Waraana Sooriyaa: Daa'imni ganna 3 yeroo boombiin dhohu kolfitu Turkiitti baqatte

Madda suuraa, UGC
Daa'imni Sooriyaa ganna sadii kan abbaan ishee akka isheen hin sodaanneef jecha yeroo boombiin dhohutti akka isheen kolfitu ishee barsiise nagaan Turkii seenuushee gabaafame.
Salwaan vidiyoo ji'a darbe keessa hedduu ilaalameen beekkamti argatte. Viidiyoon kun kan agarsiisu yeroo xiyyaarooti waraanaa naannoo mana jireenyaa ishee Idlibitti boombii buusanitti tapha isheen taphattu agarsiisa.
Torban tokko booda mootummaan Turk ishee fi maatiin ishee daangaa ce'aani akka biyyattii galan gargaaru isaa himameera.
Sooriyaa keessatti Idlib bakka ijoo finciltootaan to'atamu jirudha.
Salwaafi abbaanshee Abdullaah Mohaammad haleellaa qilleensarraan dhufu kana keessa darbuuf mala addaa dhahatani.
Yeroo boombiin dhohutti sodaachuurra akka isheen kofaltu ishee barsiise.
Yeroo ijoolleen richiitiin taphatan sagalee jiru itti agarsiisuufi sagaleen dhohiinsaa waan taphaa ta'uu akka danda'uu itti himuun daa'imni isaa akka tasgabbooftuufi gammadduu akka taatuuf gargaareera.

Madda suuraa, AFP
Taphni abbaafi intalaa kun miira namoota hedduu tuquun mootummaan Turkii akka isaan baqatanii ba'aniif akka isaan gargaaru taasiseera.
Guraandhala 25 irratti daangaa Silvegozutiin gara Turkiitti ce'uu isaanii midiyaan biyyattii 'Anadolu Agency' gabaaseera,
Kaampii baqattoota kibbaa Turkiitti argamu Reyhaanilitti geeffamaniiru jedhama.
Abdullaah Mohammad isaafi daa'imni isaa vidiyoo isaaniitiin hawaasa addunyaaf ergaa dabarsuu akka yaalan midiyaa Turkiitti himeera.
Turkii ga'uu isaafi Salwaan mana barumsaa seenuuf carraa argachuu isheen gammadaa ta'uu isaa dubbateera.
"Waraanni Sooriyaa dafee dhaabatee gara sanatti utuun deebi'ee nan hawwa," jedha.
Turkiin ammatti baqattoota Sooriyaa miiliyoona 3.7 keessummeessaa jirti.













