Qopheessituun Waancaa Adunyaa Kaataar tapha jalqabaatiin mo'amuun dorgommicha eegalte

Ikkuwaador tapha jalqabaa Waancaa Adunyaa 2022 Kaataariin injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Kaataar Waancaa Adunyaa bara 2022 bifa ho’aa taheen bante. Garuu tapha jalqaba isheen Ikkuwaadooriin salphumatti 2 fi ‘0n mo’amtee jalqabde.

Taphichis istaadiyeemii Al Bayat jedhamu keessatti gaggeeffame ture.

Gareen Feeliksi Saancheez dorgommichaaf qophaa’uuf gara ji’oota jahaaf waliin turan. Haala taphaa fi teeknikaa irratti waliin hojjetaa turanis miira keessa galuu fi gidduurra qindoomina dhabuun isaanii akka mo’aman taasiseera.

Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa kan taate Senegaalii fi yeroo sadii xumura Waancaa Adunyaaf kan geese Nezerlaandis kan ishee hafan yoo tahu, kan Ikkuwaador waliinii kun isa salphaadha jedhamee ture. Garuu guutummaatti caalamuun mo’aman.

Ener Vaalensiyaan galchiiwwan lama lakkoofsisuun biyyi isaa qabxii jalqabaa sadii akak argattu taasise.

Karra eegaan Kaataar miira keessa ture taphataa sarara duraa duraanii West Haam Ener Vaalensiyaa irratti balleessaa hojjeteen Ikkuwaador rukuttaa peenaaliitii argatan.

Vaalensiyaan galchii kana lakkoofsisuun qopheesituu waancicha kubbi miilaa ishee umurii gabaabaa qabu irratti caalmaa fudhatan.

Deeggartootni boqonnaa irratti dirree keessaa bahan boqonnaa booda hin deebine. Istaadiyeemicha gar tokkoon qullaa godhanii bahan.

Taphataa cimaan Kaataar Almoo’iz Alii fi dursaan taphattootaa Hasan Al Haayidoos daqiiqaan 20 yeroo hafu jijjiiramanii bahanis Kaataar yaalii gara galchiitti kallattii isaa eeggate osoo hin galmeessiin taphichi xumurame.

Abjuu Kaataar milkaa'ina dhabe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Falmii hedduun booda taphni Waancaa Adunyaa Kaataar akka qopheesituuf kennameefii waggoota 12 booda tokko jedhee jalqabeera.

Garuu sirna baniinsaa ho’aadhaan kan jalqabe taphichi Kaataariin mo’amuu irraa hin oolchine. Seenaa Waancaa Adunyaa keessatti biyyi dorgommicha qopheesitu mo’amuun yoo jalqabdu kun kan jalqabaati.

Bara 2019 Shaampiyoonaa Eeshiyaa kan turan Kaataar, karra eegaa Ikkuwaadoriif osoo qormaata hin tahiin taphichi xumurame.

Afrikaan Kibbaa bara 2010 yeroo waancicha qopheesite gara marsaa itti aanuutti osoo hin darbiin hafte. Kaataaris faana kana hordofuun ishee waan hafu miti.

Sababni isaa ammoo taphoptni hafan lamaan Senegaalii fi Nezerlaandis waliin yoo tahu, lameen isaaniiyyuu morkattoota jajjaboodha.

Ikkuwaadoor erga dhiyeenyaan as gahumsa gaarii irratti argamu. Taphoota 16 keessaa tapha tokko qofa mo’aman.

Taphoota darban torba irratti ammoo galchiin irratti hin lakkaa’amne.

Taphni jalqabees sekondii 160 keessatti ture galchii jalqabaa kan lakkoofsisan. Garuu VAR taphaan ala jechuun akka haqamu godhe.

Garuu galchiin kun maaliif haqame kan jedhu irratti burjaajjiitu ture.