Atakaaroo Isaak fi Niiwukasil jidduu itti fufeefi oduu jijjiirraa biroo

Aleksaander Isaak

Madda suuraa, Getty Images

Aleksaandar Isaak ammallee Niiwukasil gadhiisuu barbaada; Maanchestar Yunaayitid karra eegaa Seenee Laameens kajeelaa jira; akkasumas Riyaal Maadriid fi Atleetikoo Maadriid ammoo kilaboota Koobii Maayinoo ilaalaa jiranidha.

Taphataan sarara fuulduraa dhalataa Ertiraafi lammii Siwiidin yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 25 ta'e ejjennoo Niiwukasil gadhiisuuf qabutti cicheema jira.

Dura taa'aan kilabichaa Yaasir Al-Rumayaan gidduu seenuu yaalus, akkasumas abbaa qabeenyaa kilabichaa keessaa tokko kan ta'e Jaamii Ruuben waliin wal arguus ammallee gara Liivarpuul deemuu akka barbaadu himeera.

Maanchestar Yunaayitid taphataa sarara fuulduraa Biraazil umuriin isaa ganna 25 ta'e Antooniin jalqaba bifa ergisaan booda ammoo dirqama bituun gara kilabii Ispeen, Riyaal Beetisitti akka deebi'uuf kilabicha waliin yaadaan waliigalteerra ga'aniiru.

Maanchestar Yunaayitid osoo foddaan jijjiirraa hin cufamin dura lammii Beeljiyeem umuriin isaa ganna 23 ta'e Rooyaal Antwerp irraa mallatteessisuuf jecha karra eegaa Seenee Laameens waliin waliigaltee dhuunfaarratti walii galuuf abdii qaba.

Jaakuun Kiwoorii

Madda suuraa, Getty Images

Riyaal Maadriid fi Atleetikoo Maadriid taphataa sarara gidduu Maanchestar Yunaayitid lammii Ingilaand ta'e yeroo ammaa muriin isaa waggaa 20 ta'e Koobii Maayinoo hordofaa jiru.

Taphataan kun Ooldiraaford irratti erga hiriiree carraan taphchuusaa hir'atee jijjiiraan deemuu barbaada.

Maayinoon taphataa sarara fuulduraa Arsenaal ganna 25 Ingiliiz Reeyis Neelsan cinatti Fuulhaamiif akka xiyyeeffannoottis mul'ateera.

Poortoon taphataa sarara ittisaa Arsenaal umuriin isaa ganna 25 ta'e lammii Poolaand Jakub Kiwoor fudhachuuf waliigaltee ergisaan booda dirqama bitachuu qaburratti walii galuutti dhihaateera.

Kiristaal Paalaas taphataa sarara gidduu lammii Ingilizii Haarvii Eliyoot kan umuriin isaa ganna 22 ta'e fudhachuuf Liivarpuul waliin mari'achuuf qophaa'aa jira. Kun ammoo tarkaanfii saffisaa taphataa umuriin 27, Ebereechee Eezee gara Arsenaal deeme bakka buufachuufidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baayer Leverkusen fi Galatasaraay taphataa sarara ittisaa ganna 30 Maanchestar Siitii fi Siwiizarlaand Maanu'eel Akaanjii mallatteessisuuf Kiristaal Paalaas waliin dorgomuuf jiru.

Bireenfoord taphataa sarara fuulduraa Boorushiyaa Doortimuund ganna 22 Jarman Maaks Beeyer fudhachuuf yaadaa kan jiru yoo ta'u, kilabni Bondosliigaa taphataa sarara fuulduraa Poorchugaal Faabiyoo Siilvaa ganna 23 Woolvisirraa fudhachuuf waliigalteerra gahuutti dhiyaateera.

Roomaan taphataa sarara fuulduraa Ingiliiz ganna 19 Taayirik Joorj mallatteessisuuf Cheelsii fi bakka bu'oota isaa waliin dubbataniiru.

Mariin Maanchestar Yunaayitid fi Cheelsiin taphataa sarara fuulduraa Arjentiinaa ganna 21 Alehaandiroo Gaarnachoo taasifamaa jiru baay'ee deemee waan jiruuf, sa'aatii 48 darban keessatti gaaffii haaraa kilabii Piroo Liigii Sa'udiirraa dhiyaate kuffiseera.

Weest Haam taphataa sarara gidduu Faransaay ganna 21 Songotoo Magassaa fudhachuuf waliigaltee paawundii miiliyoona 17.3tti dhiyeessera.

Weest Haam taphataan sarara ittisaa Notingiham Forest lammii Ayivorii Koost Ibraahim Sangaaree, kan umuiin isaa 27 ta'e, ergisaan fudhachuuf yaalaa jira.

Notingihaam Forest taphataa sarara ittisaa gama mirgaa Xaaliyaanii Niikoloo Saavoonaa, ganna 22, Juveentusirraa fudhachuuf gatiin jalqabaa £10mdhiyaate fudhatama dhabeera.

Kiristaal Paalaas taphataa sarara gidduu Ispeen ganna 22 Yeremii Pinoo paawundii miiliyoona 26 fudhachuuf Viilaariyaal waliin yaadaan waliigalteerra gahaniiru.

Taphataan sarara gidduu Liivarpuul Jeems Maakooneel kan umuriin isaa ganna 20 bara dorgommii 2025-26f ergisaan gara Ayaaksitti makamuuf jira. Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa ganna 20 kilabicha keessatti kontiraata haaraa waggaa shaniif mallatteesseera.