Libaanos haleellaa hospitaala Beeruti biraatti raawwatameen hedduun ajjeeffaman jette

Haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeeffamanii yoo xinnaate sadi ammoo madaa'aniiru.

Guduunfaa

  • Yaahiyaa Sinwaan ajjeeffame jechuun waraanni Gaazaa dhume jechuun miti- Netaaniyaahuu.
  • Yaahiyaa Sinwaar qondaaltoota Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 duuba turan jedhaman keessaa tokkoodha.
  • Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeeffamuu Israa'el mirkanneessite.
  • US Israa'el kaaba Gaazaatti ''imaammata beela akka meeshaa waraanaatti fayyadmuu'' akka itti hin fufneef hordofaan jira jette
  • Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte
  • Israa'el Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime
  • UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Namoota ajjeeffaman afur keessaa tokko daa'ima- Ministeera fayyaa Libaanos

    Haleellaa Israa’el galgala kana kibba Beerut dhihoo hospitaala tokkotti raawwatteen namoota afran ajjeefaman keessaa daa’imni tokko akka jiru ministeerri fayyaa Libaanos.

    Ministeerri fayyaas namoonni 24 madaa’uu hima.

    Miidiyaaleen mootummaa Libaanos akka gabaasanitti, naannoo kibba magaalaa Beerutiitti haleellaa 13n rukutame.

    Israa’el hanga ammaatti taatee kanarratti yaada hin kennine, haata'u malee kana dura akeekkachiisa baqachuu hedduu kutaalee naannoo kibba Beerut keessaa bahaa jechuun, Hezbollaa irratti akka xiyyeeffattuu himtee turte.

  2. Amma nu gahe, Libaanoos haleellaa dhiheenya hospitaala Beeruutiitti raawwatamen namoonni ajjeeffamu himte

    Haleellaa Beeruti

    Madda suuraa, Reuters

    Ministeerri fayyaa Libaanoos haleellaa galgala kana israa'el dhiheenya hospitaala Beerutiitti raawwatteen yoo xinnaate namoonni afur ajjeeffamu hime.

    Ministeerichi akka jedheetti haleellaan qilleensaa Isaa'el dhiheenya kana raawwattees kibba Beeruti hospitaala Yunivarsitii Raafiik Haariiritti bakka dhihoo ta'eerratti raawwatameeniidha.

    Haleellaan qilleensaa galgala kanaatiin magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessa, bakkeewwan waraanni Israa’el Hezbollaa waliin hidhata qaba jedhe hedduu irratti xiyyeeffateera.

    Bakkeen tokko naannoo hospitaala mootummaa guddaa tokkotti argama.

    Akka sa’aatii biyyatiitti sa’aatii 22:00 booda ture dubbi himaan Israa’el akeekkachiisa haleellaa qilleensaa bakkeewwan kibba Beerut keessaa irratti akka raawwatamuufi jiraattonni nageenyasaaniif gamoo irraa akka fagaatan kan gaafate.

    Akeekkachiisni jalqabaa erga kennamee gara daqiiqaa 15 booda Israa’el naannoolee kibba Beerut lamarratti haleellaa xiyyaaraa walitti fufiinsaan raawwachuu jalqabde.

    Haleellaan xiyyaaraa hospitaala mootummaa guddichaan alatti haleele, kanaanis sagalee cimaan tokko akka namoonni damaqanii lubbuuf dahoo barbaacha fiigan taasisuu kanneen ijaan argan dubbatan.

  3. Naannoo kibba Beerut irratti haleellaa raawwatameen aarri ni samiitti ol ka'e mul'ata

    Magaala Beeruti

    Madda suuraa, Reuters

    Suuraalee haaraa galgala kana magaalaa guddoo Libaanos Beerut irraa argaa muraasni kunooti.

    Haleellaa Israa'el booda aarri naannoo kibba magaalattii irratti ka'ee mulatu kunoo suuraan mul'ataa jira.

    Magaalaa Beeruti galgala kana

    Madda suuraa, Reuters

  4. Hospitaalli Beerut erga Israa'el qabeenyaan Hezbollaa jalatti dhokfameera jetteen booda gadiisuun bahe

    Raayyaan Ittisaa Israa’el akka, baankiin Hezbollaa hospitaala Beerut jala jiru keessaa maallaqa callaa doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa’amuu fi warqee of keessaa qaba jedhe.

