Yaahiyaa Siinwaar: Hogganaa cimaa haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 duuba ture

Madda suuraa, Reuters
Israa’el hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar Gaazaatti ajjeesuu kan himte yoo ta’u, kunis garichi akka itti gaafatamaa waliigalaatti erga isa muudee ji’a lamaan booda.
Poolisiin Israa'el akka jedhutti, reeffi Yaahiyaa Sinwaar jalqaba irratti kan adda baafame xiinxala galmee ilkaansaa fi ashaaraa ykn barruu qubaatiin.
Israa'el waggoota 22'f isaan biratti hidhaarra waan tureef galmee qaccee sanyii (DNA) isaa ni qabaatti.
Siinwaar maqaa Abu Ibraahim jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 kibba Israa’el irratti raawwate kanneen hogganan keessaa tokko.
Israa'elis yeroo dheeraaf isa adamsuun dhabamsiisuuf dhaadachaa turte.
Baga gammaddanii fi abdii kutannaa
Hamaas yeroo dheeraaf kan wal dhabanii ture Faataah dabalatee, gareewwan Filisxeem Yaahiyaa Siinwaar hogganaa isaa godhee filachuusaatiin baga gammaddan jedhamee ture.
Barreessaan Koree Giddugaleessaa Faataah Jibriil Raajoub murteen kun ''ajjeechaa wareegama Ismaa'eel Haaniyeh irratti raawwatameef deebii loojikii fi eegamudha'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el, Israa'el Kaatz muudamni Siinwaar ''sababni dirqisiisaa biraa saffisaan dhabamsiisuu'' ta'uu toora X irratti barreessan. Humni Ittisaa Israa’el (IDF) amma yaaddoo sanarratti waan gaarii hojjeteera.
Ji'a Hagayyaa keessa Hogganaan waraana Israa'el Lt Jeneraal Heerzi Haalevi ''maqaa Siinwaar jijjiiruun isa barbaaduu fi haleeluu itti fufuu keenya nu hin dhorku'' jedhanii ture.
Yeroo sanatti lammiileen Filisxeem kanneen waraana dadhaban erga Siinwaar muudamanii booda yaaddoo fi abdii kutannaa isaanii ibsan.
"Qabsaawaadha. Mariin akkamiin raawwatama?" jechuun Mohaammad al-Shariif, magaala Gaazaa irraa buqqa’uun ammaa giddugala magaalaa Deir al-Balah kan jiraatu AFPtti himeera.
Israa'eloonnis oduu muudama Siinwaar mufannaa guddaadhaan dhagahan ture. Hogganaan dhaabbataa maqaansaa Hanan jedhamuufi maqaa abbaasaa dhoksuu filate, yeroo sanatti AFP'tti akka himanitti: "Filannichi mataansaa ofumaan dubbata. Siinwaar filataniiru jechuun, nama habeessaa hin taane hin barbaannee, nama adeemsa laafaa qabu barbaaduunis sirrii ta'ee hin mul'anne jechuudha," jedhanii ture.
Ergaa sadii Hamaas Israa'eliif darbe
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamaas Siinwaar filachuusaatiin Israa'elii fi hawaasa addunyaatiif ergaa hedduu dabarsuu barbaade.
Qondaalli Hamaas Osaamaa Hamdaan BBC News Arabic'tti akka himanitti, filatamuu Siinwaar duuba ergaawwan sadii akka jiran jedhan.
Inni jalqabaa, Hamaas ammallee haala rakkisaa keessa ta'eelleen ''murtee sirrii'' murteessuu akka danda'u, sochiichiis ''tokkummaan akka dhaabbatu'' garsiisuu ture. Hamdaan Siinwaar ''sagalee guutuudhaan'' akka filatame dubbatan.
