'Kaarliittoo', leenjisaan Riyaal Maadirid Arsenaal haaloo bahuuf dhaadatan Anchelootiin eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
'Remontada' jechi jedhu kutaa hidhannoo Riyaal Maadirid keessa jecha torban guutuu dhagahamaa turedha.
Afaan Ispeen yoo tahu duubaa ka'uun mo'achuu akka jechuuti. Leenjisaan isaanii Kaarloo Anchelootii ammoo waan hin danda'amne hin jiru jedhu.
Deklaan Raayis kubba fageenyarraa rukutee galchii galcha jedhee eenyutu yaadee beeka, kanaaf ammas waanti hin hin danda'amne hin jiru jedhan.
Tapha torban darbee yoo ilaalle Arsenaaliin mo'achuun waan hin fakkaanne. Garuu %100 ni yaalla jedhan.
Anchelootiin leenjistoota keessaa 'mootii Shaampiyoonsi Liigii' maqaa jedhuun beekama.
Warri Xaaliyaanii kaarliittoo jedhuunii. Warri Ispeen ammoo Doon Kaarloo jechuun isa waamu. Leenjisaa jabaa adunyaa kanaa jalqaba irratti argaman keessatti eerama.
Leenjisaan Riyaal Maadirid Kaarloo Anchelootii kileboota gurguddoo akka Riyaal maadirid, Baayern Muunik, Cheelsii, AC Miilaanii fi Juuvantas leenjisuun beekamu.
Yeroo gabaabaaf ammoo Everteen leenjisaniiru. Biyyoota shan keessaa kileboota kudhan leenjisuun waancaa adda addaa 20 mo'ataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sir Aleeksi Fergusanii booda hancaqqee [mastiikaa] saffisaan alanfachaa leenjistoota yeroo taphaa mul'atan keessaa tokko.
Yoo gareen isaanii durfamaa jiraate, sa'aan qabanis xumuramaa jiraate ammoo nyaara isaanii guduunfuu jalqabu. Sa'aatii Anchelootii jedhamuun beekamti.
Yeroo kana Riyaal maadirid daqiiqaa gara dhumaatti galchii lakkoofsisuun mo'ichaan kan bahan guyyaa hedduudha.
Anchelootiin qofaa isaanii miti. Gargaaraan leenjisaa tahuun kan waliin hojjetu ilma isaanii Deevididha.
Inumaayyuu gama teeknikaan, tapha dubbisanii taphattoota jijjiiramanii dirree seenuun qabxii argamsiisan irratti gorsa kennuun Deevid hedduu beekama.
Garuu Arsenaal Saantiyaagoo Bernaaboo irratti yeroo keessummeessan isa kamtu isaan oolcha laata? Nyaara isaanii guduunfaa daqiiqaa 90 xumuruu moo mastiikaa darzananaan fudhatanii galuu?
Mikeel Arteettaan odeessuu irra ''dirree keessatti wal ilaalla'' jechuun ofitti amanamummaan dubbate.
Been Waayit deebi'uu oduu gaarii tahuu kan hime Arteettaan, Kaamaaviingaan Riyaal maadiridiif hin taphatu.
Riyaal Maadirid waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo 15 mo'achuun rikardii qaba. Kiiliyaan Imbaappee bara kana erga mallatteesisee ammoo kan caalu mo'achuuf jedha ture.
Arsenaal ammoo ijasaa gara Shaampiyoonsi Liigiitti deebiseera. Arteettaan Riyaal Maadirid injifannaan seenaa haara galmeessuu isaati.
Gam tokkoon Arsenaal waggaa dheeraa booda walakkaa xumuraaf darba. Gama biraan shaampiyoonaa bara darbee injifachuun pirokektiin Arteettaa jabaachaa deemuu agarsiisa.
Garuu leenjisaan Maadirid Anchelootiin nama akkamiiti kan jedhu haa ilaallu.
'Leenjisaa mootii Shaampiyoonsi Liigii'
Kaarloo Anchelootiin erga tapha kubba miilaa irraa soorama bahanii hojii leenjisummaa jalqabanii kileba seenan hundatti dhiibbaa gaarii uumaniiru.
Kileboota xixiqaa akka akak Faarmaa fa'a akka isaan dorgomaa jabaa tahan gargaaraniiru.
Yeroo kubba taphachaa ture waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama, Suupper Kaappii Awurooppaa lama, Serie A sadii, Kooppaa Itaaliyaa afurii fi Waancaa Interkontinentaal jedhamu lama mo'ataniiru.
Anchelootiin akka leenjisaatti qofa oso hin taane taphataa yeroo turettis gahumsa guddaa kan qabuu fi injifannoo waancaan kan dabaalame ture.
Gargaaraa leenjisaa garee biyyaalessaa Xaaliyaanii tahuun yeroo muraasa erga hojjetee gara kilebootaatti kan dhufe Anchelootiin kilebni guddaan jalqaba leenjise AC Miilaan ture.
AC Miilaan waliin bara 2002 waancaa Awurooppaa Liigii mo'atan. Waggaa isaatti ammoo AC Miilaan leenjsuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ataniiru.
Bara 2005 ammoo xumura waancaa Shaampiyooni Liigiif dhaqabuun diraamaa guddaan kan irratti argame yoo tahu daqiiqaa xumuraatti Liiverpuul galchii lakkoofsisuun waancaa dhaban.
AC Milan waliin waancaa adda addaa torba kan mo'ate Anchelootiin sana booda Cheelsii leenjisaa turan.
Bara 2010 Cheelsii waliin waancaa Piriimer Liigii kan mo'ate Anchelootiin baruma sana waancaa FA Cup mo'achuun gahumsa guddaa agarsiisaniiru.
