Tiraamp adeemsi Gaazaatti dhukaasa dhaabuu marsaa lammeessoo saffisaan akka eegalu abdii qabaachuu hime

Donaald Tiraamp karoorri Gaazaatti dhukaasaa dhaabuu marsaa 2ffaarratti walii galuuf abdiin akka jiru hime.
Haamaas yoo hatattamaan hidhannoo hiikkachuu baate gatiisaa argata jechuunis dhaadate Tiraamp.
Karoora nagaa abbaa qabxii 20 nageenya Gaazaaf kan qopheesse Tiraamp gareen Haamaas hidhannoo hiikkachuu akka qabu marii Ministiira Muummee Israa'el faana Wixata Filooriidaatti godhan irratti dubbate.
Israa'el haleellaa waraanni ishee Gaazaa keessatti raawwatturraa kan hafe karoora gama isheetiin irraa eegamu harka 100 milkeessitee jirti jedhe Tiraamp.
Gama biraan ammoo Iraan kan misooma misaayiloota baalistikii fi sagantaa meshaa waraanaa niwukilaraa kan itti fuftu yoo ta'e Ameerikaan haleellaa biraa Iraanirratti raawwatamu akka deegartus Tiraamp dubbate.
Israa'elii fi Haamaas yoom gara gulantaa lammaffaa karoora nagaatti akka seenan kan gaafatame Tiraamp, "Saffisa dandeenyu hundaan. Garuu [Hamaas] hidhannoo hiikkachuun dirqama" jedhe.
Waayee Haamaas yoo dubbatu: "Yoo akkaataa waliigalteetiin hidhannoo hin gatii isaanii ni argatu" jedhe.
"Yeroo gabaabaa keessatti hidhannoo hiikkachuu qabu"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Traamp Gaazaa deebisanii ijaaruun "dhiyootti" akka eegalus ibse.
Karoorri nagaa Gaazaa kan hojiirra ooluu eegale Onkololeessa darbe ture.
Karoora marsaa lammeessoo keessatti, Gaazaa diigamte keessatti mootummaan teeknookiraatii ni ijaarama, loltoonni Israael Gaazaa keessaa ni bahu, Haamaas ni hiikkata. Gaazaa deebisanii ijaaruunis ni eegalama.
Qeeqxonni, Neetaniyahuun adeemsi nagaa kun akka barfatuu akka barbaadu fi loltoonni Israa'e Gaazaa bahuun dura Haamaas akka hiikkatu barbaada jedhu.
Ministirri muummee Israa'el egeree siyaasaa Filisxeemiirratti haqummaan mariyachuuf fedha hin qabu jedhamuun qeeqama.
Qondaaltonni Haamaas hidhannoo hiikkachuun biyya walabaa Filisxeem hundeessun wal cinaa raawwatamuu qaba jedhu.
Israa'el karoora nagaa marsaa duraa gama isheetiin irraa eegamu hojiirra oolchuu Tiraamp dubbate.
"Waan Israa'el gochaa jirturratti waa tokko hin yaadda'u, kan na dhiphisun waan namoonni kaan gochaa jiran yookin gochaa hin jirre dha" jedhe.
Erga dhukaasa dhaabuun hojiirra ooluu eegalee, Gaazaatti yoo xinnaate Filisxeemonni 414 waraana Israa'eliin ajjeefamuu ministeerri fayyaa Haamaasiin gaggeeffamu ibse.
Gaazaa walakkaa ol kan to'atee jiru, waraanni Israa'el, dhukaasa kan banu, adeemsi dhukaasa dhaabuu bakka sarbametti qofa jedhe. Haamaas yeroo kana keessatti loltoota Israa'el sadi ajjeesuusaas himate waraanni Israa'el.
Wal argaa isaa Neetaniyaahuu waliinii kanarratti ibsa miidiyaaleef kennamerratti, Tiraamp, Iraan yoo bakka biraatti gabbisa niwukilaraaitti fufte US haleellaa akka raawwattu hime.
Waxabajjii darbe, haleellaan qilleensaa fi misaayilaa "bu'uuraalee niwukilaraa Iraan" barbadeessuu Traamp ibsee ture. Iraan garuu bu'uuraaleen niwukilkaraa ishee barbadaawuu waakkachuun misooma niwukilarii itti fufuu akka feetu ibsite.
"Irra deebiin ijaaruu ni yaalu jedhee hin eegu. Yoo kan ijaaran ta'e balleessuu malee filannoo biraa hin qabnu waan ta'eef," jedhe.
Iraan, gabaasicha balaaleffatteerti. Tehraan Wixata yoo deebii kennitu "doorsisa qorqalbiiti" jette.
Iraan of ittisuuf qophii guutuu qabaachuu ibsite. haleellaan biraa "balaa hamaa akka hodofsiisu" dhaadatte.
Traampii fi Neetaniyaahuun dhimmoota muddama naannichaa akka Siiriyaa fi garee hidhattootaa Hizboolaa Libaanon keessa socho'uu fa'i dubbatan.
Neetaniyaahuun Siiriyaa waliin daangaarratti nageenya mirkaneessuu akka barbaadu hime. Tiraampis Israa'el Pireezdaantii haaraa Siiriyaa, Ahmad al-Sharaa, waliin tumsaan akka hojjettu abdii qabu ibse. Preezdaantii Siiriyaa irra deddeebiin jaje.
Israa'el hoggana Siiriyaa haaraa kana miseensa Al-qaayidaa ture jechuun ija shakkiin laalaa turte.