Hamdaan inni lammaffaan, sochiin kun gara fuulduraatti akka tarkaanfatuufi hoggantoonni ''adeemsa itti fufuu'' danda'an akka jiran agrsiisuudha. Sadaffaan ammoo, ''dhiibbaan Hamaas qajeeltoowwanii fi dhaabbataa jabaa isaa irraa of qusachiisu akka hin dandeenye'' ta'u dubbatan.
Barreessaa fi qorataan siyaasaa Giddugala Qorannoo Siyaasaa fi Tarsiimoo Al-Ahraam kan ta'an Baashir Abdel Fattaah, filannoon Siinwaar ''ergaa dubbii cimse'' ta'uu amanu.
BBC News Arabic'tti akka himanitti, "hogganaa waraana dirree Iraanitti dhiyeenya qabuu fi Israa'el jibbuun beekamu, sadarkaa siyaasaas ta'e waraanaatti filuu jechuun, Hamaas qabsoo waraanaa irratti [cichaa ture] jechuudha," jedhan
Gareen kun ''dhiibbaa fi haleellaa isa gaheen'' duubatti akka hin deebine dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Dursaa Gaazaa keessaa
Hogganaan Hamaas kan naannoo Gaazaa keessa jiraatu yeroo filatame kun kan jalqabaa miti.
Ismaa’eel Haaniyeh gara Kaataaritti osoo hin imaliin dura aangoosa gara waggaa lamaa Gaazaa keessa dabarse.
Osaamaa Hamdaan yaada kennaniin, bulchiinsi Hamaas ''hogganaan isaa Gaazaa keessas ykn ala jiraatus yeroo kamiyyuu hin laafne ture'' jedhan. Garuu Siinwaar Ismaa'eel Haaniyeeh irraa adda.
Israa'el "Siinwar akka adamsitu" doorsiftee turte. Haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameef itti gaafatamaadha jechuunis, waraanni Israa'el nama akka qabamuuf eeruu kenneef badhaasa doolaara kuma 400 dhiyeessee ture.
Yunivarsiitii Biyyoolessaa An-Najah'tti piroofeesara saayinsii siyaasaa kan ta'an, Haasan Ayoub, ''Siinwaar yaada hojiirra oolchuu kan filatamedha,'' jedhan.
"Israa'el akkuma Haaniyeh irratti xiyyeeffatte, hogganaa Istiriippiin ala jiraatu kamiiyyuurratti xiyyeeffachuu dandeessi.'' Dhugaattis Siinwaar Gaazaa keessa ture. Israa'el ammoo ''yeroo dheeraaf isa dhabamsiisuuf barbaadaa turte'' jedheera.
Siinwaar yeroo muudamasaatti, Onkoloolessa 7 irraa eegalee ummata duratti hin mul'anne ture.
Filannoo hin eegamne
Erga Ismaa’eel Haaniyeh ajjeefamee booda, xiinxaltoonni tokko tokkos Siinwaar hogganaa haaraa Hamaas filachuu keessatti gahee guddaa ni qaba jechuun falman. Kunis, sababii kanneen maqaansaanii miidiyaa irra naanna’uu keessa waan hin turreefiidha.
Haata'u malee, filannoo Yaahiyaa al-Siinwaariin Hamaas murteesaa saffiisuu fi dhiisuurratti gaaffii kaase.
Xiinxaltoonni tokko tokkos pirezidaantummaansaan ''yeroodhaaf'' akka ta'uufi erga waraanni Gaazaa xumurameen booda namni biraa bakka isaa akka bu'u yaada dhiyeessan turan.
Qondaalli Hamaas Osaamaa Hamdaan himannaa kana kan morman yoo ta'u, ''qorannoon gadi fageenyaan gaggeeffameen namni hundi Siinwaariif amanamaa akka ta'u taasiseera'' jedhan.
Barreessaa fi qorataan siyaasaa Baashir Abdel Fattaah BBC News Arabic'tti akka himanitti, Hamaas mallattoo ''dafee bakka hoggansaa duwwaa guutuu danda'e'' jedhu kennuu barbaada.
