Hawaasaa: Magaalaa aadaa foon dheedhii Qurxummii nyaachuun itti babal'atee fi gorsa ogeeyyii

Hawaasaatti akkuma gabaa foon dheedhii qotiyyoo kan qurxummiillee akkaan ho'aa jira. Ogeeyyiin sirna sorataa eeggannoo gochuun barbaachisa jedhu.
Masfinii fi Haayilayyasuus yeroo hedduu ganamaan osoo aduun hin jabaatiin haroo Hawaasaatti bahanii qurxummii nyaachu jaalatu.
Waaddii qurxummii, dulatii ykn shoorbaa isaas miti wanti isaan nyaachuu baran.
Masfinii fi Haayileen jaalala foon dheedhii qurxummii qabu.
Keessumaa Masfin foon dheedhii qotiyyoorra kan qurxummii caalchifata. Haayileenis kiyyoo jaalala foon dheedhii qurxummii keessa akka galu kan godhe isa.
Ganamaan ammoo kiiyyessaan qurxummii tokko qurxummiilee xixiqqaa keessaa warra dheedhiin nyaataman filatee manneen daldalaa gara haroo kanaatti fuula gargalfatanii jiran keessatti qixeessa.
Hiriyyoonni lamaan fuula duratti osoo haroo kana ilaalanii foon dheedhii qurxummii isaan barbaacha dhufan qixaayee, mixmixaa fi qiixxaa boqqolloo gogeen dabaalamee dhufeef.
Nama Hawaasaa jiraatuuf foon dheedhii qurxummii nyaachuun hawwii miti. Keessumaa qurxummii ho'aan kiiyyeffamee argamnaan kan barbaadu hedduudha.
Dargaggoonni kana hubatan fiixee muka qal'aa dheeraatti waan qurxummii kiiyyessu godhanii ganamaan qurxummii kiiyyessuutti yaa'u.
Masfin ''foon dheedhii qurxummii ergan nyaachuu eegalee waggaa tokkoo ol ta'eera'' jedha.
''Ni mi'aawa. Hangan siin jedhuun ol. Ani foon dheedhii kana horii maal fakkaatun si affeera naan jechuu keerra foon dheedhii qurxummii osoo naan jetteen akka malee gammada. Dhamdhamni isaa adda.''
Qurxummiileen dheedhiin nyaatamuuf filataman warra xixiqqoodha.
Warri qurxummii kiiyyessan qurxummiilee muka tokkkotti hidhanii qarshii 100-200 argeera jedhan Ripportarri BBC Kaaleeb Mogas. Gatiin isaa kun bitaafii gurgurtaarratti hundaa'a.
Masfiniin jalqaba yeroo foon dheedhii qurxummii nyaattu maaltu sitti dhagaahame jedhee Masfiniin gaafannaan, ''Ani duraanuu foon dheedhii waaniin jaaladhuuf hedduu natti hin ulfaanne. Keessumaa kan qurxummii lallaafaa waan ta'eef dhamdhamni isaa adda'' jedhe.
''Guyyaa jalqabaa xiqqo natti ulfaatee ture. Achii booda natti mi'aa dhufe. Ammawoo araadni isaayyuu na qabeera. Atiyyuu osoo yaaltee natti tola(gurshachuuf qopheessaa)."
Haayileen foon dheedhi qurxummii nyaachuu erga eegalee bubbulus akka Masfin garuu miti.
Barataa Yunivarsiitii Hawaasaa kan ta'e Haayileen, erga foon dheedhii qurxummii baree, ganama ganama yoo yeroo argatu fiigee gara qarqara haroo deemu eegaluu dubbata.
''Namni kaan foon qurxummii waaddiifi dheedhii osoo dhiyeessiteefii dursee isa waaddiitti harka hiixata. Ani garuu isa dheedhiin filadha''.

Haayileen foon inni dheedhiin fayyaafis gaariidha waan ta'eefi caalchiseen jaaladha jedha.
''Biqiltootarraa vaayitaaminii argannu caala kan qurxummii olaanaadha jedheen yaada.''
Foon qurximmii dheedhiitti nyaachuun qaamaaf fayidaa qabaa?
Gaaffii kanaaf deebii akka kennan bilbilaan kan dubbiseen oggeettiin sirna nyaataa dhaabbata 'Nutrition for Education' aadde Naardoos Wandaafiraash foon qurxummii dhugumatti fayidaawwan hedduu qabaa jedhan.
''Aadaa keenya keessatti foon dheedhi nyaachuun baratamaadha. Ta'uyyuu garuu dheedhii nyaachuun dhibee nyaataan daddarbaniif nama saaxiluu akka dand'an akeekkachiisuu feena'' jedhan.
Itti dabaluunis foon qotiyyoo dheedhiin nyaachuurra qurxummiiwwan akka Selaaminifi Tuunaa dheedhiirraa qabiiyyeewwan fayidaa qabeeyyii akka Omeegaa 3 caalatti argachuun danda'amaa jehan.
Akka Naardoos jedhanitti foon qurxummiis hanga danda'ame bilcheessanii nyaachuu wayyaa.
Namoota qurxummii dheedhii isaa nyaachuu filataniif garuu dhaamsi qaban yoo xiqqaate bishaan keessaa akkuma baheen soorachuurra firiijii keessa osoo xiqqoo tursanii wayyaa jedhu.
''Qurxummichi bishaan keessaa akkuma baheen firiijii keessa osoo taa'ee baakteeriyaan keessa jiran du'uu danda'u. Ammas wanti ofeeggachuu qabnu qurxummii firiijii keessa guyyaa lama caala tursuu akka hin qabneedha.''
Foon dheedhii kan qurxummii fayidaa akkuma qabu miidhaas qabaachuu waan maluuf, haadholiin ulfi, daa'imman fi jaarroliin soorachuu akka hin qabne gorsu ogeettiin kun.
Masfiniif Haayileen garuu rakkoo fayyaa fiduu mala isa jedhamuuf hedduu gurra hin kennan.
''Namoonni Baakiteeriyaa qaba jedhanii sodaatu. Haata'u malee wanti Baakteeriyaa hin qabne jiraayii jedhee gaafata'' Haayileen.















