Bukaayoo Saakaa [Gammachuu], taphataa qaalii Arsenaal qabu eenyu?

Bukaayoo saakaa, taphataa jabaa Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images

Qabeenya Arsenaal gati jabeessa tahe, Saantiyaagoo Bernaaboo irratti Arsenaaliin injifannoon akka galu kan godhe Bukaayoo Saakaa kilebicha waliin seenaa addaa qaba.

Umurii isaa waggaa saddetiin kilebicha galee waggaa 23tti seenaa haaraa Shaampiyoonsi Liigiin kan galmeesse Saakaan taphataa urjii Arsenaal boriifis abdataman keessaati.

Bara 2018 ture leenjisaa Unaayi Emiree jalatti Yuukireen magaalaa Kiiyev keessatti Arsenaal tapha Awurooppaa Liigii osoo taphataa jiruu daqiiqonni 22 yeroo hafan ture akkuma umuriin isaa waggaa 17 guutee torbanonni muraasa daraniin carraa taphaa kan argate.

Akkuma dirree seeneen Arsenaaliif galchii lakkoofsise. Abdii guddaan akka irra jiru leenjisichii fi deeggartoonni Arsenaal hubataniiru.

Arsenaal bakka bu'ee garee gameeyyiif taphachuun taphataa 862ffaa yoo tahu umurii xiqqaan taphachuun ammoo taphataa 15ffaa ture.

Garuu imalli Saakaa Arsenaal waliin guyyaa sana miti kan jalqabe. Waggaa kudhan duubatti deebi'uun yeroo umurii isaa waggaaa saddetiin akkaadaamii Arsenaal galu ture.

Gahumsi Saakaa akkasumaan miti yeroo gabaabaa keessatti kan guddate. Amalaa fi naamusa hojii inni qabu guddina isaa ariifateef sababa akka tahe ragaaleen ni himu.

Bukaayoo Saakaa taphataa umuriin isaa amma ganna 23 yoo tahu, abbaa isaa Yoomii Saakaa fi harmee isaa Adenikee Saakaa irraa Fulbaana 5 bara 2001 UK magaalaa Landan keessatti dhalate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaaleen tokko tokko akka agarsiisanitti maqaa masoo ''Sakiinoo'' jedhamuunis beekama. Kun akkuma Arsenaal galeen dandeettii isaa gaafa argisuu kan ittiin isa waaman ture.

Maqaan maatiin isaa baasaniif Bukaayoodha. Afaan warra Yoorubaa [gosa Naayijeeriyaa keessaa] irraa kan dhufedha. Hiikkaan isaas akka Oromoon 'Gammachuu' jedhee moggaasuuti. Bukaayoo jechuun gammachuu kan nuuf dabale jechuudha.

Waayyillan isaa immoo ''Little Chilli'' jechuunis isa waamu. Maqaa kana ammoo shaakala irratti dandeettii isaa argee taphataa duraanii Arsenaal Obaamiyaangitu baaseeraaf.

Dhuguma erga kilaba isaa Arasenaaliifi Ingiliiz taphachuuf jalqabee gammachuu fula deeggartootaa irratti dabaleera.

Abbaan isaa Obbo Yoomii fi harmeen isaa Aadde Adenikeen dhalootni isaanii Naayijeeriyaadha. Jireenya fooyya'aa barbaacha gara UKtti erga imalanii ilma isaanii har'a waltajjii Waancaa Adunyaatti maqaa isaaniifi biyya dhaloota isaa Ingiliiz waamsise kana argatan.

Maatiin Bukaayoo Saakaa deeggartoota Arsenaal yoo tahan, jaalalli kubba miilaaf qaban akka ilmi isaanii Saakaan salphumatti dandeettii kubba miilaa qabuun Arsenaal galuuf isa gargaareera.

Garuu akkuma maatii godaantota kaanii maallaqa gahaa waan hin arganneef waan inni barbaadu guutuufiin rakkisaa ture.

Saakaan akka modelaatti kan hordofu Kiristaanoo Roonaaldoodha. Kaka'umsa Roonaaldoon dirree keessaa fi alatti qabu hedduu raajeffata. Xiin-sammuu isaa fayyadamuun of guddisuuf taphataa dhama'udha.

''Xiin-sammuu isaa baay'ee jaallladha. Yeroo hundaa gahumsa gaarii irratti argamuuf dhama'a. Qaamni saa akka haalaan qophaa'u waan godhuuf dirree gaafa seenu ofitti amanamummaa guddaan taphataa akkamii akka tahe agarsiisa.''