    Viidiyoo gabaabaa toora interneetii irratti maxxanfameen dubbi himaan IDF Daani’eel Hagarii, galgala edaa bu’uuraalee faayinaansii Hezbollaa waliin hidhata qaban irratti haleellaa raawwatameen, mana kuusaa lafa jalaa kan biraa, kan inni gamoo mana jireenyaa jala ture jedhu irratti xiyyeeffatameera jedhe.

    Haata'u malee, Hagariin akka jedhutti, IDF baankii Hasan Nasrallaa, kan hogganaa Hezbollaa ture fi ji’a darbe keessa Israa’eliin ajjeefame, ta'e jedhee hin haleellee jedhe.

    Baankii kanadha kan amma Hagarii Beeruti keessatti hospitaala Saahel jalatti argama jechuun, maallaqaa fi warqee baay'eedhaan guutameera jedhan.

    Israa'el erga himannaa kana dhiyeessiteen booda hospitaalichi keessaa kan bahame yoo ta'u daarektarri hospitaalichaas baankiin akkasii jiraachuu isaa haaluudhaan, waraanni Libaanos bakka sana akka daawwatuuf waamicha dhiyeessaa akka jiru dhaabbanni oduu Rooyitarsiif himeera.

    Israa'el mooraa kana hordofaa jirti garuu hospitaalicha akka hin rukunne ibsuun, aanga'oonni Libaanos Hezbollaan ''maallaqa kana shororkeessummaaf akka fayyadamu'' akka hin hayyamne gaafatteetti.

  5. IDF Damaasqoo keessatti itti gaafatamaa damee faayinaansii Hezbollaa ajjeesuu hima

    IDF Damaasqootti itti gaafatamaa faayinaansii Hezbollaa ajjeesuu hima

    Madda suuraa, EPA

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) haleellaa har’a magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhatee ture.

    Haleellichaanis ittigaafatamaa damee maallaqaa Hezbollaa ajjeeseera jedhan.

    Dura ammoo, ministeerri ittisa Sooriyaa ibsa baaseen, haleellaa Israa’el raawwateen namoonni nagaa lama du’uu fi kan biraa sadii ammoo madaa’uu ibseera.

    Ibsi Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) galgala kana baaseen, “Sooriyaa fi bakka hundatti Hezbollaa irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufna” jedha.

  6. 'Hezboollaa fi Israa'el lola dhaabuuf qophii miti' - Ergamaa addaa Ameerikaa

    Ergamaa addaa Ameerikaa fi kaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Torbanoota dura Israa'el duula waraanaa guutuu Hezboollaa irratti banuu dura ergamaan addaa Ameerikaa Amoos Hoositeen dhaabsiisuu hin dandeenye ture.

    Amma Libaanos kan jiran ergamaan kuni haleellaa qilleensaa balaafamaa fi mancaatii torbee afur tureen booda nagaaf iddoon jira jedhanii yaadanii ture.

    "Haalli amma jiru jijjiiramuu qaba," jedhan dubbii himaa paarlaamaa Libaanos arguun booda, haalli nagaaf jiru gaarii hin fakkaatu jedheera.

    Eda galgala Israa'el baankiiwwan Hamaas Beeruut keessaafi iddoo kaan jiran barbadeessuu amma yeroon yerootti faayinaansii dhaabicha dhabamiisan tahuu himte.

    Hezboollaan iddoowwan Libaanoos garagaraatti waan jiruuf iddoo mootummaan hn qaqqabne deeggarsa maallaqaafi hawaasaa uummtaaf kenna.

    Israa'el sochiin Hezboollaa hawaasa Libaanos keessaa qabu akkaan akka hir'atu barbaaddi.

    Gamni lamaanuu ammallee lola dhaabuuf qophii miti.

  7. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dubartootaafi daa'imman Filisxeemii 1,000 Gaazaatii baasuuf

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ijooleefi dubartota Filisxeem 1000 tahan kara Israa'el baasuun gara biyyoota Awurooppaa garagaraa wal'aansaaf geessuuf haala mijeessaa jira.

    Sagantaan kuni qaama namoota baraaruun biyyya sadaffaatti wal'aansa lubbuu oolchuu akka argatan gochuu dha

    Ibsi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waajira Awurooppaa jirurraa saganta kanatti Israa'el waliigalteettii jedha.

    ''Hospitaala biyyoota Awurooppaa keessatti iddoo argachuuf eegaa jirra,'' kana yeroon dhimma murteessaa tahe tahuu himuuni,'' jedhe.

