Iraan mallattoo 'Allah' jedhu alaabaa koorraa kaaste jechuun Ameerikaatiin FIFA'tti himatte

Dorgommii Waancaa Addunyaa Qaataaritti gaggeeffamaa jiruun Iraan fi Ameerikaan Kibxata dhufu waliin taphatu.
Biyyoonni dirree siyaasa addunyaa irratti waliif masaanuu ta’an kun osoo dirree kubbaa miilaa irratti wal hin morkatiin guyyaa lama dursee Federeeshiniin kubbaa miilaa Iraan garee biyyaa keessaa Ameerikaa FIFA irratti himateera.
Himannaaf sababa kan ta’e ammoo alaabaa Iraan gareen kubbaa miilaa Ameerikaa miidiyaa hawaasummaa isaarratti baaseen walqabateeti.
Gareen kubbaa miilaa Ameerikaa alaabaa Iraan irraa mallattoo 'Allah' kan faajjii Islaamiik Rippabliik Iraan mul'isu irraa balleessuun maxxanse jechuun himate Federeeshiniin kubbaa miilaa Iraan.
Kibxata borii osoo dirree dorgommii Waancaa Addunyaa irratti waliif bahuuf qophiitti jiranii gareen biyyaalessaa Ameerikaa fuula Twitter, Facebook fi Instagram isaarratti alaabaa Iraan maxxanserratti mallattoo biyyattii irraa kaaseera.
Ameerikaan himata kanaaf deebii kenniteen, Iraan keessatti mormiiwwan mootummaa irratti gaggeeffamuun walqabatee “dubartootaa Iraan keessatti akka mirgoonni bu’uuraa kabajamaniif qabsaa’aa jiraniif deeggarsa qabnu ibsuudhaaf” alaabaa biyyattii ifatti beekamu fayyadamuu dhiisuuf akka murteessite ibsiteetti.
Iraan keessatti shamarreen umurii waggaa 22 Maahisaa Amiinii jedhamtu hijaaba sirnaan hin uffanne jechuun Poolisii Naamusaa biyyattiin qabamtee booda du’uu ishee hordofee mormiin dhalate itti fufee jira.
“Gocha safuu ogummaa hin eegneen, fuulli Instagram Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ameerikaa mallattoo Allaah alaabaarra jiru balleesseera,” jechuun maddi oduu mootummaa Iraan IRNA gabaaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana hordofee ammoo, “Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan qaama olaanaa kubbaa miilaa addunyaa bulchu, FIFA'n Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaatti akeekkachiisa cimaa akka itti kennuuf ergaa imeelii ergeen gaafateera.”
Boodarra dubbi-himaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaa akka jedhetti, fakkiin alaabaa komiin irratti dhiyaate dirree miidiyaa hawaasaarraa akka kaafamu taasisuun bakka isaa ammoo alaabaan Iraan inni sirriin akka maxxanfamu godhamuu ibseera.
Haata’u malee, “ammas taanaan dubartoota Iraan nii deeggarra,” jedhe.
Iraan mormii biyya ishee keessatti dhalateen walqabatee Ameerikaafi biyyoota biroo masaanotashee ta’an mormichi akka daran hammaatuuf gochaa jiru jechuun himachaa kan jirtu yoo ta’u, tarkaanfii mootummaan Iraan mormitoota irratti fudhachaa jiruun walqabatee Ameerikaan aanga’oota biyyattiirra qoqqobbii keesseetti.
Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar kanaan ramaddii B keessatti Ingiliiz, Ameerikaafi Weels waliin kan ramadamte Iraan qabxii sadii qabachuun Ingiliizitti aanuudhaan ramaddicha keessatti sadarkaa lammaffaarra jirti.
Ingiliiziin 6-2 mo’amtee Weelsiin ammoo 2-0 kan mo’atte Iraan, tapha murteessaa garee ishee kanaa ammoo Kibxata boruu Ameerikaa waliin taphatti.












