Sooressi addunyaa kanaa Jeef Beezos NASA himachuuf

Maark Biizos fi Jeef Beezoos

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbanni qorannoo hawaa Jeef Beezaas 'Origin' dhaabbata qorannoo hawaa Ameerikaa kan ta'e NASA himachuuf jira jedhame.

Dhaabbanni hawaa Jeef Beezos 'Blue Origin' kan himachuuf jedhu waldhabdee murtee kanfaltii doolaara biliyoona 2.9 akka teknolojii 'Lunar lander' jedhamu tolchaniif Elon Musk's SpaceX kennameen wal qabata.

Hogganaan dhaabbata Amaazoon duraanii akka jedhanitti, waliigaltee taasifame irratti ''rakkoolee cimaan jiraachun'' alattis haqa qabeessayyu miti jechuun himan.

Naasaan dura hojiicha dhaabbilee lamaaf kennuuf karoorsee ture. Haata'u malee Ebla darbe erga caalbaasii baaseen booda, sababii hanqiina bajataatiin dhaabbata tokkoof kennuu hime ture.

Naasaan hanga ammaatti himmanicha irratti yaadni kennee jiraachu baatus, dhaabbanni biyyaalessaa tokko ni deeggara jedhamee jira.

Dhaabbanni Blue Origin kan Jimaata darbe himannicha banes teknolojicha ijaaruuf dhaabbileen lamaan ni barbaachisu amantaa jedhu qabaachu galmicha irratti hima.

Teeknolojiin Naasaa hojjachuuf tures kan xiyyaara qorattoota hawaa fudhachuun gara addeessaatti geessuuf tureedha jedhame.

Dhaabbanni qorannoo Hawaa Naasaan teknolojii kana 2024tti yaaluuf karoorfateera.

Haata'u malee Blue Origin adeemsa caalbaasii keessatti ''gamagama seeraan alaa taasiseera'' jechuun himata.

Naasaan eenyu akka caalbaasicha mo'ate wayita ifa taasisetti dhaabbatichatti ittigaafatamaa abuura dhala namaa (human exploration) kan ta'an Kaatii Ludars, Naasaan Kubbaaniyyoota lama qacaruu irraa kan of qusate sababii hir'ina bajataatiin jedhanii turan.

Naasaan pirojakticha adeemsisuuf doolaara biiliyoona 3.3 mootummaa gaafatullee kongirasiin kan hayyamuufii danda'ee miiliyoona 850 qofaa ture.

Baatii darbe keessa Jeef Beezoos doolaara biiliyoona lama kan Naasaa hanqate kanfaluun pirojakticha keessatti hammatamuu akka barbaadu dubbatullee yaadni isaa fudhatama hinarganne.

Dhaabbanni Federaalaa Ameerikaa tokko garuu himannaa dhaabbata Jeef akkaan qeeqeera.

Naasaanis hanga baatii Onkololessatti deebii kennu qaba.

Naasaan teknolojii haaraa kanaan deegaramuu erga eegalee bara 1972 booda yeroo jalqabaatiif gara addeessaatti deebi'uuf karoorfateera.