NASAn helikooptara jalqabaa Maarsiirra balaliisuufi

Helikooptara Injinuyitii

Madda suuraa, NASA

Dhaabbattii qorannoo hawaa US NASAn Ebla keessaa helikooptara jalqabaa Maarsii irraatti balaliisuuf akka karoorfate ibse.

Helikooptarri xiqqaa NASAn Maarsii gubbaa balaliisuuf jedhu kun gara pilaanetii kanaatti kan geeffame konkolaataa Parsarviransi jedhamu kan ji’a tokko dura Maarsiirra qubsiifameeni.

Heelikooptarri ulfaatina kiiloogiraama 1.8 qabuu fi Injinuyiitii jedhamuun moggaafame kun Maarsiirra balaliiwwan gaggabaabaa gochuuf ni yaala jedhame.

Yoo milkaa’ee, akka milkaa’ina 'Wright Brothers'tti (obbolaa xiyyaara kalaqan) ilaalamuu danda'a jedha NASAn.

Orviil fi Wiilbur Raayit obbolaa bara 1903’tti yeroo jalqabaaf addunyaa irratti xiyyaara balaliisanidha.

Helikooptara kana wanti obbolaan Raayiit waliin wal qabsiisu ammo erbeen huccuu xiqqaa xiyyaraa obbolaa kanaarra ture helikooptara Injinuyiitii irratti maxxanfamuu isaa akka ta’e dhaabbatichi ibseera.

Yeroo kanatti helikooptarri kun konkolaataa Parsarviraansitti akka maxxanetti jira.

Haaguggaan eegumsaaf irra kaa’ame ture torban darbe kan irraa ka’e yoo ta’u, guyyootii dhufan keessatti ammoo dachee pilaaneeticharra akka qubatu ni taasifama.

Injiinaroonni bakka Jezeroo jedhamu kanaratti lafa bal’ina m10 x m10 ta’u adda baasuun bakka “buufata xiyyaara” jedhaniiru.

Erbeen huccuu xiyyaara obbolaa Raayit irra ture irratti maxxanfameera

Madda suuraa, NASA/JPL-CALTECH

Ibsa waa'ee suuraa, Erbeen huccuu xiyyaara obbolaa Raayit irra ture irratti maxxanfameera

Xiyyaar-samiin Parsarviraans sochii hilikooptara kanaa hunda kaameeraatiin ni waaraaba.

“Balalii Injiyuunitii waraabuuf wanta dandeenyu hunda ni goona,” jechuun injiinarri NASA Faaraah Aliibaay dubbatteetti.

“Suuraa ni kaafna, viidiyoo waraabuufis hawwii qabna" jette.

Injinuyiitiin ulfaatina salphaa akka qabaatu godhameetu tolfame. Kunis kan godhamee atmoosfarii haphii Maarsii keessa balali’uu akka danda’uufi.

Balalii jalqabaa helikooptara kanaa karoorri injinaaroota lafarraa gara meetira sadii ol ka’ee gara sakandii 30 qofaaf balali’ee akka deebi’ee qubatu gochuudha.

Yoo kun milkaa’ee gara fulduraatti balalii isaa ciimsaa deemsiisudha.

“Ammatti, karoorri keenya balaliiwwan jalqabaa sadan irratti dandeetti balalii bu’uuraa akka agarsiisuu gochuudha,” jechuun paayileetiin dursaa Injinuyiitii Havaard Giriip BBCtti himeera.

“Yoo wanti hundi milkaa’e, dandeetti keenya bal’isuu dandeenya" jedhe.

Hoggantuun saayinsii pilaaneetota NASA, Injinuuyiitiin qorannoo hawaa eegereef filannoowwan adda addaa banuu danda’a jetti.

NASAn sagantaa Diraaganfilaay jedhamu kan xiyyaara roobootii fayyadamuun balalii Addeessa, Saatarnii Taayitanirra bara 2030’n keessa taasifamuuf jiru raggaasiseera.

Pilaaneeta biraarra meeshaa balaliisuun kan jalqaba milkaa’an Soviyeetidha, kana kan godhan bara 1980’n keessa yeroo atmoosfarii Viinasitti affuuffee balalii Veega jedhamu balaliisan ture.