    ''Fayyaan ala nagaan hin jiraatu, nagaan alas fayyaan hin jiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukaasni akka dhaabbatu, warreen butaman akka gadhiifamaniifi deeggarsi namoomaa dhorkaa malee akka qaqqabu yeroo dheeraaf

  8. Kooriyaan Kibbaa loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaatii hatattamaan akka bahan gaafatte

    Loltoota Kooriyaa Kaabaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kooriyaa Kibbaa ambaasaaddara Raashiyaa waamuun ''loltooonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen loluuf leenji'aa jiran atattamaan akka bahan,'' jechuun gaafatte.

    Akka dhabbanni basaasaa See'ul jedhutti humna addaa dabalatee loltoonni Kooriyaa Kaabaa 1,500 Raashiyaa galaniiru.

    Wal gahii ambaasaaddar Joorjii Zinooviiv waliin taasisaniin ministarri ittaanaa Kooriyaa Kibbaa Kiim Hoong-kiyuun tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa balaaleffachuun Sewuul ''tarkaanfii barbaachisu hundumaan deebii kennitii,'' jedhan.

    Zinooviiv yaaddoo jiru akka hubatan himuun, qindoominnii Moskoo fi Piyoongyaang gidduu garuu ''seera idil-addunyaa kan eege dha,'' jedhan.

  9. Lammiin Ertiraa Kaaba Ayarlaanditti haleellaa raawwachuun adabamte

    Poolisii Kaaba Ayarlaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiin Eritiraa Kaaba Ayarlaand keessa godaantummaan jiraattu tokko hojjettuu dhiimma hawaasummaa irra deddeebiin meeshaa qara qabuun waraanuun, hordofee adabbii hidhaa fi biyyaa arii'amuun irratti murtaa'e.

    Lammiin Eritiraa kan ganna 25 fi maqaanshee Fiyyoorii Kassata jedhamtu, miidhaa qaqabsiifteen booda mana murtiitti dhiyaattes gochaa raawwatte amanteetti.

    Himatamtuun kun haleellaa kana kan raawwatte akeekkachiisa osoo hin keenniin akka tasaa irree fi mataa miidhamtuu keessa dhahuu sheetu himame.

    Gochaa kanas waggaa lama dura kan raawwatte yoo tahu, kanas wiirtuu jireenyaa godaantotaa keessaa baddee erga turteen booda poolisiin qabamtee deebi'uun booda haleellaa kana raawwatte.

    Manni murtii dhimma kana ilaalee ture duraan hidhaa waggaa jahaa kan itti mure yoo tahu, booda garuu Fiyyooriin nama ''balaa baattudha'' jechuun yeroon hidhaa akka dheeratu godheera.

    Boodarras manni murtii ''warreen nama daddabarsaniin dhufte,'' waan jedhu adabbii salphisaaf hin fudhatiin hafeera.

    Inumaayyuu erga mana hidhaa galtee amalli agarsiiftu kan lolaa fi aarii guutame waan taheef, yeroo hidhaashee erga xumurteen booda biyyaa akka arii'amtu abbaan murtii murteessaniiru.

  10. Kibba Libaanos keessatti waraanni itti fufeera

    Helikoptariin waraanaa Israa'el yoo dhukaaftu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa Libaanos kan mootummaan bulchu (NNA) akka gabaasetti, waraanni Israa’el ollaa kibba Libaanos Aita al-Shaab jedhamtu, kan daangaa Israa’el waliinii keessatti “manneen haleellaman” jedha.

    Akkasumas NNAn, "xiyyaaronni waraanaa diinaa'' naannoo Habuush fi Araabsaalim kan gara kaabaatti fagootti argamu haleelaniiru jedhe.

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) kibba Libaanos keessatti sakatta'iinsa ''daangeffame, kan naannoo muraasa irratti xiyyeeffate'' gaggeessee jira jedha.

    Itti dabalunis duulichi ''dirooniiwwan misaa'eloota dhukaasan'' kan buufataalee ajajaa Hezbollaa haleellan jedheen kan hirmaachise ta'us hime.

    Akkasumas xiyyaarri qilleensaa Israa'el ''dhaabbilee kuusaa meeshaa waraanaa'' naannicha keessaa, dirree miisaa'eloota Israa'el irratti dhukaasuuf itti fayyadamu jedheen haleeluus himeera.

  11. Ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa marii dhukaasa dhaabuutiif Beerut seenan

    Ergamaan US marii dhukaasa dhaabutiif Beeriti seene

    Madda suuraa, EPA

    Ergamaan Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayiden kan Baha Giddu Galeessaa, Amos Hochstiin waraana Hezbollaa fi Israa’el gidduutti yaalii furmaata karaa marii taasisuuf Beerut galan.

