Ajjeechaa Yaahiyaa Sinwaar booda eenyutu Hamaas hooggana?

Madda suuraa, EPA
Qondaaltonni Hamaas lama BBC'tti akka himanitti, hogganaa garee kanaa Yaahiyaa Sinwaar kan Kamisa darbe ajjeeffamunsaa mirkanaa'e nama bakka bu'u filachuuf mariin taasifamaa jiru yeroo dhiyootti akka jalqabu himan.
Qondaaltonni kunneen akka jedhanitti, itti aanaan Sinwaar fi Gaazaan alatti qondaala olaanaa garee kanaa kan ta'e Kaalil al-Haayyaa akka kaadhimamaa cimaatti ilaalama.
Teessoon isaa Kaataar kan ta’e Al-Haayyaan yeroo ammaa marii dhukaasa dhaabuu garee kanaa fi Israa’el gidduutti gaggeeffamurratti jila Hamaas kan hoogganu yoo ta’u, haala Gaazaa irratti beekumsa, walitti dhufeenyaa fi hubannoo gadi fagoo qaba.
Hoggantoonni Hamaas erga hogganaan duraanii Ismaa’eel Haaniyeh Tehraan keessatti ajjeefamanii ji’a lama booda keessatti ture, nama Israa’el baay’ee barbaadaa turte Sinwaar kan bakka bu’uun filatame. Ammas nama bakkasaa bu'u filachuuf walitti qabamu.
Qondaalli olaanaa Hamaas tokko Sinwaar qindeessaa haleellaa Onkoloolessa 7 ta’uu ibsuun, muudamni isaas ergaa inni ija jabinaan Israa’el mormuuf dabarsu irraa ka'uun akka yaadame cimsanii dubbataniiru.
Erga ji'a Adooleessaa as mariin dhukaasa dhaabuu dhaabatee kan ture yoo ta'u, namoonni hedduun hoggansi Sinwaar waliigaltee dhukaasa dhaabuu kamiyyuu irratti gufuu guddaa ture jedhanii amanu.
Qondaalli olaanaa Hamaas tokko Sinwaar ajjeefamuus haal dureen sochii dhukaasa dhaabuu fudhachuu fi booji’amtoota Israa’el gadhiifamuuf qabu akka hin jijjiiramne irra deebi’anii BBC’f ibsaniiru.
Hamaas Israa’el guutummaatti Gaazaa keessaa akka baatu, diinummaan akka dhaabbatu, gargaarsi namoomaa akka dabarfamuu fi naannoo waraanaan miidhame akka deebi’ee ijaaramu jechuun gaafatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el ammoo haal-duree kana cimsitee diduudhaan Hamaas harka kennachuu akka qabu gaaffatti.
Waamicha Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hamaas meeshaa waraanaa isaa hiikkachuun harka akka kennatuuf gaafate ilaalchisee kan gaafataman qondaaltonni sochii kanaa, akkas jechuun deebii kennaniiru: “harka kennachuun nu hin danda’amu.
"Bilisummaa ummata keenyaaf falmachaa jirra, harka kennachuus hin fudhannu. Akkuma Sinwaar godhe, hanga rasaasa dhumaa fi loltuu keenya dhumaatti ni qabsoofna."
Ajjeechaan Sinwaar waggoota kurnan darban keessatti kasaaraa guddaa garicha mudate keessaa isa tokkodha. Haata'u malee, bakka isaa bu'uuf qormaanni mudatus, Hamaas bara 1990moota irraa eegalee seenaa kasaaraa hoggansa dandamachuu qaba.
Israa’el hoggantootaa fi hundeessitoota Hamaas irra caalaansaanii ajjeesuu kan milkoofte taatuus, sochiin kun garuu haaraa barbaaduu dandamachuun dandeettii isaa mirkaneessee jira.
Rakkoo kana gidduutti hiree booji’amtoota Israa’el Gaazaa keessatti qabaniifi nageenyaafi eegumsa isaaniif eenyutu itti gaafatamummaa akka fudhatu ilaalchisee gaaffiin ka’aa jira.
Haala kanaan obboleessa Yaahyaa Sinwaar kan ta’e Mohammed Sinwaar nama murteessaa ta’ee mul’ateera. Gareewwan hidhattoota Hamaas hafan hoogganaa akka jiran kan amanamu yoo ta’u, egeree sochii Gaazaa bocuu keessatti gahee murteessaa taphachuu mala.
Hamaas yeroo murteessaa kana keessa osoo imalaa jiruu waraanni Gaazaa itti fufa.
Samabata kaleessaa ammoo, kaampii baqattootaa Jaabaaliyaa kan Kaaba Gaazaa keessatti, namoonni hedduun ajjeefamaniiru. Loltoonni Israa’el Hamaas deebisee of gurmeessuuf yaalii gochaa jira jechuun haleellaa cimaa taasisaa jiru.












