Waancaan addunyaa Kaataar kan kana duraa irra maaliif falmisiisaa ta'e?

Taphattoota barreeffama Mirga Namoomaa jedhu agarsiisan

Madda suuraa, Getty Images

Tapha kubbaa miilaa waancaa addunyaa torbee dhufu jalqabuuf jedhurratti FIFA fi biyyi qopheessitu taatee Kaataar dhimmoota akka hin kaane barbaadan keessaa tokko gara wal-tajjiitti dhiyaateera.

Yeroo dorgommiin kun jalqabuuf guyyoonni muraasni qofti hafetti, ambaasaadarri tapha kanaa dhimmi jaalattoota saala wal-fakkaataa, ''rakkoo sammuu isaanii keessatti uumamedha,’’ jedhaniiru.

Kaaliid Salmaan taphataa kubbaa miilaa garee biyyaalessaa Kaataaridha. Miidiyaan Jarman Zadii’eef’ jedhamutti dubbii kana kan himan. Mirga hojjettootaa, bilisummaa dubbachuu fi waraanni Yukireen dhimmoota falmisiisaa jiranidha.

Sababa kanaanis waancaan addunyaa Kaataar qopheessitu dorgommii siyaasni itti gaaddiddeesse kan jedhan jiru.

Dhimma jaalattoota saala wal-fakkaataa

Kaataaritti gaa’elli saalaa fakkaataas ta'e yaadasaa leellisuun yakka. Adabbii hidhaa hanga du’aatti namatti fiduu mala.

''Hojjettoota biyyattiitti baqaan jiraniif fooyya’insa taasifameen booda, jaalattoota saalaa wal-fakkaataa irrattis jijjiirama ni fidu jedheen abdii qaba ture,’’ jedhe hundeessaan deeggartoota saala wal-fakkataa Liivarpuul Pool Amaan.

Pool bara 2019'tti Kaataariin daawwatee kan ture yoo ta'u, haasaan Kaaliid Saalmaan fa’i dorgommii achitti geggeefamuuf yaada gaarii qabu akka geeddare himeera.

Biyya sanatti jaalattoota saala wal-fakkaataa tahan hidhuufi isaaniin wal’aansaan geeddaruun taasifamuusaa dhagahuun Pool dorgommii kana daawwachuuf deemuuf akka hin yaadne sababa taheeraaf.

''Akkaataan qondaaloti jaalattoota saala wal-fakkaataa ilaalaniifi qabiinsa taasisaniifi badaa tahuun fudhachuuf kan hin yaadamne dha,’’ jedha.

Kaataar biyya waancaa addunyaa baranaa qopheessite

Madda suuraa, Getty Images

Mormii taphattootaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaataar irratti qeeqa namoota siyaasaafi falmitoota mirgaa addunyaa irraa ka’un alattis dirree irraas komiin dhagahamaa jira.

Deenmaark gareen ishee dorgommii irratti yeroo hirmaattu faajjiin biyyattiifi mallattoon oomishaa ifatti akka hin mul’anne nan godhaa jetteetti.

Dura bu’aa garee kanaa dabalatee taphattoonni UK, Faransaay, Jarmaniifi Beeljiyeem mallattoo sabbata waaqaa qabu harka isaanii irratti akka keewwatan himan.

Gareewwan kunneen irra deddeebiin gaaffii dhiyeessan illee FIFA’n ergaa siyaasaa yeroo taphaa dabarsuun hin eeyyamamu qajeelfama jedhuun deebii hin kennineefi.

Jaarmiyaan kubbaa miilaa addunyaa bulchu daangaa hojimaatasaa eessa gochuu akka qabu irratti waan rakkataa jiru fakkaata jechuun abukaatoon ispoortii addunyaa Dr Giriigoorii Loondiis dubbatu.

''Taphattoonni Noorweey dhihoo kana yaadasaanii Maaliyaa katabanii as bahaniiru. ''Kuni ergaa siyaasaa qaba?’’ jechuun gaafatu.

''Ani hin beeku, ergaa siyaasaa jechuun maal akka tahe natti himuu dandeessuu? Eenyuyyuu kana na hubachiisuu hin danda’u. Rakkoo kanatu FIFA mudatee jira amma.’’

Pool Amaanii dhaaf dhimmi jaalattoota saala wal-fakkaataa, ''dhimma bu’uuraa hawaasummaati malee dhimma siyaasaa miti,’’ jechuun sababa kanaan taphattoonni adabamuu hin qaban jedha.

Egaa dorgommichi gaafa eegaludha deeggartoonnis tahe taphattoonni seerrii kuni akkamiin akka hojiirra akka oolu kan isaan beekan.

Hojjetaa dirree kubbaa miilaa qulqulleess jiru

Madda suuraa, Getty Images

Mirga hojjettootaa

Hirmaattoonni dorgommichaa kaan immoo mirga hojjettoota ijaarsaa qofa kaasu.

''FIFA’dhaaf qofa siyaasa gatii taheef ni adabamu jechuun dogoggora natti fakkaata,’’ kan jedhu falmataa mirga namoomaafi gorsaa qorannoo hojjettootaa Ikuwiidam jedhamu kan hundeesse Musxafaa Qaadir dha.

Isteediyeemiiwwan waancaa addunyaaf qophaa’an hojjettoota ijaaran dubbiseera dhaabbanisaa.

Hojii kana argachuuf kaffaluun dabalataan haala qilleensaa rakkisaa tahe keessatti hojjechuun mindaa isaanii argachuun carraa isaanii akka tahe himaniiru.