    Israa’el torban afur dura duula waraanaa Hezbollaa irratti geggeessitu erga cimsiteen booda Hochstiin Libaanos yoo daawwatan kun isa jalqabaati.

    Imala isaanii kanaan duraatiin Hochstiin waraana namootaafi bu’uuraalee misoomaa Libaanos irraan miidhaa guddaa geessise kana ittisuuf yaaliin taasisan illeen hin milkoofne ture.

    Beerut kan ga’an ergamaan kun, Libaanos waldhabdee naannoo waliin walitti hidhachuun egeeree Libaanos akka hin taane akeekkachiisaniiru.

    Haata'u malee kun Hezboollaan Iraan waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu fi kan murtee inni Hamaas kan lola Israa’el waliin walolaa jiru deeggaruuf murteesse agarsiisudha jedhan.

    Akkasumas, gara haala dur kan turee, bakka waraanni Libaanos humna UNtiin deeggaramee, nagaa daangaa Israa’el waliin jiru eeguuf tureetti deebi’uun gahaa akka hin taane dubbatan.

  12. Biliinken yeroo 11ffaaf gara Baha Gidduugalaa imalaa jiru

    Antoonii Biliinken

    Madda suuraa, Reuters

    Baha Giddugalaatti ergamaan addaa Baayidan yeroo ammaa Beeruut jiru. Ameerikaan marii dhukaasa dhaabuu deebisuuf tattaaffii dippiloomaasii jabeessaa jirti.

    Dippiloomaatiin Ameerikaa hangafti Antoonii Biliinken har'a gara Baha Gidduugalaa kan imalan bara darbe erga waraanni jalqabee yeroo 11ffaaf tahuusaati.

    Waraana Gaazaa dhaabuun murtessaa tahuu, kanneen butaman akka gadhiifamaniifi gadadoo uummata Filiisxeem hambisuu irratti marii'achuuf.

    Biliinkean yeroo waraanaan booda jiru irratti illee marii'achuuf tahuu ibsi Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa agarsiisa.

  13. Saaraa Netaaniyaahuun haleellaa dirooniin Dilbata darbe mana MM irratti raawwatamerratti yaada kennite

    Deebii haleellaa MM Beenjaamiin

    Madda suuraa, EPA

    Torban darbe keessaa Hezbollaan mana Ministira Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu dirooniin haleeluuf yaale jedhamee gabaafamee ture.

    Minstirri Mummee Netaaniyaahuun yaalii ajjeechaa isaa fi haadha warraasaanii irratti raawwatame jedhan.

    Amma haati warraa Netaaniyaahuu Saaraan yeroo jalqabaaf ifatti dhimmacharratti dubbatte.

    Namoota Israa'elii fi addunyaa guutuurraa deeggarsa nuuf taasisan galatteeffachuun, "Yaaliin anaa fi Ministira Mummee Israa'el ajjeesuuf godhames yaaliin dhuunfaa qofa hin turre. Haleellaa hunda keenya irratti, ummata Israa'el irratti, kan dudhaafi daandii ummata keenyaarratti aga'amameedha," jetti.

    "Qalbiin keenya loltoota keenyaa fi gootota keenya, kanneen boqonnaa tokko malee of kennuu fi ija jabina gita hin qabneen biyya ittisan waliin jira," jetti.

  14. Haleellaan Israa'el baankiiwwan Hezboollaa irratti raawwatte 'barbaachisaafi simatamaadha' - dursaa paartii mormitu

    Beenii Gaantiz

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri kaabinee waraanaa Israa'el duraanii fi dursaan paartii mormituu, Been Gaantzi, haleellaan Libaanos keessatti bakkeewwan garaa garaa keessatti raawwataman ''barbaachisaafi kan simatamuudha'' jedhan.

    Gaantzi ibsa karaa toora X isaaniitiin barreessaniin, dhiheenya keessa Iraan Hezboollaadhaaf waggaatti doolaara biliyoona wallakkaadhaan ol gootiif jedhan. Kunis ''biyya akka Libaanos rakkoo dinagdee keessa jirtu keessatti maallaqa baayyee olaanaadha'' jedhan.

    Itti dabalunis, "Bu'aan isaatiis loltoonni waraana Libaanos keessa jiran [yeroo hunda] hanqina nyaataatiin osoo rakkachaa jiranii, shororkeessaan humna Hezbollaa irraa dhufe tokko ofii isaatiifi maatiiisaaf nyaata ho'aa argataaa jira," jedhan.

