Namticha buufata hawaarratti salaaxaa magarsaa jiru

Namticha hawwarratti salaaxaa biqilchu

Hawaa keessatti astironomarooti fayyaa gaariin akka turan gochuuf kuduraalee hedduu soorachuun barbaachisaadha. Garuu orbiitii keessatti akkamiin kuduraa biqilfachuu danda’u? Salaaxaan namicha tokko biqilchaa jiru tarii deebii qabaachuu mala.

Firaank Mortan qonnaa Origoon jiruu fi haadha warraa isaa Keeran waliin irratti hojjatu keessatti nama hojii sanyii biqiltoota haaraa uumuun hojjatu yoo ta’u, ogeessota nyaata bilcheessan biratti omishni isaa jalatamummaa qaba.

Hojii sanyii biqilitoota uumuu fi raafuu salaaxaa hawaa keessatti biqilfamu qabachuu kan eegale, waggaa 40 dura obdii raafuu magariisaa isaa keessatti yemmuu raafuun diimaa adda ta’e tokko biqiledha.

Bara 1981tti Mortan qonnaan bulaa ta’ee hojjachuu eegale. Jalqaba irratti gosa raafuu lama qotuu eegalee, raafuu beekaman lamaan.

Yeroo raafuun isaa ija horatu, kan waggaa itti aanu faacasatu ol kaa’ata ture. Ija kana facaasee raafuu magariisa 200 ol ta’an keessatti waan adda ta’e tokko arge. “Qixxa lamaan isaanii raafuun diimaa tokko jira ture,” jedha.

Raafuu gosa lamarra makamee uumame akka ta’e bare. Sanyii biqilaa isaa lamaan waliin makee facaasee, waggaa itti aanuu raafuu bocaa fi halluu adda addaa argate. Akkamiin gosti tokko isa biraa waliin wal makee kan biraa akka uumu hubachuu eegale.

Sanyii biqiltoota waliin make waggootaaf sanyii haaraa uumaa deemuun madda galiii isaa ta’e, dabalataanis garuu sanyii haaraa akkamii itti aanee uumuu akka danda’u irratti fedhii isaa dabale.

Sanyii biqiltoota biroo akka mimmixaafi hundee diimaa biratti raafuun inni oomishu halluun isaa diimachaa deeme. “Raafuun kun hagam diimachaa deema kan jedhu irratti gaaffii dabalataa uumaa deeme,” jedha. Biqilaa haaraa argatu kaan waliin wal makaa haaraa kan biraa argachuuf abdachaa deemaa ture.

Yeroo sanatti raafuun barameeru isa magariisa ture, kanaaf raafuu Outredgeous jedhamu kun yeroo argamu argannoo addaa ture.

Raafuu salaaxaa hawaa irratti biqilfame

“Baayyeema diimaa waan tureef qonnaan bultoonni raafuu itti hin fakkaanne. Hidda diimaa wayii itti fakkaate,” jedha Mortan.

“Diiminni isaa ajaa’ibsiisaa ture. Kanaaf maqaan akkanaa moggaafameefi.”

Karaa dhaabbata sanyii biqiltootaa filatamoo Jooniittiin Moortan sanyii Outredgeous kana gabaatti dhiyeesse.

Boodarra sanyiin raafuu isaa kun hawaa keessatti akka fayyadamamu baree qorataa Nasa jiru kana wiirtuu hawaa idil-addunyaa keessatti raafuu isaa biqilchu qunnamee Outredgeous bu’aa addaa kan biraa akka qabu bare.

Yeroo saayintistoonni gosa kuduraa kam irratti qorachuu akka qaban murteessuuf yaadanitti, kuduraa isa kamtu baakteriyaa badaa hin qabaatu kan jedhu yaadaa turani jedha.

Wiirtuu hawaa irratti kuduraan E.kolaayi hawaa keessa jirun hubamee hojjattoota dhibeef saaxiluu danda’a yaaddoo jedhu qabu ture, kudurootni biroonis baakteeriyoota akkanaaf saxilamoo turani.

“Raafuun Outredgeous “baala isaa irratti baakteriyaan wal horu xiqqoo ture’ jette,” jechuun kan qorattuun Nasa itti himte yaadatee hima. Raafuun isaa filatamee, seenaa uume.

Har’a, Moortan hojii sanyii biqiltoota waliin makuu hedduu qabatee jira. Amma gosa raafuu haaraa biraa uumuuf yaalaa jira.

Gosa haaraa biqilchaa jiruun waa jalqabate qaba. “Gosti isaa wal fakkaataadha, bakkeen isaa halluu diimaadha, ani keessi isaa halluu dimadii akka qabaatuufan yaalan jira,” jedha. “Raafuu babbareedoo hedduun qaba jechuu nan danda’a.”