Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaan Masriirratti olaantummaa itti gonfatte

Lammiileen Itoophiyaa haashtaagii '#It'sMyDam' jedhuun yeroo hiriira bahaa turan kan agarsiisu

Madda suuraa, AFP/Getty Images

    • Barreessaa, Faaruk Chotiiyaa, BBC News fi Yemaane Naagish, BBC Tigrinyaa

Itoophiyaan waggoota kurnan darbaniif waltajjiiwwan idil-addunyaarratti Masrii irratti olaantumaa dippilomaasii gonfachuun Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte xumuruun eebbaaf geessee jirti.

Hidhi Itoophiyaan ijaarte kun hidhawwan gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, Itoophiyaan waliigaltee bara kolonii Ingiliziin biyyoota Kaaba Afrikaa [Masiriifi Sudaaniif] abbummaa bishaan Naayil irratti olaantummaa kenniteef 'nan ilaallatu' jechuuni hidha kana ijaartee kan xumurte.

Hidhi Laga Abbayyaa irratti maallaqa guddaa dolaara biliyeena shanitti dhiyaatuun ijaarame kun miira lammiilee Itoophiyaa kan akkaan dammaqseedha.

Lammiileen Itoophiyaa sababa rakkoo siyaasafi waraanaan wantoota garaa garaa irratti tokko ta'uu dhiisuu malu, garuu Hidha Abbayaa irratti hunduu yaada wal-fakkaataa qabu.

"Lammiileen Itoophiyaa akka itti buddeen nyaatan irratti tokko ta'uu dhiisuu malu, garuu hidhicha irratti tokkummaa qabu," jedha dhaabbata Afrikaa Kibbaatti argamuu Institute for Security Studies jedhamutti xinxaalaa kan ta'e Moosas Kirispas Okeelloo.

"[Hidha kana] akka konkiriitii dhagaa bishaan keessa dhaabbateetti osoo hin taane akka milkaa'ina isaanii guddaatti ilaalu, sababni isaa lammiilee Itoophiyaa keessaafi ala jirantu maallaqa buusun hidhicha ijaarsise waan ta'eef," jechuun erga ijaarsi hidhichaa bara 2011tti eegalee as laammiileen maallaqa akka gumaachaniif duulli guddaan godhamuu ibsa.

"Mootummaan boondiwwan kaampaaniwwaniifi hojjattoonni bitan qopheessaa ture. Kanaaf yaanni hidhichi kan lammiilee Itoophiyaa hundaati jedhu guddataa dhufe. Kanaaf hidhichi eebbifamuunsaa waan lammiileen Itoophiyaa ittiin boonaniidha," jedha Moosas.

Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha (GERD) jedhamee kan mogga'e hidhi ardii Afrikaatti isa guddaa ta'e kun fedhii anniisaafi ibsaa lammiilee Itoophiyaa miliyeena 135 ta'an kan guutu qofa osoo hin taane, biyyattiin "anniisaa maddisiisuu irratti olaantummaa akka qabaattu", tarsiimoo alaashee kan ol kaasufi sharafa alaa kan argamiisuuf akka ta'e ibsa xinxaalan kun.

Itoophiyaan elektirikii hidhi kun maddisiisu biyyoota ollaa kanneen akka Keeniyaa, Jibuutii fa'aatti gurguruuf karoora qabdi. Inumaayyuu Galaana Diimaa qaxxaamuruun biyyoota akka Saawudii fa'aattis gurguruuf hawwii qabaachuushee hin dhoksine.

Suura Hidha Guddichaa xumuramuusaa agarsiisu

Madda suuraa, Office of Ethiopia's Prime Minister

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi Guddichi Itoophiyaa naannoo daangaa Sudaanitti ijaarame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Masiriif garuu hidhi Itoophiyaan ijaarte hiika faallaa qaba. Hangi bishaanii garasheetti yaa'u xiqqaachuun hanqinni bishaanii na mudata kan jedhu yaaddoo qabdi.

"Masiriin [lafti] %93 gammoojjidha, namni kamuu kan irra hin jiraanne. Hundi keenyaa, namoonni miliyeena 107 taanu laga Naayil irra jiraanna," jedhu Yuunivarsiitii Kaayirootti ji'oolojistii kan ta'an Pirofeesar Abbaas Sharaakii turtii BBC waliin taasisaniin.

Qaroominni Masirii laga Naayil irratti kan hundaa'e ta'uu kaasun, "Naayil jireenya keenya" jedhu.

"[Hidhichi] bishaan irra jireessan gara Msiriitti yaa'u irraa meetirik kuubii biliyeena 64 qabata. Kuni nuuf hanqina bishaanii guddaa uuma. Gaheen keenya waggaatti giddu galeessan meetirik kuubii biliyeena 55.5. Kuni nuuf hanqina guddaa uuma. Laga Naayil malee madda bishaanii biraa hin qabnu," jedhu ji'olojistiin Masirii kun.

