Icciitii wal dhabdee Keevin De Biruunii fi Tiiboo Koortohaa duuba jiru

Keevin De Biruun Tiiboo Koortohaa waliin wal dhabdee qaba

Madda suuraa, Getty images

Taphataa akkaan callisuun beekamudha. %99 callisee hojii isaa hojjeta. Yoo dubbate ammoo kallattiin dubbachuun waan beekamuuf abidda buusa.

Leenjisaa ykn taphattoota kaan gammachiisuuf ykn maal na jedhu jedhee bira qabanii dubbachuu hin beeku.

Joosee Mooriinoon ‘’daa’ima ganama ganama balbala namatti reebuun boossu’’ waliin wal fakkeessu.

Gaardiyoolaaf ammoo harka mirgaati. Hiriyyoota hin baay’isu. Tarii hiriyyaa isaa dhiyootu kaadhimaa isaa waan irraa fudhateef tahuu mala.

Jireenyi isaa maatii isaa fi kubba miilaati- Taphataa urjii Beeljiyeemii fi Maan Siitii, Keevin De Biruun. Kubba miilaa fi kubba miilaan ala jireenya taphatichaa waliin ilaalla.

Taphataan kuni xumura bara dorgommii baranaa Maanchistar Siitiidhaa akka gadhiisu mirkana ta'eera. Garam akka deemu garuu hin baramne.

Imala kubba miilaa Keevin De Biruun

Keevin De Biruun Beeljiyeem qarqara magaalaa Genti bakka Diroongen jedhamtutti dhalate.

KDB akkaadaamii Jeenki keessatti guddachuun taphataa kubba miilaa jabaa biyyattiin oomishet keessaa tokko tahe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Umurii isaa waggaa 14’n Jeenki kan gale KDB sarara gidduu, cinaa fuulduraa fi duuba taphattoota sarara duraa tahuunis taphachuun beekama.

Taphaticha dirree keessa galchi malee bakka leenjisaan isa barbaadetti kubba miidhaksee taphachuu danda’a.

Gaazexaa Shaampiyoonsi Ispoorti jedhutti dhiyeenya akak dubbatetti, ijoollummaa isaa irraa jalqabee KDB barfachuu hin jaalatu. Amalli isaa kun shaakala kubba miilaa qofa soo hin taane mana barumsaa keessattis hedduu beekama.

‘’An takkaa barfadhee mana barumsaas tahe bakka shaakalaa gahee hin beeku. Yeroo konkolaachiftootni baasii fincila gaggeessuuf hojii dhaabanillee an saayikii koo fudheen dursee bahee achi gaha. Yeroo barattootni barfatanii dhufan fa’aa hedduu nama aarsa. Yaadakee waan tahuuf waanan baay’ee jibbudha,’’ jedhe.

Bara 2012 ture taphataa ol adeemaan yaada isaa ifati dubbachuun beekamu Yuuroo miliyoona saddet tahuun Cheelsii kan gale.

Sana booda bara 2012-13 ergisaan kileba Jarman Werder Bireemeniif taphate. Waggaa tokkoo booda yoo gara Cheelsiitti deebi’u leenjisaan kilebichaa yeroo Sanaa Joosee Moorinihoon, yeroo taphaa gahaa kennuufii didan.

Jooseen yeroo waa’ee KDB dubbatan ‘’daa’ima nama aarsu ture. Shaakala irratti jabaa hin turre. Garuu taphachuu barbaada. Obsa hin godhanne malee an akak turu barbaadeen ture‘‘ jedhan.

KDB waan Jooseen isa jedhu yoo dubbatu: ‘’ Istaatiksii taphattootaa nuti agarsiise. Keessumaa warra sarara gidduu taphatan. Galchii meeqa akka lakkofsisan, kubba meeqa akka mijeessanii kennan, kubba kommokanii darban [dribble] kubba fageenyatti kallattii isaa eeguun kennan….kana booda mee kana keessaa eenyutu hanga taphattoota kanneenii milkeesseera? Jechuun nu gaafate,’’ jedhe.

Yero sana bakka isaas bu’a jedhamee kan KDB Cheelsii gale Firaanki Laampaarditu sarara gidduu Cheelsii taphata ture.

Kanumaan KDB’n akkuma amala isaa kallattiin Jooseef akka deebise hima.

‘’Dhiifama, kun waan nama amansiisu miti. An tapha xiqqoon taphadhe. Akkamiin ati taphattoota tapha hedduu taphatan waliin waan dirree keessatti hojjenne lakkoofsaan wal bira qabdee nu dorgomsiifta jedhe. Kun sirrii miti. Kanumaan Moorinihoon waa’ee shaakala jabaatanii hojjechuu, yeroo carraa argattu waan guddaa agarsiisuu natti himee adda bane,’’ jedhe.

