Taphattoonni Iraan maaliif faaruu biyyaalessaa biyyasaanii faarsuu didan?

Taphattoota garee Iraan

Hawwannaan Waancaan Addunyaa 2022 Qataaritti gaggeeffamaa jiru taphawwan biyyoonni taasisan qofaa osoo hin taane mudannoowwan birootiins qalbii hawaasa addunyaa argachaa jira.

Tapha ramaddii garee B keessaa kaleessa Ingilaand fi Iraan waliin taphatanii turan. Tapha kana irratti ammoo Ingilaand garee biyyaalessaa Iraaniin goolii 6-2 mo’ateera.

Taphni kun jalqabamuuf yeroo jedhutti wanta daawwattoonni dirree magaalaa Dohaa keessatti argamu Kalifaa Internaashinaal Istaadiyem keessatti argan hedduu ajaa’ibsiisee ture.

Taphattoonni Iraan biyya isaanii bakka bu’anii achitti argaman hundinuu wayita faaruun biyyaalessaa Iraan faarfamutti ni callisan.

Maaliif jennaan mormii mootummaa irratti biyya isaanii keessatti gaggeeffamaa jiru deggaruun jedhameera.

Yeroo faaruun biyyaalessaa Iraan faarfatamuu eegalutti namoonni tokko tokko sagalee ol fuudhanii iyyan, kaan isaanii ammoo “dubartii, lubbuu, bilisummaa,” barreeffamoota jedhan qabatanii ol baasanii agarsiisaniiru.

TVn Iraan ammoo yeroo faaruun biyaalessaa jalqabamu Kaliifaa Istaadiyeem irraa kallattiin tamsaasuu jalqabee ture, garuu gidduutti dhaabuun viidiyoo kan duraan isteediyeemii keessatti waraabamee ture tamsaasuu itti fufe.

Ji’oota darban keessa Iraan mormii jabaa keessa turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ka’umsi mormii kanaa ammoo dhimma shamarree Iraan umuriin ishee wagga 22 Maahisaa Amiinii haguuggii mataa ishee sirriitti hin godhanne jedhamuun poolisii naamusaatiin erga to’tamteen booda lubbuun ishee darbuu ture.

Taateen kun mormiin Iraan keessatti akka finiinu taasisuun isa ani yaadatama.

Mormii kana hordofee ammo namoonni 400 ta’an akka ajjeeffaman dhaabbileen mirgoota namoomaatiif falman ni himu.

Namoonni 16,800 ta’an ammoo to’annoo humnoota nageenyaa jala oolfamaniiru.

Gaggeessitoonni Iraan ammoo mormiiwwan kunneen “hokkara” diinata alaatiin qindaa’edha jechuun himatu.

Deeggartoonni ammoo maqaa taphataa duraanii kan Islaamiik Rippabilik Iraan qeequun beekamaa ture kaasuun sa’aatii boqonnaarrattillee “Alii Kariim” wayita jedhan dhaga’amaniiru.

Marmitoonni Iraan hedduun taphataan kun ifatti mormicha deggaruu dhiisuufi Pirezidant Ibraahim Raayiseeniin arguu isaatiif isa qeeqaa turan.

Taphni kaleessa Ingilaand waliin taasisan osoo hin jalqabiin dura yaada isaa kan kenne Amballiin(Qeellisaan) garee Iraan Heyisaan Hajisaafii taphattoonni warra lubbuu isaanii dhaban “akka deeggaran” dubbateera.

“Akkaataa bu’uura qajeelfama taphichaafi seerawwan Waacaa Addunyaatiin taanaan” taphattoonni kunneen “mormuuf bilisummaa” ni qabaatu jechuun leenjisaan Kaarloos Kerooshif ibseera.

Gareen biyyaalessaa Iraan kun taphawwan micchummaa lama Fulbaana keessa yeroo taasisetti taphattoonni kunneen hasxaa garichaa dhorksaniiru/haguuganiiru. 

Deeggaroota garee IRaan dhaadannoo mormii qabatanii

Ingilaandiin 6-2 mo’amuu isaaniin booda yaada kan kenne leenjisaan Keroosh tasgabbiin dhabuun biyyaa taphattoota irratti dhiibbaa taasiseera.

“Yaada kubbaa miilaa hin taane fiduudhaan garicha jeequu warra barbaadan hin keessummeessinu. Sababiin isaa ammoo isaan taphattoota kubbaa miilaati,” leenjisaan garee kanaa lammii Puurchugaal ta’e.

 “Ijoolleen haa taphatan. Kaayyoon isaanii kanadha. Akkuma garee kaanii biyya isaaniifi uummata isaanii bakka bu’uu barbaadu. Gareewwan biyyaalessaa hundinuu biyya isaanii keessatti rakkoo qabu,” jedhan.

Itti-aanaa leenjisaa duraanii kilaba Maanchester Yunaayitid kan ture leenjisaan garee Iraan kun,” wanta itti gaafatama isaanii hin taane wayita dorgommii Waancaa Addunyaa kana irratti gaafachuun sirrii miti. Kaayyoon isaanii uummatichaaf gammachuufi kabaja argamsiisuudha.”

“Akka taphataatti of mul’isuudhaaf barbaaduu isaaniitiif guyyoota muraasa darban keessa waan akkamii akka dabarsan yaaduun isaan rakkisa,” jedhan.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC dhimma kana irratti yaada akka kennuuf gaafatame Gaarii Linker, “Ergaa jabaafi guddaadha,” jedheera.

“Kubbaan miilaa humna isaa waan gariif oolchuuf carraaqaa jira,” jechuun ibse.