''Ilaalacha wal fakkaataa qabna jedhee hin amanu. Inni [Roonaaldoo] taphataa addaati. Garuu waan gaarii tokko tokko isa irraa fudhachuu waanan barbaaduuf isa nan hordofa jedhe Saakaan.

Bukaayoo Saakaa ijoollumma isaan suuraa ka'e fuula miidiyaa hawwaasaa isaa irratti akkas jechuun maxxansee ture

Madda suuraa, Inistaagiraamii Bukayoo Saakaa

Saakaan maatii amantaa Kiristaanummaa hordofan irraa dhalate. Manni barumsaa inni barateefi waldaan inni maatii isaa waliin deemullee amantaaf xiyyeeffannoo guddaa kennu ture.

Maatii isaa milkaa'ina ilma isaanii kanaaf yeroo hunda kadhatu jedha odeeffannoon waa'ee isaa irratti barraa'e.

''Maatii amantaa Kiristaanaa hordofan keessattandhaladhee guddadhe. Kanaaf akkan waaqa beekuufi Macaafa Qulqulluu yeroo hunda dubbifadhu na gargaareera.

Taphaan dura yeroo hundaa waaqa na kadhadha. Waldaas deemaan ture,'' jechuun kana dura yaada isaa barruu ispoortii irratti barreessu 'Goal' jedhamuuf qoodeera

Macaafa Qulqulluu keessaa luqqisi jiran irrattin hirkadha.' Waanuma kadhattee fi akka fudhattetti amante siifan kenna, innis kankee ni taha'' isa jedhuttan amana.

Kanaaf taphaan dura akka haala gaariin taphadhuuf na gargaari jedhee na ofiikoo fi waayillan koofis nan kadhadha. Kanaafidha yeroon goolii galchu qubakoo ol qabee kanan waaqa galateeffadhuuf,'' jechuun 'Premier Christianity' miidiyaajedhutti kana dura dubbateera.

Bukaayoo Saakaa erga Arsenaal garee gameessaaf tokko jedhee taphachuu jalqabee as galchiiwwan 68 lakkoofsiseera.

Osoo taphataa kubba miilaa hin taane….

Bukaayoo Saakaan leenjisaa Arsenaal Mikeel Arteettaa jalatti taphattoota gahumsa guddaa agarsiisaa jiran keessaa tokko.

Kilabichi amma ol adeemtota waancaa injifachuuf dheebuu qabaniin guuteera.

Saakaan yeroo tokko osoo taphataa kubba miilaa hin taanee maal taata ture jedhamee gaafatamee ture. Deebiin isaa osoo maal tahe sinitti tola? Taphataa kubba kachoo jechuun deebise. Dhuguma hojjaan isaa, jabinni qaamaa isaa tapha kanaaf tahaa? Jechuun Saakaan hojjaan isaa 1.78m dha. Gabaabaa hin jedhamu.

Yookaan ammoo taatoo fiilmii hawwii isaa keessa tokko ture. Wiil Ismiiz akka dinqisiifatu dubbateera.

Taphataa Sakaan hedduu dinqisiifatuu fi faana isaa qabate Teerii Henerii akka tahes ibseera.

Yeroo jabaachaa dhufe ammoo Arsenaal keessatti gahumsa guddaa kan agarsiise booda gara Maan Yuunaayitiditti imale Aleeksis Saanchez hordofaa ture. Haala tapha isaa akka hordofaa turee fi fakkeesuuf yaala turullee himeera.

Saakaan lammummaa Ingiliziifi Naayijeeriyaa qaba. Ingiliiz keessatti dhalatee haa guddatu malee maatiin isaa Naayijeeriyaa naannoo Ogun jedhamtu irraati.

Gahumsa Saakaa kan adda godhu sarara cinaa fuulduraa [winger], sarara gidduu, fi ittisa bitaa irra taphachuu danda'uu isaati.

Taphattoota sarara ittisaa garee morkattootaaf qormaata kan tahe Saakaan, taphattoota kubba miilaa ol adeemtota amma jiran keessaa taphataa jabaa jedhamuu danda'a.

Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifannaan Bukaayoo Saakaa fi Deklaan raayis Arsenaal keessaa bahdhaasa guddaaf dhaqabuu danda'u.

Saakaan bara 2023 keessa Aston Viilaa irratti galchii lakkoofsise galchii 2000ffaa Arsenaal waliigalaan lakkoofsise ture.

Galchii hamma kanaa maanchister Yuunaayitidii fi Liiverpuul qofatu lakkoofsiseera.

Biyya isaa Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti ammoo taphattoota akka Pool Poogbaa fi Meesut Oozil fa'aa waliin tahuun ijoollee harka qalleeyyiif deeggarsa kenna.