Saakaa [Gamachuu], taphataan fuula Arsenaal ibse eenyu?

Garee biyyaalessaa Ingiliz Waancaa Adunyaa Kaataar 2022 irratti

Madda suuraa, BBC Sport

Bukaayoo Saakaa taphataa umuriin isaa ganna 21, abbaa isaa Yoomii Saakaa fi harmee isaa Adenikee Saakaa irraa Fulbaana 5 bara 2001 UK magaalaa Landan keessatti dhalate.

Ragaaleen tokko tokko akka agarsiisanitti maqaa masoo ‘’Sakiinoo’’ jedhamuunis beekama. Kun akkuma Arsenaal galeen dandeettii isaa gaafa argisuu kan ittiin isa waaman ture.

Maqaan maatiin isaa baasaniif Bukaayoodha. Afaan warra Yoorubaa [gosa Naayijeeriyaa keessaa] irraa kan dhufedha. Hiikkaan isaas akka Oromoon ‘Gammachuu’ jedhee moggaasuuti. Bukaayoo jechuun gammachuu kan nuuf dabale jechuudha.

Dhuguma erga kilaba isaa Arasenaaliifi Ingiliiz taphachuuf jalqabee gammachuu fula deeggartootaa irratti dabaleera.

Tarii guyyaa rukuttaa peenaaliitii Waancaa Awurooppaa irratti dhabuun lammiilee Ingilizii mufachiise yoo tahe malee.

Dhala namaati mitiiree? Akkuma taphataa kaan mudatu waan mudate waan taheef.

Abbaan isaa Obbo Yoomii fi harmeen isaa Aadde Adenikeen dhalootni isaanii Naayijeeriyaadha. Jireenya fooyya’aa barbaacha gara UKtti erga imalanii ilma isaanii har’a waltajjii Waancaa Adunyaatti maqaa isaaniifi biyya dhaloota isaa Ingiliiz waamsise kana argatan.

Maatiin Bukaayoo Saakaa deeggartoota Arsenaal yoo tahan, jaalalli kubba miilaaf qaban akka ilmi isaanii Saakaan salphumatti dandeettii kubba miilaa qabuun Arsenaal galuuf isa gargaareera.

Garuu akkuma maatii godaantota kaanii maallaqa gahaa waan hin arganneef waan inni barbaadu guutuufiin rakkisaa ture.

Osoo taphataa kubba miilaa hin taane….

Bukaayoo Saakaan leenjisaa Arsenaal Maayik Arteettaa jalatti taphattoota gahumsa guddaa agarsiisaa jiran keessaa tokko.

Kilabichi amma ol adeemtota waancaa injifachuuf dheebuu qabaniin guuteera.

Saakaan yeroo tokko osoo taphataa kubba miilaa hin taanee maal taata ture jedhamee gaafatamee ture. Deebiin isaa osoo maal tahe sinitti tola? Tapahtaa kubba kachoo jechuun deebise. Dhuguma hojjaan isaa, jabinni qaamaa isaa tapha kanaaf tahaa? Jechuun Saakaan hojjaan isaa 1.78m dha. Gabaabaa hin jedhamu.

Yookaan ammoo taatoo fiilmii hawwii isaa keessa tokko ture. Wiil Ismiiz akka dinqisiifatu dubbateera.

Taphataa Sakaan hedduu dinqisiifatuu fi faana isaa qabate Teerii Henerii akka tahes ibseera.

Yeroo jabaachaa dhufe ammoo Arsenaal keessatti gahumsa guddaa kan agarsiise booda gara Maan Yuunaayitiditti imale Aleeksis Saanchez hordofaa ture. Haala tapha isaa akka hordofaa turee fi fakkeesuuf yaala turullee himeera.

Waancaa Adunyaa Kaataar 2022

Waancaa Adunyaa falmisiisaa tahe Kaataaritti erga gaggeeffamuu jalqabee guyyotni lama darbaniiru.

Ingilaand tapha jalqabaa ishee Iraaniin 6 fi 2’n mo’atte. Bukaayoo Saakaan galchii lama lakkoofsiseera.

Bara darbe yeroo Waancaa Awurooppaa 2020 irratti Waxabajji 2021 keessa tapha Xaaliyaanii waliin godhan irratti rukuttaa peenaaliitii dhabee arrabsoon sanyummaa irra gahee ture.

Akka malee qeeqame. Ergasii xiyyeeffannoo isaa kilaba isaa irra gocuun gahumsa gaarii agarsiise.

Arsenaaliin kanneen dursummaa Piriimer Liigiitti deebisan keessaa tokko qofa osoo hin taane fakkeenyummaa kan qabu tahe.

"Haala gaarii irra akkan jiru natti dhagahama. Deeggartootaan, leenjisaafi taphattootaan akkan jaalatamuufi deeggaramaa jiru natti dhagahama.

Ani kanuman barbaada. Dandeettiikoo %100 kennuuf qophaa’aadha. Yeroon hidhannoo Ingiliiz uffadhe hundatti gahumsa koo hundaa kennuuf qophiidha,‘‘ jedhe.

Badhaasota

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saakaan lammummaa Ingiliziifi Naayijeeriyaa qaba. Ingiliiz keessatti dhalatee haa guddatu malee maatiin isaa Naayijeeriyaa naannoo Ogun jedhamtu irraati.

Gahumsa Saakaa kan adda godhu sarara cinaa fuulduraa [winger], sarara gidduu, fi ittisa bitaa irra taphachuu danda’uu isaati.

Taphattoota sarara ittisaa garee morkattootaaf qormaata kan tahe Saakaan, taphattoota kubba miilaa ol adeemtota amma jiran keessaa taphataa jabaa jedhamuu danda’a.

Arsenaal keessatti filannoo deeggartootaan waggoota lamaaf walitti aansuun taphataa cimaa tahuun filameera.

Erga bara 2004 as taphataa Arsenaal jalqabaa walitti aansuun taphataa jabaa jedhamuun deeggartoota kilaba isaan filames taheera.

Saakaan sagalee kana kan argate waayillan isaa Maartiin Odeegaard fi karra eegaa Arsenaal Aaroon Raamsideel caaluun ture. Isaan duraa duubaan lammaffaafi sadaffaan xumuran.

Saakaan bara darbe qofa taphoota 43 irratti hiriiree taphachuun galchiiwwan 12 lakkoofsisee kubba torba ammoo mijeessee kenneera.

Dabalataan bara darbe dubbistoota BBC’n taphataa cimaa kilaba Arsenaal tahuun filatameera.