Dabaluunis, Hidhi Guddichi Abbayaa hangi qabachuu danda'u hidha Chaayinaa kan addunyaarratti elektirikii maddisiisun tokkoffaa ta'e dachaa lamaan akka ta'es falmu.

Marii Hidha Guddichaa irratti Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaataa kan turan Fekahmad Nagaash BBCtti akka himanitti, Masiriin dhiibbaa dippilomaasii gochuun alatti sodaachisa waraanaa garaa garaa taasisaa turtus, hidhi kun guddina Itoophiyaaf murteessaa waan ta'eef akkuma karoorfametti ijaaramaa turii himan.

Qote bultoota Masrii ruuzii dhaaban

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Masriin bishaan waan hir'ateef omishni ruuzii jalaa hir'achuu himatti

Biluu Naayil "bishaan idiladdunyaati" kan jedhan Prof. Abbaas Itoophiyaan marii malee "qophaadhumashee" hidha ijaaruu himu. Yeroon Itoophiyaan itti hidhicha eegalte yeroo Masriin warraaqsa uummataan raafamtee mootummaan waggoota dheeraa aangorra ture Hosnii Mubaarak aangorraa ka'etti ta'uu ibsuun, kuni immoo Itoophiyaan akka milkooftuf sababa ta'uu dubbatu.

"Masriin haala badaa keessa turte, osoo pirezidaantii hin qabaatin, waraanni keenya ammoo dhimma biyya keessatiin qabamee ture," jechuu Masriin amma maddeen bishaanii biroo kanneen akka bakka bishaan itti qulqulleessan addunyaarraa isa guddaa ta'eefi boolla bishaanii 5,000 ol qotuun qopheessuu himu.

Gama biraan ammoo Masriin tarkaanfii bishaan qusachuu biraa fudhachuutu himame- lafa ruuzii irra omishtu kan bishaan baay'ee fayyadamu heektraara miliyeena lamarraa gara miliyeena tokkootti gadi buustetti.

"Bishaan silaa Masriitti yaa'aa ture kuubik meetirii biliyeena 64 kan kuustu yoo ta'e, miidhaa hin geessisuu" jechuun gaafachuun isa Itoophiyaan hidhi isheen ijaartu Masrii irratti dhiibbaa homaatuu akka hin qabaanne ibsitu dhara jechuun ibsu.

Obbo Faqqaa Ahimad ammo Itoophiyaan "bishaan gadi dhiisufi nageenya hidhichaarratti mariidhaaf yeroo hunda qophiidha," jedhan.

Xiinxalaa Dhimmoota Baha Afrikaa kan ta'e Rashiid Abdii Hidhi Guddichi Itoophiyaa xumuramuunsaa waliigalteen bara kolonii Ingiliziitti xumura kan godhe ta'uu ibsa.

Yeroo Masiriifi Sudaan kolonii Ingil turanitti bara 1020oota keessa waliigalteen Masiriin bishaan Abbayyaa %80 akka to'attu hayyamuuf mallattaa'ee ture.

"Masiriin biyya Bo'oo Siwiiz to'attuufi iddoo tarsiimawaatti argamtu waan taateef Masiriin fayidaasheef jettee Masirii gammachiisuuf sana goote," jedha Rashiid Abdii.

"Garuu Itoophiyaan amma humnashee agarsiisaa jirto, Masiriin ammoo olaantummmaa dur Naayil irratti qabaachaa turte jalaa gadi bu'eera," jedha.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp bara 2019 dhimma hidha Abbayyaarratti bakka bu'oota Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan walitti qabuun mariisisee ture

Madda suuraa, White House via @realDonaldTrump

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp bara 2019 dhimma hidha Abbayyaarratti bakka bu'oota Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan walitti qabuun mariisisee ture

Ministiirri Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawwii bara 2011tti hidha Abbayyaa jalqabsiisuun isaa "fonqolcha siyaasaa" Masirii irratti akka waan gaggeessetti ibsa Moosas Kiriispas.

Pirojektiin Mallas jalqabsiise adeemsa keessa olaantummaa Masriin bishaan laga Naayil irratti qabdu dhabaa akka deemtu ishee taasise.

"Dhaabbileen faayinaansii idiladdunyaa kanneen akka Baankii Addunyaa fa'aa hidhicha maallaqaan akka hin liqeessineef Masriin dhiibbaa guddaa goote. Kun mataansaa mootummaan Itoophiyaa lammiilee biyyattiirraa maallaqa akka walitti sassaabuuf xiiqii keessa galche.

Kanaaf Itoophiyaan maddeen keessoo keessoo garaa garaa irraa mallaqa argate, akkasumas dhaabbilee akka IGAD fa'aarraa maallaqa maallaqa xiqqaa argateera, osoo bakkee biraatii maallaqa argateera ta'ee turee silaa amma kana dhaadheffamee hin haasa'amu ture," jechuun ibsa Moosas.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp ammoo US hidhicha akka mallaqaan deeggarteefi Masrii jalaa bishaan ni hir'isa jechuun dubbatee ture.