Gabaasonni tokko tokko akka jedhanitti biyyattiin carraa dorgommi kana keessummeessuu bara 2010tti erga argatteen booda hojjettoonni kuma jaha tahan lubbbuu isaanii dhabaniiru.

Mootummaan Kaataar garuu kana cimsee morma. Lakkoofsi kennamu dogoggorsiisaa dha jedha. Yeroo ijaarsaatti lakkoofsi namoota lubbuun darbee 37 qofa dha jedha.

Haala hojiin wal-qabatee kan du’an immoo sadii qofa dha jedha mootummaan Kaataar.

Biyyattii keessatti sirni ‘Kafaalaa’ jedhamu jira. Hojimaata kanaan hojjettoonni hojii isaanii gadhiisuufis tahe geeddaruuf eeyyama ispoonsaroota isaanii argachuu qabu.

Musxafaan immoo jijjiramni muraasni taasifame, ‘’hojjettoota xiqqoo kan fayyadan’’ tahus hamma barbaadame garuu hin deemne jedha.

Kubbaa miilaa

Madda suuraa, Getty Images

Keessummeessituu falmisiistuu

Dhimma jaalattoota saala-walfakkaataafi mirga hojjettootaa kaasuun namoonni baayyeen durumaa carraan dorgoommii kana qopheessuu Kaataariif kennamuu hin qabu jedhu.

Filannoon tapha kana keessummeessuu malaammaltummaa of keessaa qaba himannaan jedhu dhiyaachaa tureera. Gama kanaan Ameerikaa fi Siwiizarlaand qorannoo kan jalqaban bara 2015tti ture.

Kaataar garuu dogoggorri tokkoyyuu hin uumamne jechuun falmiti. Adeemsi filannoos mudaa hin qabu jechuun FIFA irraa bara 2017 eeyyama argateera.

Deeggartoonni murtoo kanaa biyyoota rakkoo qabu jedhaman ispoortii irratti hirmaachisuun akka geeddaraman fii ifa akka bahan gochuun danda’ama jedhu.

''Haala qabiinsa namoomaa ifatti baasus hamma barbaadame garuu hojjetamne,’’ jechuun Musxafaan immoo gama biraan falma.

FIFA’n dorgommicha Kaataar akka qopheessitu sababii godhee keessaa tokko jijjirama barbaacha dha jedha Dr Giriigooriin.

''Biyya kana addunyaadhaaf banaa gochuun mirga nama dhuunfaa fi kanneen biroo illee akka fooyyessitu amansiisuu ni danda’u,’’ jedhu.

Haa tahu malee falmiin dhimma hojjettootaafi jaalattoota saala-wal-fakkaataa itti fufunsaa FIFA’n murtoo dogoggoraa akka godhe akka yaadan isaan taasiseera.

Kanneen Raashiyaa arii'u irratti murtoo kenna

Madda suuraa, Getty Images

Dhorkamuu Raashiyaa

Magaalaa guddoo Kaataar

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii kanaan wal-qabatee FIFA’n murtoo akka addunyaatti dinqisiifannaa argamsiiseef fudhateera, kunis Raashiyaa dorgommii irraa arii’uusati.

Biyyoonni dirree irratti seera cabsuufi adabbii bulchiinsaa dhorkamuun baramaa dha. Tahus dhimma kubbaa wajjin wal-hin qabnneen dhorkamuun dhimma badaa hin baramne taasiseeraani.

Waraana Addunyaa Lammaffaan booda Jarmaniifi Jaappaan carraan wal-fakkaataa isaan mudatee ture.

Yeroo bulchiinsa Appaartaayid Afrikaan Kibbaas qoqqobbiin akkasii irra kaa’amee ture.

''FIFA ‘n ergaawwan qabiyyee siyaasaa qaban ispoortii irraa fageessuuf yaalaa jira. Tahus FIFA’an ofiisaa dhaabbata siyaasaati,’’ jechuun Dr Giriigooriin waa’ee murtoo kanaa dubbatu.

'‘FIFA’n murtoo siyaasawaa dabarsuun isaa waan hin oolle dha.'’

Murtoon Raashiyaa arii’uu kan fudhatame biyyoonni kanneen akka Poolaand, Cheek Riippaabliikiifi Siwiidiin weerara Yukireen irratti raawwate mormuun Raashiyaa wajjin

FIFA’n yoo murteesse malee, ''hirmaattonni dorgommichaa biroo tarkaanfii wal-fakkaataa fudhatu yaaddoon jedhu uumameera,’’ jedhu Dr Giriigooriin.

Jijjiiramoota taasifaman

Amiiriin Kaataar Tamiim Biin Hamiid Taanii biyyi isaanii waancaan addunyaa qopheessuu isheen komii irratti dhiyaatu mormuun,’’waggoota kurnaaf biyyooti baha gidduugaleessaa loogiin rakkachaa bahaniiru.

Loogiin kunis namoota nuyiin hin beekneefi nu beekuuf warra fedhii hin qabneenii,’’ jedhaniiru.

‘’Biyyoota garaagaraa dorgommii ispoortii gurguddaa keessatti qophaa’anitti namoonni komii ni dhiyeessu. Kaataar misoomaafi fooyya'insa taasifteen nan boona,'' jechuun dubbataniiru.

Yeroo wal-dorgommichi dhiyaachaa dhufu mormiin dirreefi dirreen ala dhagahamu mala.

Waancaan addunyaa miilanaa dhimmoota tapha kubbaa waliin wal-hinqabanneen mata duree miidiyaalee tahuun kan itti fufu fakkaata