NASAn helikooptara xiqqaa Maarsirra balaliisisuun milkaa'e

Madda suuraa, NASA
Ejensiin hawaa Ameerikaa NASAn helikooptara xiqqaa Maars irra balaliisisuun milkaa'e.
Xiyyaarri nam-maleessi [helikooptarri] Ingenuity jedhamte kun daqiiqaa tokkoo gadiif qilleensarra akkasumaan humanaafi to'annaa malee turte garuu NASAn yeroo jalqabaatiif humna itti gochuun to'annoo isaatiin gara addunyaa biraatti ishee balalliisisuu danda'eera.
Akka xiyyaarri kun Maars irra balali'uu dandeesse mirkaneeffannoon kan dhufe ammoo karaa saatelaayitii Maars irra karaa sirna elektirikaan ragaa gara Dacheetti erguun ture.
Ejensiin kun balaliisisuu xiyyaara biroo ajaa'iboo biroo guyyoota itti aanan erguuf akka jirullee waadaa galeera.
Helikooptarittiin kun yeroo injiinaroonni tekinooloojiin kun hangam akka gahu baruudhaaf akka ol fagaatee balali'u ajajamuuf jirtu.
"Nuti amma dhalli namaa helikooptara gara pilaaneta biraatti erguu danda'eera," jedha manaajera pirojektii kanaa kan ta'e MiMi Aung gammachuu guddaadhaan.
Aabba MiMi Aung Pasaadeenaatti Nasa Jet Propulsion Laboratory keessatti manaajara pirojektii Ingenuity kanaati.
"Nuti waa'ee yeroon Wright Brothers keenyaa Maars irratti milkeessuu ilaalchisee yeroo dheeraatiif dubbachaa turreerra. Inni amma kunooti [milkaa'eera]."
Wright Brothers obbolaa lamaan xiyyaara hojjechuun seenaa keessatti beekamanidha.
Helikooptariin Maars Ingenuity jedhamtu kun yeroo bakka itti ergamterra balaliitu meetira sadii ol kaatee akkuma jirtuun baalleen ishee erga nanna'een booda yeroo lafa qabattu agarsiisa ergaan achii ergame.
Xiyaara Pilaanetii Diimtuu klanarra geessuun hojii salphaa miti. Atimoosfariin isaa baayisee qallaadha, kun ammoo %1 densiitii Dachee asii kanarra jiruudha. Akkas ta'uun atimoosferii ammoo baallee/kaattuun xiyyaarattii akka deebiyee ka'uuf xiqqoo qofa gargaara.
Kanaaf jecha Ingenuity baayyisee salphaa gochuun kan hojjetamteefi kaattuu ishee akka saffisa gara maleen hafarfattu gochuuf humni kennameefii tolfamte. Baallee/kaattuun helikooptara kanaa daqiiqaa tokko keessatti akka si'a 2,500 marsitu gochuun hojjetamte.
Milkaa'inni jalqabaa kun akkamitti akka addunyaawwan biroo nurraa fagoo jiran itti abuuruu dandeenyu bu'uurarraa kan jijjiiru ta'uun abdii kan namatti horudha.
Gara fuula duraatti dirooniiwwan drasanii ergamuun akka naannawaa daawwachuun astiroonoomeroonni gara Maars deeman gargaaruuf malu ta'a.
Nasan amummayyu helikooptara gara saatelaayita guddichaatti Addeessa Saataarn jedhamuutti ergamu qopheesseera. Ergamni maqaa Dragonfly jedhamu moggaafame kun saatelaayita guddichaa Addeessa Saataarn irra walakkeesa 2030moota keessa ergame jedhamee eegama.