    Gaantz kaayyoon Israa'el "sirna Iraan" kan jedhee waamu diiguudhaaf qabdu irra deebi'ee kan ibsu yoo ta'u, itti dabaluudhaanis: "Ergaan isaa ifaadha: bakka kamittuu, karaa kamiinuu isin naaffeessuudha."

  15. Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen marii biyyaalessaa keessaa of baasuu ibse

    Aasxaa Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen

    Madda suuraa, X/ONLF

    Ibsa waa'ee suuraa, Aasxaa Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen

    Adi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) marii biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeessuuf jettu keessaa of baasuu ibse.

    MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabachuu hordofee gara biyyaatti kan gale ONLF, fuula X [Tiwiiterii] irratti ibsa maxxanseen, marii Biyyalessaa Itoophiyaan gaggeesuuf jettu iftoomina hin qabu jedhe.

    ''Jalqabarratti marichi iftoomina akka qabaatuu fi hundumaa kan hammatu tahuuf waadaa galamee ture.

    ''Paartiin biyya bulchaa jiru dhiyeenya naannoo Somaalee keessaa ofuma isaatiin namoota maricha irratti hirmaataan filaa ture.

    Kana gochuun waliigaltee paartilee waliin taasise cabsuun sagalee uummata bal’aa bakka bu’u moggaatti dhiiseera,’’ jechuun sababa maricha keessaa itti bahuuf jedhu ibse.

    Kun kaayyoo Marii Biyyaalessaa kan faallessudha kan jedhe ONLF, Sababoota wal dhabdee biyyicha keessaa hundeerraa furuudhaaf qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu hundinuu hammatamuu qabu ture jedhe.

    Dabalataan qaamoleen siyaasaa murteessoo tahan naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay irraa hin hammatamne jedhe, naannolee kanneen keessatti ammayyuu wal dhabdeen akka jiru eeruun.

    Mariin amma yaadame [Mariin Biyyaalessaa] gar-tokkee fi kaayyoo nagaa buusuu yaadame kan galmaan ga’u miti jedhe.

    ONLF ammas marii iftoomina qabuu fi hunda hamate irratti hirmaachuuf qophii akka tahe ibsuun, hanga kun hin taaneetti garuu maricha keessaa of baasuu ibse.

    Itoophiyaan wal dhabdee biyyicha keessatti walitti fufinsaan mudatu furuudhaaf Marii Biyyaalessaa qopheessuu erga jalqabdee bubbuleera. Garuu ammayyuu mariichi qabatamaadhaan hin eegaliin jira.

    ONLF qofa osoo hin taanes, dhaabbileen siyaasaa Oromiyaa keessa socho’an ABO fi KFOnis maricha keessaa of baasaniiru.

    Qaamoleen hidhatanii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’anis marii kana keessatti hin hammatamne.

  16. Sirni farra misaa'elii Ameerikaa amma Israa'el qaqabe

    Meeshaa waraanaa sirna ittisa Israa'el cimsu jedhaman

    Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa Looyd Oostiin sirni farra misaa’elii Ameerikaan gara Israa’elitti ergite amma qaqabeera jedhan.

    Oostiin sirni kun hojiirra oolfamuusaa hin dubbatu, haata'u malee imalasaa gara Yukireeniitti taasisaniin, "hojiirra oolchuudhaaf dandeettii baayyee saffiisaa qabna, haaluma eenguunis tarkaanfataa jirra'' jedhan.

    Qondaaltonni Sirni Ittisa Naannoo Olka’iinsa Tarminaala Guddaa THAAD jedhamuun beekamu ittisa qilleensaa Israa’el ni jabeessa jedhu.

    Kunis loltoota Ameerikaa gara 100 bobbaasuu of keessatti hammata. Waa'ee sirna THAAD dabalataan asiin dubbifadhaa: Thaad, Iran Dome fi meeshaalee ittisa miisaa'elii Israa'el kaan maalidha?

  17. Suuraalee gamoowwan haleellaa Israa'eliin Beerut keessatti barbadaa'anii

    Gamoo barbadaa'e

    Madda suuraa, REX/Shutterstock

    Haleellaa halkan darbe gamoowwan damee baankii Hezboollaa waliin hidhata qaba jedhameerratti raawwatameen samiin Beeruti ifaan guutamee akka ture gabaafame.

