Saakaan taphoota afur dhufan irratti hin hirmaatu, miidhamni Odegaard Anfiildirraa isa hin hambisu

Saakaa fi Odegaard

Madda suuraa, Getty Images

Taphattoonni Arsenaaliif murteessoo ra'an Bukaayoo Saakaa fi Martin Odegaard tapha tokkorratti miidhamuun kilabichas ta'e deeggartootaa fi jaallattoota kilabichaa rifaasisee ture.

Taphattoonni gameeyyiin lameen tapha Leeds Yunaayitid waliin taphatan irratti osoo yeroon jijjiirraa hin ga'in miidhamaan dirreedhaa ba'an.

Tapha Arsenaal goolii hedduu, 5 fi 0 dhaan injifate kanarratti ga'umsi Bukaayoo Saakaa olaanaa ture.

Taphataan lammii Ingilaand umrii waggaa 23 kun tapha boqonnaa duraa daqiiqaa dabalataa irratti goolii bareedduu Arsenaaliif lakkoofsisus boqonnaa booda dirree keessa baayyee hin turre.

Miidhama sarbaa isaa irra ga'een (hamstring injury) dirree keessaa ba'e.

Dursaan taphattoota Arsenaal Martin Odegaard ammoo miidhaa irree isaa irra ga'een boqonnaa dura dirree keessaa ba'e.

Miidhamni taphattoota kunneenii kilabicha akkaan akka miidhu beekamaadha. bara darbes sababoota Arsenaal waancaa dhabsiisan keessaa tokko miidhama taphattoota kunneenirra ga'edha.

Haata'u malee miidhamni taphattoota kunneenii kan alanaa akka sodaatame hin taane. Erga taphattoonni kunneen qoratamanii booda Arsenaal oduu aagaa dhagaheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon fayyaa Saakaa fi Odegaardiif taasifame akka mul'isutti miidhamni isaan mudate kan yeroo dheeraaf irra turu miti.

Kun hamilee Arsenaal guddoo ol kaase.

Taphicha booda leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa yaada kennaniin, miidhamni Saakaa mudate ''cimaa fi yaaddessaa'' itti fakkaatee akka ture dubbatan.

Garuu taphattoonni lameen yeroo dheeraaf tapharraa kan fagaatan akka hin taane wayita dhagahan sodaa fi yaaddoo irraa salphisuu himan.

Bara darbes Bukaayoo Saakaa miidhaa sarbaa isaa mirgaa irra ga'een ji'oota afuriif dirreerraa fagaatee ture.

Kun Arsenaaliif kisaaraa guddaa ture. Miidhaan amma isa mudate garuu bakka bara darbe isa mudate miti, amma sarbaa isaa isa bitaatu miidhame. Miidhamni isa mudates akka kan bara darbee hammaataa akka hin taane agarsiise bu'aan qorannoo fayyaa jalqaba ba'e.

Bukaayoo Saakaa miidhama isa mudate kanaan tapha Dilbata dhufu Liiverpuul waliin taphatan dabalatee taphoota afur dhufan irratti hin hirmaatu.

Akkasumas tapha gulaallii Waancaa Addunyaa, Ingilaand ji'a dhufu keessa Andorra fi Sarbiyaa waliin taphattu irrattis hin hirmaatu.

Miidhamni Odegaard ammoo tapha Liiverpuul waliin qaban irraa kan isa hambisu akka hin taane ibsameera.

Arsenaal barana taphuma jalqabaarratti taphataa isaa sarara fuulduraa Kayi Havertiin dhabeera.

Taphataan kun tapha Piriimer Liigii Ingilaand kan bara 2025/26 isa jalqabaa Manchister Yunaayitid waliin taphatan irratti miidhamni jilbasaa mudateera.

Miidhamni isaa kunis yeroo dheeraaf akka turu barameera. Garuu Arsenaal qaawwa hanqina taphataa kanaan uumamu duuchuuf tarkaanfii hatattamaa fudhate.

Haasaa halkan tokkootiin Eberechi Eezee Kiristaal Paalaas irraa mallatteessuun seenaa Piriimer Liigii Ingilaand keessatti jijjiirraa ariifataa ta'e raawwateera.

Arsenaal Eezee paawondii miiliyoona 60 baasee fiduun kilabichaaf boqonnaa, deeggartootaa fi jaallattootaaf ammoo tasgabbii uume.

Eberechi Eezee kilabasaa ijoollummaa, kan umriisaa waggaa 13 dirqamaan keessaa dhiibamee baafame, kan yeroo hundaa itti deebi'uuf hawwuun guddoo simatame.

Arsenaal Havertiin malee taphattoota akka Kiristaan Noorgaard fi Gabreel Jesuusis miidhamarraa kan ka'e itti hin fayyadamne. Taphattoonni kunneen dorgommii Leeds Yunaayitid waliin kilabichi taasiserratti hirmaachuu hin dandeenye.

Kilabichi oduu miidhamaa fi abdii taphattootaa haaraa qabu kana qabatee Hagayya 31 gara Liiverpuul imalee falmata.

Arsenaal taphattoota isaa gameeyii miidhamaan dhabus sababa kanatti akka bara darbee miidhama yaaddoon jedhu waan jiru hin fakkaatu.

Kilabni kun yeroo ammaa bakka hundattuu taphattoota ciccimoo bakka wal bu'anii taphatan guuttatee jira.

Arsenaal akka bara kanaatti jijjiirraa taphattootaa taasisee hin beeku. Bakka yeroo dheeraaf hanqina itti qabaachaa ture, jifataa, irraa eegalee hanga ittistootaatti taphattoota hedduu mallatteessiseera.

Jifataan inni Ispoortiingi irraa mallatteessifate Viktar Gookeres ga'umsa gaariirratti argama, Arsenaaliif gumaachuu eegaleera.

Tapha Leeds Yunaayitid irratti yeroo jalqabaaf Arsenaaliif goolii lama galchuun sochiisaa eegaleera.

Arsenaal Eberechi Eezee dabalatee taphattoota torba walumaa galatti paawondii miiliyoona 200 oliin mallatteessiseera.