Waa'ee ol adeemaa Liiverpuuliin injifannoon galchee Riyoo Inguumoo maal beekna?

Taphataa ol adeemaa waggaa 16, Liiverpuul Riyoo Inguumoo galchii injifannoo lakkoofsise.

Madda suuraa, Getty Images

Riyoo Inguumoo taphataa ol adeemaa Liiverpuul ofiifis kilaba isaafis seenaa hojjettedha.

Seenaa Liiverpuul waggaa 133 keessatti taphataa jalqabaa Liiverpuul umurii xiqqaan galchii lakkoofsise jalqabaati.

Galgalli Tyneside diraamaa dhuma hin qabne fakkaata ture. Niwukasil fi Liiverpuul wanti isaan nutti hin agarsiifne hin jiru.

Haalli tapha isaanii morkattoota haaraa Piriimer Liigii keessatti uumaman isaan fakkeesseera.

Osoo ol adeemaa Riyoo Inguumoof miti tahee Liiverpuul qabxii sadii fudhatee hin deebi'u ture.

Daqiiqaa dhumaarra dirree kan gale ol adeemaan waggaa 16 Inguumoon daqiiqaa 100ffaa irratti galchii lakkoofsiseen Liiverpuul injifannoon deebi'e.

Inguumoon akkaadaamii Cheelsii keessa ture. Ijoollummaan Cheelsiitii bahuun Liiverpuul gale kunoo amma abdii boruu Liiverpuul akka tahe agrsiiseera.

Arne Isloot taphattoota gameeyyii irraa yeroo abdii injifannoo dhaban ija isaanii ara ol adeemaa kanaatti deebisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Innis St Jeemsi Paarki irratti ofiifis seenaa hojjetee deebi'e. Seenaa Piriimer Liigii keessatti taphataa shanaffaa umurii xiqqaan galchii lakkoofsise tahe.

Galchii injifannoo lakkoofsisuun ammoo Wayinii Ruuniitti aanuun taphataa lammaffaadha.

Gama barnootaanis qormaata biyyaalessaa Ingilaanditti torban darbe kan fudhate Inguumoon qormaata kubba miilaa isaa kanas darbe fakkaata.

Niwukasil jifataa isaa akkaan abdatu Aleksaandar Isaak malee akkanatti Liiverpuul dura dhaabbata jedhamee hin eegamne.

Isaan Jeemsi Paark tursuu barbaadu, Chaampiyoonaan Piriimer Liigii Ingilaand ammoo taphaticha ofitti dabaluun lakkoofsa taphattoota gameeyyii heddummeessuu fedha.

Osoo oduun kun ho'ee jiruuti kilaboonni lameen kan walitti dhufan.

Falmii cimaa garuu taphi qalbii namaa hawwatu irraa hin mul'anne kanarratti Aleksaandar Isaak osoo jiraatee waan ta'uu malu tilmaamaa!

Niwukasil hanga daqiiqaa 100ffaarratti taphataan umrii waggaa 16 Riyoo Niguumohaa goolii galchuun abdii isaan kutachiisutti homaa hin hambifanne, waan irraa eegame hunda raawwataniiru.

Taphataan umriinsaa waggaa 16 fi guyyaa 361 ta'e seenaa keessatti taphataa umrii xiqqaa Liiverpuuliif goolii galche ta'eera.

Tapha kutannoo fi miira falmii, walqoccolloo fi miira naamusa kubbaa miillaan ala ta'een guutame ture.

Waa'ee morkii Liiverpuul fi Niwukasil gaafa yaadannu falmii bara 1996 fi 1997 yaadanna. Bara sana Liiverpuul goolii 4 fi 3n injifate. Morkii cimaatu mul'ate.

Falmiin eda galgala taasisan seenaa sanatti nama deebisa.

Tapha kanarratti jalqaba wayita Liiverpuul goolii 2 fi 0 dhaan dursaa ture, gareen Edii Haawu mataan gadi cabee ture.

Taphataan sarara fuulduraa Niwukasil Antonii Goordan balleessaa ittisaa Liiverpuul Varjil Vaandaayik irratti hojjeteen kaardii diimaa argatee dirreedhaa baafamuun ammoo kilabicha yaaddoo caalutti galche.

Niwukasil nama kudhaniinis ta'uu falmachuurraa duubatti hin jenne, inumaa daqiiqaa 57ffaarratti wayita dursaan taphattoota kilabichaa goolii lakkoofsisu hamilee guddaa argatan.

