Dhukaasa 'The Gunners' booda taphattoonni Riyaal Maadirid maal himatan?

Arsenaal 3- 0 Riyaal Maadirid, Arsenaal dirree isaa irratti R. Maadirid injifate.

Madda suuraa, Getty Images

Dhaloota haaraa, seenaa haaraa galmeessuuf kutatan fakkaatu. 'The Gunners' Arsenaal, Lixa Landanii kaleessa galgala akkuma maqaa isaanii Riyaal maadirid injifachuu qofa osoo hin taane dhukaasa irratti banan jechuun ni danda'ama.

Taphattoonni Maadirid ''akkumatti kubba bareedaa taphatantu nu harkaa bade,'' jedhan. Garuu baay'ee dhaadataniiru. Mee isaatii deebina!

Deklaan Raayis rukuttaa fageenyarraan karra eegaa cimaa adunyaa jedhamu Koortohaa irratti lakkoofsisuun jalqaban.

Kanas eenyutu eege? Tahus namoonni baay'een amma egaa dubbiin baduun Riyaal Maadirid galchii hedduu lakkoofsisuu isaati jechuun tilmaamuu hin hafne.

Raayis har'a guyyaa kooti jechuun galchii lammaffaa yoo dabalu taphattoonni Riyaal Maadirid wal ilaaluun gumgumuu jalqaban.

Baranas badhaasa Ballon d'Or'f morkatu kan jedhaman Imbaappee, Viinishiyes, Beelingihaam boquun isaanii lafa ilaale.

Taphataa sarara duraa waan dhabaniif rakkoo kana cufuuf fuuldura irra kan taphatu Meerinoon amantaa Mikeel Arteettaan itti kennate hin cabsine. Galchii sadaffaa lakkoofsise.

Dubbii isa Arteettaan taphaan dura ''seenaa hojjechuuf qophoofneerra'' jedhu dhugoomse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gatii rikardii jijjiirraa Arsenaal cabsuun paawondii miliyoona 100 oliin Arsenaal kan gale Raayis amma gaticha kan madaalu gahumsa ajaa'ibaa agarsiise.

Kubba dhaabbate akkasii tasuma erga sadarkaa pirofeshinaalaatti kubba taphachuu jalqabee lakkoofsisee hin beeku.

Taphoota 388 booda galchii jalqabaa akkasii lakkoofsise. Tapha 339 irratti ammoo galchii lamaan lakkoofsisuu isaati.

''Baran kubba taphachaa as gahe keessatti guyyaa akka kanaa adda tahe argee hin beeku. Anaaf guyyaa milkiidha,'' jedhe taphaan booda yaada kenneen.

Amazon Prime irratti yaada kenneen ''yeroon bilbilakoo fuudhee odeeffannoo argu waanuma ajaa'ibaa tahuun hubadhe. Galchii jalqabaakooti haala kanaan kan lakkoofsise. Jechuman ittiin ibsun dhabe. Halkan seena qabeessadha'' jedhe.

Arteettaa fi dursaan taphattootaa Arsenaal Maartiin Odeegaardi kubba miidhagduu akkasii yoo Raayis lakkoofsisu amanuu hin dandeenye. Harka isaanii mataa isaaniirra kaa'uun raajeffachaa turan.

Mikeel Arteettaan akkuma taphni jalqabeen ''Riyaal Maadiridiin balaarra buufne.

Yeroo taphni jalqabuuf jedhu kutannoo fi aannisaa taphattoonnikoo qaban argaan ture. Bu'aa arganne hojii akka gareetti cimsinee hojjenne tahus gahumsi nama dhuunfaa garaagarummaa guddaa fideera,'' jedhe.

''Erga Fulbaana 21 as kubba dhaabbate irraa galchii lakkoofsisnee hin beeknu. Maartin Odeegaardi ture yeroo sana kan lakkoofsise,'' jechuun haala taphichaa ibseera.

''Waanuma raajii hojjenne'' jedhe.

Taphni jalqabee yeroo gara sa'a tokkootti dhiyaatu Riyaal Maadirid galchii lakkoofsisuu baannus qixa baanee dirree keenya irratti Arsenaal 'garafna' jechuu hin hafne.

Amma gaara guddaa isaanitti taha. Arteettaan waa'ee tapha dhufaa jiruu yoo dubbatu ''Maadirid kufeera jettee jala muruu hin dandeessu'' jedhe.

Garuu isa ammaa caalaa irree isaanii irratti taphanna jedhe.

'Akkatti kubba taphatantu nu jalaa bade'

Arsenaal taphattoota Riyaal Maadirid bebbeekamoo maqaatti qofa hanbise.

Kiiliyaan Imbaappee, Viinishiyes Juuniyer, Beeliingihaamii fi Roodirigoon Arsenaal irratti inuma sirbu jedhamee eegamee ture.

Arsenaal garuu dirree isaa kabachiisee, seenaa kana dura Riyaal Maadirid waliin qabullee kabachiisee bahe.

Kilebni Riyaal Maadirid Ingiliz keessaa irra dedeebiin hin mo'anne yoo jiraate Arsenaalidha.

Arsenaal taphoota afur hanga ammaa Shaampiyoonsi Liigii keessatti taphatan keessaa lama mo'atee tokko qixa bahuun tokko qofa mo'ameera.

Karra eegaa Riyaal maadirid Tiiboo Koortohaa miti osoo tahe galchii shanii fi isaa ol Arsenaal lakkoofsisuu danda'a ture.

Karra eegaan kun boqonnaan booda ''akkumatti kubba bareedaa taphatantu nu jalaa bade,'' jedhe.

Mufannaa fi aarii ofirratti qaban yeroo Kamaaviingaan kubba hin barbaachifne fageessee dhiitee kaardii keelloo lammataa argachuun kaardii diimaan bahu irraa mul'ateera.

Juud Beeliingihaam ''waaqa nu baase, galchii sadii qofa tahuu isaayyuu carraa qabna, sanaa ol lakkoofsisuu danda'u ture, baay'ee ulfaataadha,'' jedhe.

''Waan raajiin kan hojjetamuu danda'u dirree keenya irrattidha'' jedhe.

Imbaappeen ammoo ''waan hin danda'amne hin jiru. Saantiyaagoo Bernaaboo irratti qabxii kana ni garagalchina,'' jedhe.

Sarara ittisaa irra kan taphatu Raahul Aseensiyoo ''Waan kun ammayyuu hin dhumne, guyyaa jaha dhuftu keessatti tapha tokko Bernaaboo irratti qabna, Amma waa'ee kanaa qofa yaadaa jirra,'' jedhe.

Taphataan Riyaal Maadirid biraa Lukaas Vaaskuweez ammoo ''kilebni tokkichi qabxii 3-0 garagalchee mo'achuu danda'u Riyaal Maadirid qofa,'' jedhe.

Leenjisaan Maadirid Kaarloo Anchelootiin ''boqonnaa durallee gaarii ture. Daqiiqota 30 gara dhumaa baay'ee gadi bu'aa ture,'' jedhe.

Riyaal Maadirid bara kana galchii 3 fi isaa oliin yoo mo'amu kun tapha sadaffaadha.

Isaan kaan lamaan Baarseloonaatu injifate.