SpaceX: Tuuriistonni yeroo jalqabaaf gara hawaa imalan nagaan dacheetti deebi'an

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita garba Atilaantikii gubbaa qubatan

Namootni astironootii hin ta'iin afur turtii hawaa keessaa guyyoota sadi booda nagaan garba Atilaantikii gubbaa qubataniiru.

Garee namoota idilee oorbitii dacheerra imale isaan jalqabaati.

Gareen 'Inspiration4' jechuun waamaman kunneen xiyyaar-samii dhaabbata 'SpaceX' jedhamuun Roobii darbe Filooriidaa irraa ka'anii, Sanbata kaleessaa garba Atilaantikii qarqara Filooriidaa qubatan.

Paaraashuutiiwwan afur xiyyaar samichatti hidhaman, xiyyar-samichi suuta akka qubatu taasisaniiru. Boodarraa bidiruun 'SpaceX' garba keessaa baaseera.

Gareen 'Inispiration4' namicha biliyeenara hogganaa olaanaa dhaabbata daldalaa 'Shift4 Payments' Jaared Ayizaakman jedhamuun durfama ture. Namichi kun akka ajajaa ergama kanaa ture.

Jaared imala namoota afurii kanaaf maallaqa hammi isaa hin ibsamne garuu barruun 'Time' doolaara miliyoona 200 akka ta'u tilmaame dhaabbata 'SpaceX' kan qabeenyummaan isaa biliyeenara biraa Eelan Mask ta'eef kafaleera.

Jaared namoota sadi isa waliin gara hawaa imalan akkanumaan kan filate yoo ta'u, isaan keessaa tokko dhukkuba kaansarii irraa kan dandamatte dubartii ganna 29 Heeylii Arkaaneeks jedhamtudha.

Battala qubatanitti Jaared imala gaarii akka turee fi kun kan jalqabaa akka ta'e dubbateera.

Imalli kun imala sadaffaa dhaabbanni Eelan Mask 'SpaceX' namoota gara hawaa ittiin geessee deebisedha. Turiizimii hawaa keessatti boqonnaa haarawa.

Eelon Mask erga jarri deebi'anii qubatanii booda "Congratulations @Inspiration4x !!!" jechuun tiwiitara gubbaa barreesse.

"Imalli hawaa namoota idileef caalaatti banaa ta'eera, baga nagaan gara bara hawaa lammaffaa dhuftan" kan jedhe ammoo direektara imala miilanaa kan ta'e Tood Eeriksani.

Jaared Ayizaakman fi miseensota garee isaa xiyyaar-samii ittiin imalan keessatti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jaared Ayizaakman fi miseensota garee isaa xiyyaar-samii ittiin imalan keessatti

Xiyyaar-samii ittiin imalan kana kan to'achaa ture sirna koompiitaraa irratti tolfame yoo ta'e, gareen 'SpaceX' lafarra jiru ammoo hordoffii godhaa ture.

Xiyyaar-samittiin gara Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) hin dhiyaanne garuu dacheeraa kiiloomeetira 575 ol fagaattee 'balaliinsa bilisaa' godhaa turte.

Gareen baatilee jahaaf leenjii fudhataa turan dacheerra guyyaatti yeroo 15 naanna'aa turan.

Wayita isaan imalarra turan ogeeyyiin ammoo hamma ooksijiinii dhiiga isaanii keessa jiru, haala hirribaa fi dandeettii waa hubachuu fi xiinxaluu sammuu isaanii akkasumas mallattoolee fayyaa bu'uuraa isaanii walitti qabaa turan.

Kana kan godhan hawaa keessa turuun namoota qorattoota hawaa hin ta'iin irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu qorachuufi.

Gareen kun Hospitaala daa'immanii Seent Juud jedhamu Tiniisii keessatti argamu kan Heeylii Arkaaneeks keessatti wal'aanamteef maallaqa walitti qabuuf karoora qaba.

Meeshaalee gara hawaa fuudhanii deeman caal-baasiif dhiyeessanii gurguruuf yaadan keessaa tokko gosa gitaaraa xiqqoo 'Ukelele' jedhamtudha.

Daldalli namoota idilee akka tuuriistiitti hawaa daawwachiisuu Eelan Maskiin alatti qalbi biliyeenaroota akka Sar Riichaard Biraansan fi Jeef Beezoos hawwateera.

Lamaan isaaniituu bara kana xiyyaar-samii kan ofii isaaniitiin gara hawaa imalanii deebi'an.