Buufata hawaa idil-adunyaarraa aarriifi fooliin gubataa mul'achuu hordofee akeekkachiifni kenname

Suura ISS bara darbe Soyuz irraa bara darbe kaafame

Madda suuraa, Reuters

Gurmuun ogeessotaa buufata hawaa aarrii mul'achuufi fooliin pilaastika gubatuu akka jiru gabaasuu isaanii hordofee Buufanni Hawaa Idi-addunyaa (ISS) akeekkachiisa dabarse.

Akka miidiyaaleen Raashiyaa gabaasanittii tateen kun moojulii Raashiyaan ijaarte Zvezda kan bakka jireenyaaf ta'u keessatti mudate.

Buufanni hawaa dulloomaa jiru kun waggoota darban keessa rakkoon hedduu kan isa mudate yoo ta'u, dhiyeenya keessa aanga'oonni Raashiyaa qaamni isaa iidaa (harware) dullommuufi siistemni isaa ammoo hojjechuu didaa jiraachuu akeekkachiisaniiru.

Rakkoo mul'atan keessaa ammoo qilleensa galchuu, motorri isaa gara hin taanetti ka'uufi babbaqaquudha.

Ejensiin Hawaa Raashiyaa, Roscosmos, sistemoonni hundinuu bakka sirrii duraan turetti deebisneerra jedhe.

Aarri mul'ate kun yeroo baatirii irra deebinee chaarjii guutnudha kan jedhe Ejensiin kun, gurmuun ogeeyyiin kun gara "leenjii idileetti" deebiyaniiru jedhe.

Fooliin pilaastika gubatee kun kutaa buufatichaa kan Raashiyaa irraa gara kutaa kan UStti ture kan dhaga'ame.

Ejensiin hawaa US, NASAn, akka jedhetti sochiin buufata hawaan alatti taasifamuuf Kamisatti karoorfame akka itti fufudha. Astiroonoomaroonni Raashiyaa lama moojulii saayinsii Nauka dhiyeenya ergamte irratti hojjechuuf karoorfataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Aanga'aan Raashiyaa Vilaadimiir Solovyov Fulbaana 1 miidiyaatti akka himanitti, sababii meeshaafi qaamni diidaa buufata hawaa kun dulloomaa jiruuf ISS kufaatiin deebisuu hin dandeenye keessa seenuu danda'a.

Buufanni hawaa kutaan kan Raashiyaa sistemoonni balalii keessoo isaa parsantaa 80 ta'u guyyaan hojii isaa kan irra darbeerudha jedhan Obbo Solovyov.

Ogeessi injinii kun kutaan kaargoo Raashiyaa Zarya irratti bakki baqaqeeru kan mul'ate yoo ta'u, kun ammoo adeemsa keessa hammaachuu danda'a.

Buufanni Hawaa Idil-addunyaa (ISS) kun akka pirojektii waloo Raashiyaa, US, Kanaadaa, Jappaaniifi biyyoota Awurooppaa biroo hedduun bara 1998 keessa ijaarame.

ISS jalqaba kan ijaarame waggoota 15'f akka tajaajiluuf yaadameeti.

Ebla keessa ministirri itti-aanaa Raashiyaa TV mootummaa irratti akka dubbatanitti, sibiilli buufatichaa dulloomaa jiru "miidhaa deebisuu hin dandeenyee - hamaa ta'etti geessuu danda'a waan ta'eef kun akka mudatu gochuu hin qabnu," jedhan.

Roscosmos akka jedhutti bara darbe caasaan isaa dadhabe jechuun ISS bara 2030 booda hojjechuu hin danda'u jechuudha.

Adoolessa keessa, rakkoon uumamee moojuliin Nauka dhiibamee akeekkachiise malee dhukaafamuun ISS raasee ture.

Raashiyaan Ebla keessa ISS gad dhiisuu akka dandeessuufi buufata hawaa kan mataa ishii bara 2030 keessa akka ijaarrattu himtee turte, garuu kana gochuuf wanti xumurameeru hin jiru.

Yeroo ammaa kana astiroonoomaroota torbatu ISS keessa jiru. Isaanis Raashiyaanota lama, lammiilee US sadii, nama Faransaay tokkoofi kan Jaappaan tokkodha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, SpaceX maalidha, akkamitti NASA waliin hojjeta?