Arsenaal Tootenhaam harka butuun Ebereche Eezzee mallatteessisuuf waliigalteerra gahe

Ebereechee Ezee

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal taphataa Tootenhaam fudhachuuf irratti xiyyeeffatee hordofaa jiru Ebereechee Ezee fudhachuuf Kiristaal Paalaas waliin waliigale.

Paalaas Paawondii miliyoona 60 Arsenaal taphataa sarara fuula duraa kana mallatteessifachuuf dhiyeesse kan fudhate yoo ta'u, Ezeenis miindaa Ze Gaaners dhiyeesseef fudhachuun gabaafameera.

Maddeen akka BBC Sport'tti himanitti, kilabiin Landan masaanuu Arsenaal ta'e Tootenhaam maqaan isaa Ezee waliin ka'us, taphataan kun garuu kilaba yeroo ijoollummaa isaa imala tapha kubbaa miilaa isaa ta'e Arsenaaliin filateera.

Tootenhaam Ezee mallatteessifachuudhaaf marii guyyoota 10 fudhateen booda waliigalteerra gahamuu maddeen dubbachaa turanis garuu hanga xumuraatti deemee hin milkaa'iin hafeera.

Eezzeen abjuukooijoollummaa dhugoome jedhe. Ijoollummaatti kilaba dhabee rakkataa kan ture EEzzeen kileboonni inni deemee taphateef ilaalanii sin barbaannu deemi jechaa turan.

Erga Kiristaal Paalaas bara 2013 gara Piriimer Liigiitti deebi'ee taphataan isaan waliin yeroo dheeraaf ture Eezzedha.

Arsenaal taphataan isaa sarara fuula duraarraa goolii lakkoofsisuuf Kaay Haavertiz miidhaan jilbasaarra gahuu hordofee yaaddoo keessa galee ture. Amma garuu taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa wagga 27 ta'e kun sarara fuula duraarratti Mikeel Arteettaaf filannoo haaraa ta'aaf.

Leenjisaan Kiristaal Paalaas Oliiver Gilaasner Roobii akka jedhetti, Uefa Konferaans Liigii Fireedirikistaad waliin Kamisa taphatamurratti taphataa sarara ittisaa Palaas biraa maqaan isaa Liiverpuul waliin ka'u Maark Guhii waliin hiriiree taphachuun "garee kanaaf isaanii" agarsiisu.Ezeen osoo yeroon jijjiirraa taphattootaa miilanaa Fulbaana 1 hin cufatiin dura Arsenaalitti makamuu akka barbaadu maddeen BBC Sport'tti himaniiru.

Ezeen tapha Piriimer Liigii Kiristaal Palaas Chelsii waliin taphachuun Dilbata jalqaberratti goolii miidhagduu lakkoofsisus jalaa haqamteetti.

Taphataan pirofeeshinaalaa Ingilaand kun kontiraanni inni KiristaalPalaas waliin qabu ammallee waan hin xumuramneef, baasii kaffaltaa jalqabaa paawondii miliyoona 60 fi boodarra ammo haalli ilaalamee Paawondiin miliyoona 8 akka dabalamutti walii galteerra gahameera.

Kiristaal Palaas bara dorgommii darbe keessa tapha hundarratti goolii 14 Ezeen lakkoofsiseerraa bu'aa guddaa kan argate yoo ta'u, goolii inni lakkoofsise keessaa ammo waancaa FA Cup irratti Maanchester Siitii 1-0n mo'atee ittiin shaampiyoonaa ta'e kan Ezeen lakoofsisedha.

Ezeen bara 2020 ture Paawondii miliyoona 19.5n Qiwiins Paark Reenjersirraa Kiristaal Palaasitti kan makame.

Kontiraanni taphataan kun Kiristaal Palaas waliin qabu ammo kan hanga bara 2027tti turudha.

Eberechee Ezee

Madda suuraa, Getty Images

Jijjiirraa Arsenaal addaa keessaa tokko

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasaan kubbaa miilaa Aleeks Haawuwel Arsenaal morkataasaa kaqn ta'e Tootenhaam injifachuun Ezee mallatteessisuu yoo xumure, jijjiirraa Arsenaal taasise keessatti kanneen adda ta'an keessaa tokko akka ta'u shakkiin hin jiru jedha.

Yeroo deeggartoonni isaanii itti gammadan ta'uun isaa hin oolu jechuun ibsa.

Tootenhaam taphataan kun nuuf mallatteessee harka keenya galkeera jedhanii yaadanii ture, garuu kubbaa miilaa keessatti wantonni dafanii jijjiiramuu danda'u.

Arsenaal filannoowwan gabaa keessa jiran dammaqinaan ilaalaa kan ture yoo ta'u, yeroo dheeraaf Ezee hordofaa ture.

Itaan Niwaaneerii waliigaltee haaraa mallatteessee, Noonii Maaduweekee mallatteessisuun filannoowwan Gabri'eel Maartinelii fi Liyaandroo Tirossard kennan irratti dabaluu isaatiin taphataa sarara fuulduraa biraa mallatteessisuun barbaachisaa hin turre jedha.

Haata'u malee, miidhaan jilba Kaayi Haveertiz waa jijjiireera, Ze Gaaners hanga yoomitti taphatana lammii Jarmanii kun tapha irraa akka fagaatu beekuu baatus, humni dabalataa cimaan barbaachisaa ture.

Tootenhaamiif 'kaballaan gadi miti'

Gabaastuun kubbaa miilaa Nizaar Kinsellaa Tootinaamiif oduun Ezeen Arsenaalitti makamuuf qarqararra jira jedhu 'kaballaatiin gadi miti' ykn rukuttaa guddaa ta'a jetti.

Leenjisaan haaraan Toomaas Firaank Jeems Maaddisan miidhaan erga dhabee booda Ezee irratti xiyyeeffatee kan ture yoo ta'u, kilabichi waliigaltee xumuruuf ofitti amanamummaan socho'aa ture.

Keessa beektonni kilabichaa Tootenhaam Ezee mallatteessisuuf kana caalaa wanti isaan gochuu danda'an akka hin jirre cimsanii dubbatu, yeroo ijoollummaa isaa deeggaraa Arsenaal ta'uun isaa hanga umuriin isaa waggaa 13tti akkaadaamii kilabichaa keessa ture ta'uun isaa al tokko Gaanaars kan ta'e deebiyee bakki inni itti xumuramu tokko qofa ture jechuudha .