Moorinihoon akka Keevin Cheelsii gadhiisu hin barbaadu ture. Garuu Keevin De Biruun guyyaa Sanaa jalqabee an hanga taphattootni kunneen taphatanii quufanii bakka nuuf dhiisanitti hin eegu jechuun kutatee cHeelsiiti bahe.

‘‘Daa’ima bohuu jaalatudha. Ganama ganama dhufee balbala biiroo narratti rukuta. Yoo hin taphanne an Cheelsiin gadhiisa jchuun natti boo‘aa ture.’’

Kanumaan KDB paawondii miliyoona 21 tahuun kileba Jarman Woolfisbargitti gurgurame.

Ji’oota 18 qofa achi ture.Taphataa jabaa Bundisliigaa bara Sanaa tahuun filame. Yeroo kana Yargen Kiloop Boorushiyaa Doortimoondi leenjisaa turan.

Taphaticha gara Doortimonditti fudhachuuf halkanii guyyaa ergaa gabaabaa fi bilbilaan afuura kutaa turan.

Keevin De Biruun

Madda suuraa, Getty Images

Mata-jabeessa fi kutataadha

Kileba ijoollummaa isaa Jeenki jedhamtu keessatti leenjisaa isa kan turan Firaanki De Leeyin guyyaa tokko shaakala booda dirree qulqulleessi jennaan akka dide yaadatu.

Dubbii keenya irratti KDB waan itti hin amanne tokko waan barbaade tahus namaaf jedhee hin godhu. Yoo dide ifatti si dida. Tole jennaan bakka garaakee nama siif gahudha jedhama.

Innis dirree qulqulleessuu waan dideef leenjisaa waliin walitti bu’uu yaadatu, Firaank.

‘’Ispeen keessatti shaakala hojjennee ture. Erga wal dhabnee waan aareef dirree keessaa bahuu dide. Poolii qabatee harkisnaanis gadhiisuu dide. Halkan guutuu achi buluuf jedheeti na dide. Kadhaa meeqaan sossobbeen gara hoteela keenyaatti fudhadhee gale. Nama akka malee mataa jabaatudha. Amala gaangee qaba,’’ jedhan.

Leenjisaan isaa kun waa’ee amala Keevin yoo itti fufee dubbatu, amala isaa kanatu sadarkaa guddaa kanaaf isa gahe. Nama waan itti amane hojjetudha malee tole jedhee nama taa’ee carraa namni biraa kennuuf eeggatu miti. Dhimma isaa harka isaatti galfachuu nama jaalatu jechuun deebisaanii ammo isa jaju.

‘’%99 nama akka malee callisaadha. Hin dubbatu. Hojii isaa irratti xiyyeeffata. Garuu nama jecha isaa eeggatudha. Akkas nan godha jennaan homtuu isa hin dhaabu,‘‘ jedhan.

Maddeen biroo ammoo yoo gabaasan yeroo Maan Siitii keessa jiru kanatti Keevin yeroo hedduu waan callisuuf tarii dhiphina yoo qabaate jedhamee yoo qorannoon hancufa isaa irraa fuudhamee godhamu, nama ldhiphinni homaatuu keessa hin jirre tahee argama.

Inni dubbachuu caalaa nama hojjetee agarsiisuu barbaadudha. Garuu ammoo dirree keessatti namni sirriitti hin taphanne yoo jiraate ykn eenjisaanis akka yaada isaatti deemuufii dide nama sagalee isaa ol kaasuun dubbachuu jaalatudha.

Sodaa homaa kann hin beekne, ifatti nama leenjisaas tahe taphattoota waayillan isaa tahe mormudha. Achiin booda garuu gahumsa taphattootaa homaa hin miidhu. Inumaayyuu tapha irratti abidda tahuun galchii lakkoofsisa ykn kubba mijeessee kenna. Kaayyoon isa mo’atanii bahuudha.

Taphattootni kileboota adda addaa garee Waattis aappii keessaan ittiin mariyatan qabu. Fakkeenyaaf kan Maanchister Siitii keessa taphattootni garee A jiru. Yaada marii as keessatti ka’u keessatti yeroo hedduu KDB [Kevin de Biruun] yaada hin kennu.

Hiriyaan isaa tokko wabeeffachuun Shaampiyoon Ispoorti yoo barreessu, ‘’yeroo ergaa Waattis aappii deebisu kallattumman dubbii gogaa sitti dubbata.

