'Haasaa dhimmoota ulaa galaanaa keessaa hin qabu'-Ertiraa

Buufata doonii Galaana Diimaa

Madda suuraa, JAMES JEFFREY

Dhuma torbee darbee irratti Ministirri Mummee Abiy Ahimad mana maree bakka bu'oota uummataaf fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuu irratti yaada dhiyeessaniif Eritiraan deebii kenniteetti.

Mootummaan Ertiraa karaa ministeera odeeffanno ibsa gabaabaa kenneen dhimma galaanaafi isaan wal qabatan irratti marii'achuuf fedhii akka hin qabne ibseera.

Ministirri mummee Abiy Ahimad mana maree bakka bu'oota uummataaf ibsa kennan jedhamee miidiyaalee biyya keessaan darbeen, dhimmi kuni marii akka barbaadu himaniiru.

Itoophiyaan biyya lakkoofsi uummataa akkaan itti dabalaa jiruufi Galaana Diimaafi Garba Hindii irraa fageenya gabaabaa irratti kan argamtu yoo taatu, yaadni hulaa galaanaa argachuu ''dhimma du'aafi jireenyaa'' tahuu himaniiru Ministirri Mummee Abiy.

''Galaana Diimaa fi Abbayyaan Itoophiyaaf murteessoo kan tahaniifi Itoophiyaa wajjin kan hidhatan, guddinaafi badii biyyattiif barbaachisoo dha,'' jechuun kan dubbatan yoo ta'u, dhimma kana marii'achuurraa baqachuun akka hin barbaachisne eeranii filannoo garagaraa dhiyeessaniiru.

Haasaan ministira mummee kanaa kallattiin buufataalee doonii Eritiraa irratti kan xiyyeefate tahuu baatus hariiroo biyyoota lamaanii waggootan darbanitti fooyya'aa dhufe rakkoo keessa galchuu mala yaaddoon jedhu jira.

Dhimma kanarratti ibsa mootummaan Eritiraa guyyoota booda ibsa gabaabaa baaseen, ''bishaan, hulaa galaanaa fi dhimmoota wal-qabatoo tahan irratti, mariin taasifamaa jiru yeroo dhihoon asitti akka malee baay'ateera, '' taajjabdootaaf gaaffii tahuu himaniiru.

Ministirri mummee Abiy Ahimad fedhiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf qabdu ilaalchisee ibsa daqiiqaa 45f kennaniin Eritiraa, Jabuutii fi Somaaliiland filannoo tahuu akka tahan ibsuun, walitti bu'insaan alatti fedhii biyyattii guutuuf dhimmoota filmaata jedhan hubachiisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaanis Itoophiyaan cehumsa galaanaa akka argattu dhaabbilee gurguddoo biyyattii Hidha Guddicha Abayyaa fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessatti qooda laachuu, lafa wal-geeddaruun fa'i akka danda'amu Ministirri Mummee Abiy eeraniiru.

Haa tahu malee mootummaan Eritiraa dhimma akkanaaf haaraa tahuu ibsuun, dhimma hulaa galaanaa irratti marii taasifamu keessaa akka hin qabneefi akka hin hirmaanne akeekeera.

''Mootummaan Eritiraa akkuma yeroo kaanii gara wal-tajjii akkasii akka hin galle mirkaneessuun,'' kanneen Eritiraaf dhimmamaniif akka hin mufanne waamicha dhiyeesseera.

Itoophiyaan biyya Afrikaa guddoo hulaa galaanaa hin qabne kan taate waggaa 30 dura Eritiraan walabummaa argachuu hordofeeti.

Kana booda biyyattiin daldala al-ergiifi miya biyyaa alaatii galuuf buufata doonii Jibuutii fayyadamti.

Itoophiyaan Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii humna galaanaashee deebistee ijaarteetti.

Dhimmi hulaa galaana argachuu Itoophiyaa ilaalchisee ji'oota darbanitti wal-tajjii garaagaraa irratti ijoo dubbii tahee tureera. Ibsi ministirri mummee mana maree bakka bu'oota uummataaf kennan TVdhaan darbuun ammoo dhimmicha ifa baaseera.