Dhaabbati moobaayilii maamila darbaa kaffalchiise yuroo miiliyoona 10 ol adabame

Dubartii karaa kuusaa O2 osoo darbaa jirtuu loogoo isaa ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii karaa kuusaa O2 osoo darbaa jirtuu loogoo isaa ilaalaa jirtu

Neetwoorkiin moobaayilii UK O2 jedhamu maamiloota darbaa kaffalchiise abbaa taayitaa to'annoo telekoomii Ofcom jedhamuun yuroo miiliyoona 10.5 adabame.

Waggoota saddeetiifi, maamilootni amma tajaajila kanatti fayydamuu dhiisan yeroo dhumaaf dachaa akka kaffalan taasifameera jedha Ofcom.

Dogoggorri kuni maamiloota 140,000 tahan bara 2011-2019tti yuroo miiliyoona 2.4 kasaarseera.

Dhaabbati O2 jedhamu kuni qarshii harka 4 dabaluudhaan maamiloota baayyeef qarshii isaanii deebiseera.

Haa tahu malee maamiloota duraanii muraasa argachuu hin dandeenye. Qarshiin jaroota kanaa immoo dhaabota tola oolaaf kennamuuf jira.

Dhaabbanni telekoomii Ofcom garuu, O2 qarshii deebisullee seera maamilootaaf gatii isa sirrii kennuu jedhu waan cabseef adabamuu qaba jedhe.

Maamiloota 140,000 dabalataan, namoonni 110,000 yuroo miiliyoona 38 gatii darbaa gaafatamanillee otoo hin kaffaliin waan hafaniif qarshiin isaaniif deebifamu hin jiraatu.

Ofcom, dhaabbati moobaayilii kuni 'rakkoo adeemsa kaffaltii baasuurratti,'' jiru otoo beekuu bara 2011tti otoo hin sirreesiin hafe jechuun komata. Kanaanis maamiloota waggaa saddeettiif darbaa kaffalchiise jedha.

O2 immoo ''rakkoo teeknikaa uumameen ni gaddina, maamiloota keenyas kabajaan dhiifama gaafanna,'' jedhe.

''Rakkoon kuni akka jiru ofii keenya barreeti odiitara beeksifne. Tarkaanfii qabatamaa tahes fudhanneerra, maamiloota qarshii isaanii deebisuun cinaa beenyaa kenninneerraafi,'' jedhe.

Ofcom immoo otoo O2 sirna kaffaltiisaa otoo geeddareera tahee kuni hundi hin uumamu ture jedhe.

''Kuni seera keenya isa cimaa cabsuu dha. Adabbiin kuni dhaabota maamila isaanii seeraan hin tajaajilleef akeekkachiisa dha,'' jedhe hogganaan abbaa taayitichaa Gaawuchoo Raamaasan.