''Dirreen alas amalli isaa tokkuma. Yeroo baay’ee tasgabbaa’aa, callisaa fi amala qabeessadha. Garuu gaafa cahii dubbate sirraa haa qabu. Sii liqimfames dhiises waan itti amane deeggaruufis tahe mormuuf irrumaa gadi sitti hima,’’ jedhe.

KDB taphataa akkaan amanamaa fi dhugaa dubbachuun beekamudha. Inumaa yeroo Jeenki keessa taphachaa ture taphattoota urjii kilebichaa kabajamanitti kallatumaan dubbataa akka ture leenjisaan isaa yeroosii himaniiru.

Taphaan booda TV tokkoof yaada yoo kennu, ‘’ baay’een isaanitti qaana’e. Warri taphachuuf fedhii hin qabne maaf kilebicha gadhiistanii hin baatan? Jedhe.

‘’Kallattiin dubbachuun isaa, amanamummaa fi qajeelummaan isaa amala isaa yeroo hundaati,’’ jedhe hiriyyaan isaa kun.

KDB ijoollummaa irraa jalqabee deeggaraa Liiverpuul ture. Kana ammo maatii isaarraa akak dhaale himama.

Haati isaa lammii Beeljiyeem taatus Burundiitti dhalachuun Landanitti guddatte. Akaakayyuun isaas akkasuma deeggaraa Liiverpuul waan turaniif kutaan ciisichaa KDB ijoollummaa suuraa taphattoota Liiverpuuliin faayame ture.

Tiishartii taphataa duraanii Liiverpuul Maayikil Oowen uffataa ture.

Harka mirgaa Peep Gaardiyoolaati

Peep Gaardiyoolaan Baarseloonaa yeroo leenjisaa turan taphataa urjii adunyaa tahuun badhaasota Ballon dOr injifachuunis rikardii kan qabate Liyonel Mesii qabu ture. Mesiin dura maqaan ka’u jiraachuu baatus taphattootni sarara gidduu lamaan Andires Ineshtaa fi Zhaavii Hernaandez garuu dhiisuun hin danda’amu.

Peep Taphattoota kana guddisuu qofa osoo hin taane ittiin adunyaa kubba miilaa to’ate jechuun danda’ama.

Biyya isaaniifis milkaa’ina guddaa warra fidanidha. Baayern Munik yeroo leenjise ammoo Firaanki Riiberii fi Ariyaan Rooben, akkasumas Toomas Muuler fa’aa eeruun danda’ama.

Keevin De Biruun, peep Gaardiyoolaa fi Roodirii

Madda suuraa, Getty Images

Maan Siitii keessa taphattoota jajjaboo hedduu jira. Sababni isaa ammoo Piriimer Liigii keessatti taphataa jabaa tokko irratti hirkattee milkaa’uu waan hin dandeenyeef.

Garuu Gaardiyoolaan Keevin De Biruun cinatti taphattoota akka Bernaandoo Silvaa, Haalaandi, Roodirii fa’a qabachuun waancaa Piriimer Liigii kan dhuunfaa isaa godhate.

Waggoota torba keessatti waancaa Priimer Liigii jaha mo’ateera. Bara kana kana waancica mo’achuun walitti aansee yeroo afur mo’achuun Piriimer Liigii keessatti seenaa haaraa hojjete.

Keevin De Biruun Gaardiyoolaaf waan hundaati. Sarara gidduu irra bakka barbaade isa taphachiisa. Fuulduratti butee yeroo taphataa sarara duraa hin qabne isa taphachiisa. Sarara kamirra iyyuu haa taphatu Kevin De Biruun dirree keessa jiraannaan kubba galchii tahu eessarraa iyyuu mijeessee kenna ykn galchii murteessituu lakkoofsisa.

Peep Gaardiyoolaan yeroo gara Maan Siitii dhufe Keevin De Biruuniin Bundisliigaa Jarman keessatti beeka.

Yeroo gaariitti walitti dhufan. Taphataa guddatu, yoo irratti hojjetan sadarkaa guddaa gahu akka tate Peep hubateera.

Maan Siitii yeroo dhaqus dursee kilebichi Keevin De Biruun akka mallattesisu gaafataa akka ture himama.

Kun oso ofii isaayyuu kilebicha hin galiini. Peep KDB yeroo argatu bakka hedduu taphachiise. Bilisummaa sochii guddaas kenneef.

Daavid Silvaan fa’aa soorama bahuuf deemu. Namni isa bakka bu’u ammo Keevin De Biruuni. Kun akkuma Gaardiyoolaan barbaadetti taheef.

Inumaayyuu dandeettii dhokataa taphatichaa hedduun akka bahu kan godhe leenjisaa kana jedhama.