Jijjiiramee kan gale Wiil Osuulaa daqiiqaa 88ffaarratti goolii lammaffaa Niwukasiliif dabaluun walqixxaatan, yoona kana harkaan walqabachu malee homaa isaan hin hafne.

Chaampiyoononni garee taphattoota kudhan qofaan taphatu waliin goolii qooddatanii ba'uun isaan yaaddessee ture.

Garuu taphataa oladeemaan daqiiqaa 100ffaarratti isaan baraare. Haala kanaan taphichi goolii 2 fi 3n xumurame. Miirri kilaboota gidduutti ho'ee tures qabbanaa'e.

Oduun waa'ee Isaak hanga ammaa hin xumuramin jiru Liiverpuul fi Niwukasil gidduutti muddama hammeesseera.

Maqaansaa Liiverpuulitti maxxaneera, sadarkaa duubatti deebi'uu hin dandeenyerra ga'ee jira.

Niwukasil taphataa lammii Siwiidiin kana Liiverpuulitti dabarsuuf paawondii miiliyoona 150 gaafate. Liiverpuul miiliyoona 120 akka kennuu barbaadu agarsiistuuwwan turan.

Liiverpuul taphataa Niwukasil akkaan barbaadaa ture Huugoo Ekitikee paawondii miiliyoona 70 ta'uun Eyintiraakt Firaankifart irraa mallatteessifachuun sababa kilaboota walitti mufachiise kan biraadha.

Dhihoo kana Niwukasil erga bara darbe tapha xumuraa Waancaa Karabaawoo irratti Liiverpuuliin injifatanii gammachuu guddaa qabu.

Jeemsi Paark irrattis tapha dura miirri kun mul'atee ture.

Ekitikeen kutaa uffannaa keessatti jijjiirratan irraa eegalee xiyyeeffannaa deeggartoota Niwukasil ture.

Wayita tapha dura maqaansaa waamamu itti qoosaa turan.

Haata'u malee dhumni isaa hin bareedin hafe. Gareen Edii Haawu miira Jeemsi Paark keessa tureen onnachuun sochiin taasisan xumura bareedaa malee hafeera.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot taphataa umrii waggaa 16 kilabichaaf goolii mo'ichaa galche hammachuun gammachuusaanii wayita ibsan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot taphataa umrii waggaa 16 kilabichaaf goolii mo'ichaa galche hammachuun gammachuusaanii wayita ibsan

Maddi walqoccolloo kanaa, fedhii Liiverpuul Isaak irraa qabu, hanga gabaan jijjiirraa taphattootaa cufamutti, sanas darbee deemuu danda'a.

Deeggartoonni Niwukasil utuu ilaalanii Aleksaandar Isaakiin ganamuu yoomuu hin dagatan.

Kilabichi akka taphataan kun gadhiisee carraa biraa barbaaddatuuf sababa ta'uu isaaf abaaraa jiraatu.

Haalli kun walqoccolloo waggootaaf turuu danda'a uuma.

Niwukasil dallaa isaa fi Isaak gidduutti ijaarame diiguun taphaticha ofitti deebisuu barbaada, garuu kana gochuun sadarkaa ulfaaturra ga'eera.

Liiverpuul kana injifate jechuu dandeenya, itti aansee kan isaan irratti xiyyeeffachuu qaban ittisaa Kiristaal Paalaas Maark Geehii bituudha. Kana osoo dhimma Isaak irratti murtee tokkorra hin ga'in milkeessuu barbaadu.

Tapha isaanii jalqabaa Boornimaz waliin eegalanirratti gareen Arnee Siloot qoramanii turan. Inumaa taphicha injifachuusaanii dura goolii 2 walqaixa ta'anii turan.

Kanaaf ammoo hanqinni sarara ittisaa irratti isaan mudate salphaa hin turre.

Ammas Siloot taphattoota kudhaniin haala kanaan qoramuun akkaan isaan yaaddessuu qaba.

Inumaa goolii Niguumohaa dura Niwukasil goolii galchuun Liiverpuuliin mo'achuuf ga'umsa horatee ture.

Liiverpuul taphoota jalqabaa lameenuu mo'atus garuu ga'umsi isaa akka bara darbee miti. Tapha bareedaa, olaantummaa taphaa fi ofitti amanamummaatu isa hanqata.

Niwukasil wayita dhimma Aleksaandar Isaak gara tokkotti baasuuf deemaa jiran kanatti qaawwasaanii cufachuufis tattaafataa jiru.

Morkiin, keessattuu kan dhimma egeree Isaakiin walqabatu kun, kan yeroo dheeraaf turu ta'a.