    Miidhaan haleellaa qilleensaa Israa’el dhiheenya kana raawwatteen qaqqabes suuraawwan al-Shiyaah giddugala Beerut irraa kaafaman kana irratti ifatti mul'ata.

    Gamiiwwan haleelaman

    Madda suuraa, REX/Shutterstock

    Konkolaattoota haleelichaan miidhama

    Madda suuraa, REX/Shutterstock

  18. Beerut ibiddaan gubatte jedhu ministirri dhimma alaa Israa'el

    Ibidda samii beeruut gubbaatti mul'ataa ture

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Dhimma Alaa Israa'el, Israa'el Kaatiz haleellaan halkan edaa Libaanos irratti raawwatame ''haleellaa bal'aa Israa'el'' kan ittiin ''caasaalee maallaqaa Hezbollaa irratti xiyyeeffate'' ta'uu dubbatan.

    Aanga'aan kun ibsa toora X isaanii irratti kenneen, akkas jedha: "Beeruti ibiddaan gubataa jirti. Akeekkachiisa jiraattonni akka bahaniif kenname hordofuun haleellaa qilleensaa gamoowwan 15 ol sababii rukutamaniif ibiddi guddaan Beerut gubbaatti mul'ateera."

    ''Hezboollaan gatii baaseera ammas haleellaa kaaba israa'el irratti raawwateefi rookkeettiiwwan dhukaaseef ganaa gatii cimaa baasa.

    "Ergamtoonni Iraan hanga kufaniitti haleeluu keenya ittuma fufan'' jedhan.

  19. Libaanoositti osoo haleellaan hin jalqabiin dura 'sodaa guutee ture' - ergamaa UN

    Haleellaa halkan keessa raawwatame

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaan Israa’el dameewwan baankii AQAH irratti xiyyeeffachuun Beerut keessatti raawwattee “sodaa guddaa” uumeera jedhu Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)tti Qindeessaan Addaa Libaanos.

    Jenin Hennis ergaa karaa barreeffama toora X, kan duraan tiwiitara ture irratti baasaniitti, Israa'el akeekkachiisa kenniteen booda ''baqachuudhaaf yeroo baayyee gabaabduun'' akka ture kan himan yoo ta'u, ''dhohinsi cimaan halkan samii keessaa ni dhaga'ama ture'' jetteetti.

    "Guyyaa guyyaadhaan Libaanos baayyee rakkataa jirti. Garuu osoo carraawwan jiraniitti fayyadamama ta'e, jeequmsa hammaataa dhufe gidduuttillee furmaanni ni jira" jechuun barreeffama ishee kanaan xumurte ergamtuun adda tun.

    Waraabbiin viidiyoo akka agarsiisaniitti, namoonni miilaan ykn konkolaataatiin giddu galeessa Beerut keessaa baqachaa akka turan agarsiisu.

    Maatiin tokko tokkos halkan manaa bahuun erga dabarsanii booda guyyaa immoo gara manaatti deebi'uuf karoorfachuu isaanii himan.

  20. Baankiin Al-Qard al-Haasan kan Israa'el haleelte maaliidha?

    Jijjigaa gamoo haleellaa Israa'el halkaniitiin barbadaa'e

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Israa'el gamoowwan damee baankii Al-Qard al-Hassan (AQAH) kan Hezboolaan itti fayyadama jedhan "hedduu" haleeluu beeksiise.

    Bara 1982tti akka dhaabbata tola ooltummaatti kan hundeeffame dhaabbanni liqaa kun bara 1987tti ifatti seeraan galmaa'uun, moggaasaa isaa "The Good Loan" ykn "The Benevolent Loan" jedhu kennameef.

    Sababii Hezbollaa waliin hidhata qaba jedhameef dhaabbanni AQAH kun bara 2007tti Ministeera Maallaqaa Ameerikaatiin qoqqobbii irra kaa'ame ture.

    Ameerikaan dhabbanni kun garee kanaaf akka toora faayinaansii murteessaa ta'ee tajaajilti jetti.

    Sirna aadaa warra dhihaatiin alatti kan hojjetu yoo ta'u, ummanni Libaanos uggura baankota biyya keessaatiin kaa'amen akka hin bitamne taasisa.

    Guutummaa Libaanos keessatti baankiin kunis dameewwan AQAH 34tu jiru.

    Akkuma gabaasa miidiyaalee Libaanoonitti gamoowwan damee AQAH irratti argaman irratti xiyyeeffachuun haleellaan 16 raawwatamaniiru. Kanneen keessaayis irra caalaan isaanii kan kibba Libaanos keessatti rawwatame ta'u himan.