Awustiraaliyaatti gosti qurxummii 'whales' karaa dogoggoruun laga naachaa lixan

Madda suuraa, NT GOVERNMENT
Awustiraaliyaatti gosti qurxummii garmalee guddaa tahe 'humpback whale' jedhamu, karaarraa maqee bishaan naachonni itti heddummaatan lixe jennaan, angawootni qarqaarsa goochaafii jiru.
Qurxummiin kun laga kutaa biyyaa Northeen territory keessatti argamutti kiloomeetira 30 daandirraa gore jedhan.
'Whale' fi lubbu-qabeeyyiin bishaan keessaa kaan, godaansa waggaa waggaan taasisan kana irratti, muraasni isaanii ''karaarraa maqan,'' jedhu ogeeyyiin.
'Weelonni' lama laga keessaa daakuun kara galaanaatti kan bahan yoo tahu, gosti qurxummii kanaa tokko ammallee achi keessa hafeera.
Taateen weelonni bishaan naachi akkaan itti baayyatutti argamuun isaanii inni kun Awustiraaliyaatti kan jalqabaati.
Guddina weelichaarraa kan kahe (meetira 16 dheerata), naachonni qurxummii kana jeequ yookaan miidhaa irraan gahu jedhamee hin eegamu.
Haatahu malee, tarii yoo qurxummiin kun bishaan gadifageenya hinqabne keessatti yoo rakkate, isa sodaachisuu mala.
Namoonni naannichaa dhiyeenya laga kanaa jiraatanis, weelota kanneen bishaan keessatti arguun guddoo ajaa'ibsifataniiru.
Akkamiin qurxummiiwwan kun achi gahan?

Madda suuraa, NT GOVERNMENT
Saayintisiin sirnakkoo Carole Palmer jedhamtu akka jettutti, qurxummiiwwaan kunniin karaarraa maquun maaliif lagicha akka seenan ogeeyyiinillee bitaa itti galeera.
Garuu akka tilmaamanitti qurxummiiwwan kunniin gara kibba Antaarkitikaatti godaanaa turan, garuu dogongoraan yaa'a lagaatti goruun otoo hin beekiin iddoo fagootti isaa geesse.
Weelonni wagga waggaan ho'a barbaacha bishaan qarqara Awustiraaliyaa jirutti godaananii ilmoolee dhalu. Achis nyaata barbaacha ammoo gara Antaarkitikaatti deebi'anii godaanu.
Anga'oonni akkamiin qarqaaraa jiru?
Daandii gara galaanaatti jiru qajeelchuuf yookaan banaa gochuuf, lagicharra bidiruun akka hin imalle dhorkameera.
Abdiin jiru qurxummiin guddaan kun ofumaa daakuun akka achi keessaa bahudha. Haatahu malee qurxummichi galaanarraa kiloomeetira 20 fagaachuun, naannoo bishaan gadifageenya qabutti argama.

Madda suuraa, NT GOVERNMENT
Angawoonni qurxummii kana achi keessaa baasuuf, maloota garagaraa yaalaa jiru - kanneen akka sagalee guddaa dhageessisuun akkasumas sagalee gosota qurxummii kanaa amma dura waraabamee jiru taphachiisuun yaalii gochaa jiru.
''Hojii rakkisaa tahedha, haatahu malee namuu haala danda'uun kana milkeessuuf carraaqaa jira jette,'' Carole Palmer.

















