Tinsaa'ee Alamaayyoo: Dargaggoo Itoophiyaa abdii saayinsii hawaa Afriikaa ta'e

Tinsaa'ee Alamaayyoo Alii dargaggoota indastirii teeknooloojii hawaa keessatti filataman kanneen umriin isaanii 30 gadi ta'e 10 keessaa tokko ta'eera.
Taatee kanaan booda ammoo guyyoota muraasa keessatti Jaarmiyaa Space Generation Advisory Counsel jedhamutti qindeessaa dame Afriikaa ta'uun filatame.
Dargaggoon umrii waggaa 23 Tinsaa'ee Alamaayyoo, dargaggoota filataman keessaa umriidhaan xiqqoo ta'an isaa fi lammii Zimbaabwee Taafaadizwaa Baangaa dha.
Tinsaa'ee Alamaayyoo Yuunivsersitii Maqaleetti barataa wagga 5ffaa oggaa ta'u, jaarmiyaa saayinsii hawaa Itoophiyaa, Ethiopia Space Science Society, jedhamutti miseensa ta'ee hojjeta.
Akkamiin gara Saayinsii Hawaa seene?
Tinsaa'ee Alamaayyoo Saayinsiin Hawaa akkamii fi yoom qalbiisaa akka hawwachuu eegale akkanaan ibse:
''Barnoota sadarkaa lammaffaa yeroon jalqabu fedhiin koo dabalaa dhufe. Amala koo keessatti barreeffamoota dubbisuun jaalladha.
"Waanan dubbise wayitan xiinxalu maqaan Itoophiyaa seenaa, fayyaa fi dameewwan biroon ni ka'a. Damee saayinsii hawaan garuu yeroo dhiyoo as mul'achuu jalqabne.
"An akka namoota kaanii saayinsii fi teeknooloojii keessatti hirmaachuu kootu kanatti na fide osoo hin taane seenaa keenya qorachuu kootu garanatti na fide jedheen yaada.''
Keessattuu gara damee saayinsii hawaarratti akka xiyyeeffatuuf ga'een barsiisaa fiiziksii isaa olaanaa akka ture dubbata.
Akkamiin filatame?

Tinsaa'ee Alamaayyoo dargaggoota umriin isaanii waggaa 30 gadii 10 damee indastirii hawaa Afriikaaf kan kaadhime qaama biraa ta'uu hima.
Keessattuu jaarmiyaan biyya Morookoo tokkoo fi jaarmiyaan Space Generation Advisory Counsel jedhamu akkanni filatamuuf gumaachuu hima.
Isa booda murteessitoonni idiladdunyaa ragaa dhiyaate erga sakatta'anii booda lammiilee Afriikaa keessaa tokko gochuun filachuu dubbata.
Indastirii saayinsii hawaaf Itoophiyaarraa kan filatame garuu Tinsaa'ee qofa miti.
Dhaabbata Saayinsii hawaa fi Teeknooloojii Itoophiyaatti qorattuu kan taate dubartiin umrii waggaa 29 Beetelehem Girmaa tarree namoota filatamanii keessa galteetti.
Dhimma Yuuniversitii Maqalee…
Yuuniversitii Maqaleetti barnoota Makaanikaal Injinariingiin waggaa xumuraarra kann jiru Tinsaa'ee Alamaayyoo, haala amma jiruun barnootisaa karaatti dhaabbatee akka jiru hima.
«Aniyyuu akka carraa ta'ee dhaabbati an''internship' itti ba'u as Finfinnee waan jiruuf malee barattoonni hedduun Maqalee akka turan nan beeka. Dhalattoonni Tigraayiin ala ta'an Maqaleedhaa kan ba'an dhiyeenya kana ture. An waraqaa internship kiyyallee hin dhiyeessine. Giddu gidduu taaneema jirra.''
Tinsaa'ee Alamaayyoo jaarmiyaalee hawaa addunyaarratti beekaman keessaa kan Ameerikaa Nasa, kan Awurooppaa Esa fi kan Jappaan Japan Aerospace Exploration Agency (JAXA) arguuf fedha akka qabu himeera.
Kan Chaayinaa fi Raashiyaa ilaaluuf baayyee fedhii akka hin qabne dubbatte Tinsaa'ee Alamaayyoo.
Kanaan dura gara Tarkii deemuun 'Observatory' magaalaa Ankaaraatti argamu daawwachuu kan hime Tinsaa'ee Alamaayyoo, fedhiinsaa guddoon garuu buufataalee kunneen sadan daawwachuu akka ta'e ibse.
Saayinsii Hawaa Itoophiyaa
Baasiin Itoophiyaan saataalaayitii gara hawaa erguuf baastuu fi kan biyyoota guddatanii gonkumaa wal hin argu jedha Tinsaa'ee Alamaayyoo.
Haata'u malee teessummni lafashee saataalayitii gara hawaa erguuf akkaan mijataa ta'uu ibse.
«Namoonni hedduun dhuguma saataalaayitiin Itoophiyaaf barbaachisaa? jedhu. Garuu teeknooloojiin guyyaa guyyaan fayyadamnu-ATM, Saataalaayitii TVfi kaan- yoo ilaalamu barbaachisummaasaarratti falmiin jiraachuu hin qabu. Saataalaayitii mataa keenyaa yoo fayyadamne baasii guddaa ofirraa hambisuu dandeenya.''
Itoophiyaa keessatti barnoota teeknooloojii saayinsii hawaas ta'e tajaajila kennuuf meeshaaleen hojiirra oolan akkaan booddeetti hafoodha jedha Tinsaa'ee Alamaayyoo.
Karoora gara fuulduraa
"An cimee barnoota koo bakkaan ga'uufan dursa kenna. Sababni isaa hojiin keenya barnootaan deggeramuu qaba.
Yeroo rabbi jedhetti digirii kiyya xumuree isa booda MA itti fufuudha. Digirii qabachuuf qofa osoo hin taane beekumsa damee indastirii hawaa keessatti na fayyadu kuufachuun qaba,'' jedha Tinsaa'ee Alamaayyoo karoorasaa itti aanu yoo himu.
Barnootasaa erga bakkaan ga'atee booda gara indastirii hawaatti makamuuf karoora akka qabus ibseera.
«Qorataa hawaa 'Astronaut' ta'uu waanan fedhuuf gama hundaan beekumsa na barbaachisu horachuun qaba. Akka Itoophiyaatti, akka Afriikaatti akkasumas akka addunyaatti dhaabbata Aerospace guddaa guddina damee teeknooloojii hedduuf bu'uura ta'e qabaachuun fedha.''
















