii’ jedhu keessatti akka barraa’etti Luab Gidaadan maatii isaanii fudhatanii gara Beench Maaji fi ummattoota Kibbaa keessa bakka heddu deemun hojii wangeela barsiisaa turan.

“Lallaba wangeelatiin alatti namoonni akka baratan, dhugaan akka hin jallanne namaaf falmaa turan. Inumaayyuu namoonni Gidaadan ‘daanyaa’ nuuf haa ta’u jechaa turan,” jechuun nama araarsu fi dhugaa namaaf deebisuu keessatti gahee guddaa taphataa akka turan dubbatu Luba Girmaan.

Gama biraan namoonni ‘fidala’ yeroo sana ‘ha hu’ akka lakkaa’aniif Luba Gidaadan dhamaatii guddaa akka godhantu himama.

Kitaaba ‘Malikta Yohaannis’ jedhamu kan warri mishinarootaa karaa Waldaa Ortodoksii Itoophiyaa maxxansiisun namoonni barreessu fi dubbisuu akka danda’aniif maxxansiisun raabsaa turan fuudhun namoota ollaatif hiraa akka turee fi namoonni walitti dabarsanii akka ‘fidala’ lakkaa’an duula jabaa gochaa akka ture ragaalen addaa addaa ni agarsiisu.

Kanarraa ka’uun warri mishinaroota mana baruumsaa magaala Dambi Doollotti ijaarun namooni heddu akka achii baratanii bahaniif sababa guddaa kan ta’e Gidaadaa Soolan akka ta’e kaasu Lubi Girmaan.

Duula Gidaadaa Soolan fa’aa taasisaniin yeroo sana akka biyyaatti Itoophiyaa keessatti namni barate kan argamu Qeellam fi Asmaraa irraa akka ta’e dubbatu Luba Girmaan.

Kana qofa osoo hin taane, dhiibbaa tajaajila hunda galeessa- tajaajila hafuuraa, kan baruumsa idilee, fayyaa fi namoomaa- Gidaadaa Soolan fa’aa eegalaniin namoonni siyaasa Oromoo keessatti gahee guddaa taphatan baratanii akka bahan godhameera jedhu.

Lubni Gidaadan ijoollee isaanitiin, “Ijoollee koo qabeenyan isin dhaalchisu hin qabu, baruumsan isin dhaalchisaa baradhaa” akka jechaanii akka ture himu Lubi Girmaan.

Kanarraa ka’uun ijoolleen Gidaa Soolan siyaasa Itoophiyaa keessatti shoora guddaa taphatanii darban Dr. Gidaadaa Soolanii fi Dr. Solomoon Gidaadaa agarsiistuu gumaacha Gidaadaa Soolan gama barnootan gumacheti.

Dr. Gidaadaa Soolan Pirezidaantii Itoophiyaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, Dr. Solomoon Gidaadaa ammoo akkuma mootummaan Dargii kufee EPRDF aangoo qabateen UK tti Amabsaaddara Itoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.