Itoophiyaan garuu haasaa Tiraamp fudhatama dhabsiisun hidhicha maallaqa lammiileen biyyattii buusaniin ijaaruu ibsite.

Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa Masiriifi Itoophiyaa gidduutti waliigalteen akka jiraatu gochuuf yaalee akka tureefi boodarra MM Abiy Ahmed US Masriif loogaa jirti jechuun maricha dhiisanii akka bahan hima Moosas.

"Tiraamp [gochaa MM Abiyitti] gammachuun itti hin dhagahmne. Badhaasa Noobeelii Nagaa ofii barbaada ture; garuu Abiy badhaasicha fudhachuu qofa osoo hin taabe, waliigaltee Tiraamp barbaadus hin mallatteessineef," jechuun haaka ture ibsa xinxaalan kun.

MM Abiy Ahmad bakka hidhi guddicha itti ijaarametti argamuun turtii miidiyaa biyyaalessaa waliin taasisan

Madda suuraa, Office of Ethiopia's Prime Minister

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy bakka Hidha Haaromsaa Guddichaa taa'uun af-gaaffii yeroo kennan

Itoophiyaan hidha ijaarte osoo hin eebbisiisin dura Kibxata, Fulbaana 2, 2025, Ministiirri Dhimma Alaa Masirii nageenyi bishaan Naayil tuqamuun "sarara diimadha" jechuun ijannoo mootummaa Masrii barame ibsanii ture.

Hidhi Itoophiyaan ijaarte Masrii irratti yaaddoo "jiraachufi jiraachuu dhabuu" uumera jechuunis dubbatan.

Haa ta'u garuu Prof. Abbaas Masriin sababa hidhichaa Itoophiyaa waliin waraanatti seenuu malti sodaa jedhu hin fudhatan.

"Isaan nuuf obbolaadha. Bishaanuma tokkorraa dhugna. Naayil isaan biraa dhufa," jechuun Masriin karaa mariifi marabbaan wal-dhabdee dhalate akka furtu ibsu.

Itoophiyaa bakka bu'uun marii Hidha Haaromsaa Guddicharratti hirmaataa kan turan Obbo Fekahmed ammoo Masriin tarii hidhicha kan haleeltu yoo ta'e bishaan achii dhangala'u Masriifi Sudaanif balaa hamaa akka ta'e dubbatu.

Ji'olojistii Masrii kan ta'an Prof. Abbaas, Itoophiyaan hidhicha akka meeshaa waraanatti fayyadamuun biyya michuu Masrii taate Sudaan irratti dhiibbaa "humna waraanaa" gochuu malti jechuun yaaddoo qaban ibsu.

"Itoophiyaafi Sudaan tarii muddama ykn waraana keessa yoo galan, Itoophiyaan meeshaa waraanaa tokkollee osoo hin fayyadamin [bishaan] hidhichaa fayyadamuun Sudaan balleessuu dandeessi," jedhu.

Gama biroon ammoo bishaan hidhichaa kirkirri lafaa akka uumamu gochuuf carraa qaba jechuun falmu.

"Bichaan kiyubik meetirii biliyeena 64 kan kuustu yoo ta'e, kana jechuun ulfaatina toonii biliyeena 64 naannoo dhagaan volkaanoo itti heddummatutti uumamuun caccabni lafaa, Sulula Baha Afrikaa akka addunyaatti gudda ta'e kan volkaanoon socho'aan keessu jiru keessatti uumama," jedhu.

Itoophiyaan yaaddoon Masriin kirkirri lafaa akka uumama godha jettee qabaattu qorannoon kan hin deeggaramneefi fudhatama hin qabne ta'uu kana dura isbitee turte.

Maappii Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa

Itoophiyaan kana booda Masriif gurra waan qabdu hin fakkaattu, hidha eebbisiisufi galma ittaanurratti xiyyeeffachuudha- ulaa Galaana Diimaa bara 1991 yeroo Ertiraan biyya taatu deebistee argachuu.

MM Abiy torbee daren, Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa 'dogoggora uumame kan gara fuulduraatti sirratuudha" jechuun dubbatanii ture.

"Dhimmi buufata galaanaa kana booda waan itti qaanoftu miti, ilaalchi addunyaa ifaadha - biyyi guddoo taatee ulaa galaanaa hin qabne hin jiru, kuni karaa waliigalteetin kan itti deemamuudha," jedhan Abiy.

Moosas akka jedhutti Itoophiyaan dhiibbaa garaa garaa irra aantee hidha ijaaruu dandeessetti, amma immoo ulaa Galaana Diimaa argachuuf abbalaa jirti.

"Amma [Itoophiyaan] Galaana Diimatti bahuun Humna Galaanaa ijaaruu barbaaddi. Akkamitti akka kan milkeessitu garuu ifa miti; Itoophiyaan ani biyya guddoo waanan ta'eef biyyi guddoon ulaa galaanaa hin qabne hin jiru jetti," jechuun ibsa Moosas Kirispas Okeelloo.