Keevin De Biruun waan hundaan leenjisaan hedduu dinqisiifadhu Peep Gaardiyooldha jechuun miidiyaaleef yaada kennaa ture.

Taaktika taphaanis tahe falaasama isaa hedduun jaaladha. Kubba miilaa anaa fi nni ija tokkoon ilaalla. Kanaaf gammadee dirree keessatti akkan taphadhu na taasiseera jedhe.

Falaasama taphaa Peep Gaardiyoolaan hordofaniis akka Keevin de Biruun taphataan tahu Maan Siitii keessatti hin argamne.

Dafee waan gochuu qabu yaada, murtoo fudhata. Kaanis akka isa hordofan nama taasisudha Keevin de Biruun.

Yeroo Gaardiyoolaan hanqina tpahttootaa qabu bakka adda addaa jijjiiruun isa taphachiisaa ture.

Kanaaf ammo takkaa mufatee hin beeku. Kan inni mufatee dirree keessatti leenjisaa isaan wal dhabu yoo jijjiirame bahuu fi yeroo Peep ajaja itti baay’isan qofa.

KDB bakka adda addaa taphachuun koo akkan taphattoota faallaa dursee waa hubadhu na gargaareera jedhe.

Dandeettii lakkoofsota taphate hundaaf tahu waan qabuuf KDB harkatti kubbi akka salphaatti hin badu.

Yeroo inni miidhametti Maan Siitii madaala dhabuun rakkachaa ture. Jalqab abara dorgommii knaatti kun ragaadha. Akkuma taphatichi deebi’een Maanchister Siitiin cimina biraa keessa galaa dhufe. Waancaa Piriimer Liigiis walitti aansuun yeroo arfaffaaf mo’atan.

Galchii Erliingi Haalaandi lakkofsisu hedduun isaa Keevin De Biruun irraa kan ka’udha. Taphattoota isa waliin taphatan cimsuufis nama gahee guddaa qabudha.

Keevin Piriimer Liigii keessaa tpahoota miindaa ol aanaa argatan keessaa tokkoo fi isa jalqabaati.

Garuu waan qaalii tahe bituu hin jaalatu. Kun taphattoota kaan irraa adda isa taasisa.

Hiriyaan isaa tokko yoo dubbatu, guyya atokko mana dhugaatii tokko galuun kookaa qaruuraan tokko paawondii 26 tahuu arge.

Kanumaan dhiisee bahe jedhe. Kubba miilaan ala maatii isaa waliin dabarsuu jaalata. Ijoollee isaa Maaon, Miliyaanii fi haadha warraa isaa Miishel waliin.

Hiriyyoota hin baay’isu.

Keevin Dr Biruun maatii isaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Keevin De Biruun nama hiriya aisaan ganamedha. Cheelsii keessa lameenuu taphataniiru.

Karra eegaa duraanii Cheelsii Tiiboo Koortohaan kaadhimaa hiriyyaa isaa Keevin De Biruun waliin kachachaluu irraa kan ka'e lameenuu wal hin dubbisan.

Karra eegaan Riyaal Maadirid Tiiboo Koortohaa fi De Biruun ijoollee biyya tokkooti. Garee biyyaalessaaf waancaa Awurooppaa fi Waancaa Adunyaa irratti yeroo waliin taphatan leenjisaa isaaniif qormaatadha.

Lamaan keessaa tokko dhiisuun ulfaataadha. waliin taphachiisuuf wal hin dubbisan, wal hin jaalatan.

Bara 2014 ture jaalalleen Keevin De Biruun hiriyyaa isaa Tiibo Koortohaa waliin kan jaalala jalqabde.

''Waan waggootaaf Keevin irraa dhabe Koortohaan halakn tokkotti naaf kenne'' jechuun gaazexaa Ispeen Tiribuna jedhamutti himte.

Koortohaa waliin yeroo baay'ee haasofna. Guyyaa tokko wal arginee waliin turre. Nyaata akka gaariitti naa hojjeta. Keevin waan akkasii hin godhu. Kanumaan wlaiigalle'' jette.

De Biruun yeroo taphaan morkattoota tahuun Koortohaa waliin wlaitti dhufan yeroo hedduu galchii irratti lakkoofsisa. Tarii yoo aarii fi haloo isaa hir'iseef!

Waan akkanaa taphattoota muraasa biratti waan baramedha. Kan baay'ee kanaan himatamu ammoo taphataa duraanii Cheelsii Joon Teeriidha.

Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Riyaan Giigsi ammoo haadha warraa obboleessa isaa waliin akka ture himama. Kachachala akkasii fi gudeeddiin mana murtiittis dhiyaatee ture.