Waraana Sooriyaa: Waraanni mootummaa Sooriyaa harka mormitoorraa magaalota murteessoo tahan irra deebiin to'ate

Loltoota Sooriyaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Sooriyaa magaalota to'annaa mormitootaa jala turan harkasaaniitti galchaniiru

Waraanni Sooriyaa magaalaa Maaraat al-Numaan bulchiinsa Idliib keessatti argamtu harka mormitootaarraa fudhachuun irra deebi'anii to'annaasaanii jala galchuu dubbataniiru.

Miidiyaan biyyaalessaa akka gabaasetti magaalota asiin dura to'annaa loltoota jihaadistoota jala turan "bilisa" baasaniiru.

Garee dhimma kana hordofaa ture akka ibsetti loltoonni mormitootaa naannicha gad dhiisanii bahaniiru.

Lammileen kumaatamatti lakkaa'aman keessumaayyuu dubartoonnifi daa'iman waraana kana jalaa miliquuf jecha gara daangaa Tarkiitti baqataniiru.

Achittis haala jireenya baqatummaa waliin wal baruuf jecha rakkachaa jiru.

Loltoonni Sooriyaa eega wal waraansa cimaa garee jihaadistootaa Hayaat Taahrir ak-Shaam waliin taasisan booda magaalaa Maaraat al-Numaan to'annaasaanii jala akka galche dubbateera.

Dabalataanis garee jihaadistootaa gara naannoo kaabaa, Saaraaqeb fi Ariihaatti akka deeman himeera.

Riipportarri miidiyaa biyyaaleessaa Sa'anaa keessa jiru akka himetti gaafa Roobii ganama waraanni nageenya naannichaa mirkaneessuuf to'annaa kan geggessaa jiruufi boombii lafa jalatti awwaalaman akka hin doone fa'a godhaa akka ture himeera.

Map

Gareen UK tti argamu kan Mirgoota Namummaa Sooriyaa to'atu akka jedhetti loltoonni mormitootaa magaalaa Maaraat al-Numaan keessa gaafa Kibxataa bahuufi eega Jimaataati as humnoonni mootummaa magaalotaafi baadiyaa 25 ta'an waraana Raashiyaa waliin ta'uun to'annaasaanii jala galchuu ibseera.

Yeroo sanitti loltoonni mootummaa 147 fi kan mormitootaa 151 ajjeefamuusaaniis ibseera.

Waraana dhuma ji'a Ebla keessa jalqabeerraa lammiileen nagaa 1,506 du'uusaanii UN gabaaseera.

Daa'imani

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota baqatan keessan hedduunsaanii dubartootaafi daa'imani

Naannichi namoota miiliyoona 3 ta'aniif iddoo jireenyaa yoo ta'u isaan keessa %76 kan ta'an dubartootaafi daa'imani.

Wal dhabdee ji'a Waxabajjii keessa jalqabeen namoonni 358,000 ta'an qe'eesaaniirraa gad dhiisaanii gara biyyoota birootti baqataniiru.

UN lakkoofsi namoota baqatanii dabaluunsaa gargaarsa namummaa saffisaan argachuu qaban jiraachuusaanii ibseera. Ji'a Ebla fi Hagayya jiddutti namoonni 400,000 ta'an baqataniiru.

Haalli qabatamaan lafarra jiru haala qilleensaa hamaa dabalatee lolaafi qorra hamaa akkasumas gatiin boba'aa ol ka'uu waliin jireenyi akka ulfaatu taasiseera.

Dabalataanis hanqina meeshaalee fayyaafi tajaajila fayyaatu jira. Bara darbe yoo xiqqaate haleellaa Idliib keessatti raawwateen buufataaleen fayyaa 50 ta'an haleelamaniiru.