Cheelsii waliin waancaa Piriimer Liigii, FA fi Komunitii Shiid erga mo'atanii bara 2011 dhumarra kilebicha keessaa bahan.
Sana booda ammoo PSG leenjisaa turaniiru. Bara 2013 erga waancaa Liig1 mo'atanii kilebni guddaan addunyaa kanaa Riyaal Maadirid carraa leenjisummaa kenneef.
Filoorentiinoo Peerez waliin hariiroo gaarii kan qabu Anchelootiin leenjisaa surraa qabu jedhamuun beekama.
Bara 2014 waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan kilebichi ittiin beekamu mo'atan. Waancaa Suupper Kaappii Awurooppaa, Kilab Worlid Kaappii fi kan amma Kooppaa Del Rey jedhamu mo'ataniiru.
Garuu Riyaal Maadirid keessa waggaa dheeraa hin lakkoofsifne. Ziinadiin Ziidaanitti dabarsuun kilebicha gadhiisan.
Imalli Anchelootii sana booda gara kileba guddaa Jarman biraa Baayern Muunik ture. Baayern Muunik yeroo leenjisaa turanitti waancaa Bundisliigaa bara 2016, Suupper Kaappii Jarman mo'ataniiru. Waancaa Shaampiyoonsi Liigii garuu hin milkoofne.
Anchelootiin erga Baayern Munikii bahanii waggaa tokkoof Naappolii leenjisaniiru. Bara 2019 ammoo Everteen leenjisaniiru. Garuu waamicha bilbilaa halkan tokko argataniin gara Riyaal maadiriditti deebi'an.
Waamichi sun kan eegame hin turre. Ziidaan kilebicha gadhiisuu hordofee Peerez halkanuma tokko yoo Anchelootiif bilbilan leenjisichi guyyaa itti aanu Maadiridtti argamaniiru.
Seenaa haaraa biraa Shaampiyoonsi Liigiidhaan asitti galmeessan. Bara 2022 Waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atan. Baruma sana waancaa Laaliigaas mo'ataniiru.
Ammas irra deebiin bara 2024 keessa waancaa Shaampiyoonsi Liigii, fi Laaliigaa mo'atan. Suupper Kaappii Awurooppaa, Kooppaa Del Rey, Kilab Woorlid Kaappis mo'ataniiru.
Anchelootiin kileboota adda addaa waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuudhaan adunyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irra jira. Seenaa akkasii leenjisaan galmeesse hin jiru.
Bara dorgommii 2024-25 ammoo Arsenaal Emireetis irratti 3-0 Riyaal maadirid mo'ate. Anchelootii jalatti duubaa ka'anii injifachuun Riyaal maadiridiif waan aadeffame fakkaata.
Garuu Arsenaal carraa kana dabarsee itti kennaa? Qophiin Bernaaboo torbee jedhee jalqabe. Deeggartoota isaanii dabalatee haamilee taphattootaa kakaasuuf waanti gochaa turan dhiibbaa keessa isaan hin galchu taanaan injifachuuf taphattoota murteessoo qabu.
Garuu ittisni Maadiridi ammas dadhabaadha.
Anchelootiin osoo soorama hin bahiin dura taphataa jabaa sarara gidduu ture.
Xaaliyaanii keessaa bara isaatti taphattoota sarara gidduu dandeettii addaa qaban jedhamuun beekama. Garuu saffisa guddaa hin qabu. Akkasumas jabeenya qaamaan akka warra kaanii miti. Miidhama isa mudataa tureen kan rakkatee umurii isaa waggaa 33 bara 1992 tapha kubba miilaa irraa soorama bahe.
Anchelootiin kubba sammuun taphata jedhama. Kubba yoo dabarsu dogogora maleedha. Sarara gidduu irraa bakka adda addaa taphachuu kan danda'u Anchelootin taphattoota akka Piirloo fa'aas gorsa kennaa turedha.
Andiree Piirloo taphataa ajaa'ibaa sarara gidduu Xaaliyaaniin horatte keessaa tokko ture.
Anchelootiin garee biyyaalessaa Xaaliyaanii waliin bara1988 yeroo Xaaliyaaniin walakkaa xumuraaf geesse taphataa murteessaa ture.
Xaaliyaaniif Waancaa Adunyaa marsaa lama qophaa'e irratti taphateera. Bara 1994 ammoo tokko jechuun gargaaraa leenjisaa garee biyyaalessaa Xaaliyaanii tahuun leenjisummaa jalqabe.
Kileboota akka Reegiyaanaa fi Faarmaa jedhaman erga leenjisaa turee booda AC miilaan kan gale yoo tahu waggaa torbaa ol achi ture.
Sana booda Cheelsii yeroo deemu ammoo leenjisaa lammii Xaaliyaanii yeroo jalqabaaf waancaa Piriimer Liigii mo'ate tahe.
Anchelootiin Xaaliyaanii keessatti leenjisaa kabajaa fi maqaa guddaa qabudha. Leenjisaan riyaal Maadirid kun ijoollee lama qaba. Deevid kan amma gargaaraa isaa tahee hojjetuu fi intala tokko qaba.
Haadha warraa isaanii jalqabaa ijoollee godhataniif Luusa Gibelinii waliin era gaa'ilaan waggaa 25'f turanii booda wa; hiikan.
Odeessaaleen tokko tokko akka garsiisanitti ergasii lammii Kanaadaa haadha qabeenyaa taate Maariyaan Barenaa jedhamtu waliin jaalalaan turuun bara 2014 wal fuudhan.