Prof Ayoub itti dabaluudhaan, muudamni Siinwaar Weest Baankii to'atame irrattis dhiibbaa qaba jedhan.
Innis akka jedhanitti: “Gareewwan Filisxeem hunda waliin walqunnamuu kan danda’u yoo ta’u, hariiroo Abbaa Taayitaa Filisxeem Fataah'n durfamuu fi Hamaas gidduu jiru suphuudhaaf carraaqeera” jedheera.
Ogeeyyiin akka amananitti, Siinwaar yeroo itti gaafatamaa waajjira Hamaas Gaazaa turetti, sadarkaa keessoo fi naannootti imaammata "garaagarummaa zeeroo" kan hordofe yoo ta'u, Masrii waliinis araaramuu kan danda'e, sochii fi... Sirna Sooriyaa, akkasumas Hamaas Sa’uudii Arabiyaa waliin akka walitti dhihaatu dhiibuuf yaale ture.
Aangoon Itti gaafatamaa Biiroo Siyaasaa Waliigalaa Hamaas, sochiicha keessatti akka sadarkaa jaarmiyaa olaanaa ta'ee ilaalama. Gareen kunis waggaa afuriin filannoo waliigalaa kan gaggeessa. Yeroo sanattis innis Mana Maree Shuraa kan miseensota Biiroo Siyaasaa hammatuufi isaanis dabaree isaaniitiin itti gaafatamaa fi itti aanaa itti gaafatamaa biiroo filata.

Madda suuraa, Getty Images
Mudannoo hadhaa'aa
Israa’el Siinwaar akka hogganaa “hunda caalaa rakkisaa fi finxaallessaatti” ibsiti.
Qondaalli Ejensii Nageenya Biyya Keessaa duraanii Michaa Kobii, Siinwaar yeroo hidhamaa ture sa’aatii 150 oliif ia qorate. Inni “cimaa” fi miira kan hin qabne, garuu ammoo “kan jijjirama samuu hin qabneedha” jechuusaa Waashingitan Poostiin gabaase.
Ajjeechaa Ismaa’eel Haaniyeh waliin, Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun sammuu Israa’el kan hubatu Siinwaar waliin “waldhabdee hiriyummaa” keessa waan jiruuf “daandiin Israa’el walqixaa kana dandamachuu qaba,” jedha Ihaab Jaabarin, barreessaan dhimma Israa’el irratti adda ta’e.
"Miidiyaaleen mormitoota Israa'el yeroo dheeraaf sababni waraana kanaaf Siinwaariifi Netaaniyaahuun akka ta'an olola dabarsaa turan" jechuun Jaabarin BBC'tti himan.
Dhaabbanni Biroodkaastiing Israa'eel muudamni Siinwaar ''kan nama ajaa'ibu'' ta'uu fi lubbuun jiraachuusaa fi hoggansi Hamaas Gaazaa keessa jiru cimaa ta'uusaa Israa'eliif ergaa dabarsuu gabaase.
Jaabarin haasawa naannawa Israa'el keessatti taasifamu tokko tokko caqasuun, "jalqaba Siinwaar bara 2011'tti gadhiifamuusaatiif Netaaniyaahuun komtu. Achiis haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameef, ittaansee ammoo ajjeechaa Haaniyeh irratti raawwatameefi kan Sinwaar sochii kana akka hogganu taasiseef komatu."
Maatiiwwan Israa'el booji'amtoota Gaazaa keessaa qabaniif, muudamni Siinwaar ''dhoohinsa lubbuu namaa galaafate'' jedhu barreessaan dhimma Israa'el, Ihaab Jaabarin.
Akka AFPn jedhuutti, Onkololeessaa 7tti loltoonni Hamaas Israa'eloota 251 boojii'uun fudhatan.
Israa’el ammoo deebii duula waraanaa kan namoota 42,000 ol ajjeese kan kennite yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera.












