Dubbii jaalalaafi jaalallee irratti lakkoofsi namoota AI gorsa gaafatan maaliif dabale?

Dubartii xiyyeeffannoon bibilashee ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Reechel jaalalleeshee qabdoo waliin taa'aa(date) turte garee hiriyootaa kaan wajjin arguun dura dubbii waliin qaban qulleessuu barbaadde.

''Ani ChatGPT hojii barbaaduufan fayyadama garuu namni biraa gorsa jaalalaa yeroo gaafatu dhagahe,'' jetti Reechel - maqaanishee akka geddaramu kan gaafatte yoo tahu magaalaa Shafiild keessa jiraatti.

''Akka malee dhiphadhee waanin tureef deeggarsa barbaadeen ture, hiriyyoota koo ammoo keessa galchuu hin feene.''

Bilbilaan jaalalleesheetti haasa'uun dura ChatGPTdhaan gargaarsaaf gaafatte. ''Dhimma kanarratti akkamiin haasa'a, otoo nama ani sirrii dha ofiin jedhu osoo hin fakkaatiin,''

Maal jedhee deebisee?

''ChatGPT'n yeroo hunda kan godhu waan si jajjabeessuufi ati akka nama bilchaataa taatetti sitti hima. Ani sirrii, jaalalleen koo ammoo sirrii akka hin taaneti natti hima.''

Dimshaashatti waan faayidaa qabu dha kan natti hime garuu jechooti fayyadamu kan warra gorsa ogeessaa namaa kennaniiti jireenya kee keessatti ''namaaf daangaa kaa'uu qabda, siin jedha,'' jetti.

''Waanin baradhe guddaan yoo jiraate waan hunda kan murteessu ana akka tahe dha garuu waan ChatGPT'n natti hime hunda kallattiin hin fudhanne jetti.

Gorsa jaalallee ChatGPT gaafachuu irratti Reechel qofashee miti.

Akka qorannoon qabdoo onlaayinii Match jedhamu ibsutti walakkaan dhaloota Generation Z jedhamanii ChatGPT'dhaan gorsa jaalalaa gaafatu, kunis dhaloota kaan akkaan caala.

Yeroo jaalallee isaaniirraa adda bahan, haasaa dhama qabu jaalallee wajjin taasisuufi rakkoo hariiroo jaalalaa furuuf namoonni AI gaafachaa jiru.

Dr Suglaanii rifeensa booraa jaakkeetti diimadii uffattee jirtu

Madda suuraa, Anastaaziyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Laalitaa Suglaaniin ogeettii xiinsammuufi hariiroo jaalalaa yoo taatu AI namoota miiraan muddamniifi waan itti dhagahamu sirnaan himachuu hin dandeenyeef meeshaa gaarii dha jetti.

Ergaa gabaabaa ni qixeessaafi, yaada kennaafi ergaa burjaajessaa qulleessaaf kanaaf dafanii deebii kennuurra akka of qusatan isaan taasisa.

''Karaa baayyeen akka iddoo yaadannoo itti qabataniifi of itti ilaalalni dha, kunis akka meeshaa deeggarsaatti yoo faayidaarra oole gaarii dha, garuu hariiroo namaa wajjin qabnu bakka bu'uu hin qabu,'' jette.

Haa tahu malee dhimmoota yaadessoo danuu kaastee jirti.

''Moodeelonni afaanii (LLMs, or Large Language Models) jedhaman akka namaan waliigalaniifi waan ati jettu deebisanii akka dubbataniif leenjifamu. Kunimmoo hariiroo karaa sirrii irra deemaa hin jirre fa'i jajjabeessuu danda'a,'' jetti.

Fakkeenyaaf ergaa gabaabaa namaa wajjin yeroo adda baatu barreessitu AI gaafachuun namaa wajjin dubbachuu baqachuuf waan raawwattu dha.

Haala kanaan namoonni miira itti dhagahamu waliin taa'uun qalbiifachuu akka dhiisan godha.

Dabalataan AI guddina ofiis daangessuu danda'a.

''Namoonni baayyee maal akka jedhan yeroo dhabaniifi miirri isaanii akka saaxilame yeroo yaadan AI kanatti deebi'u. Kunis miira ofii kaanitti dabarsuu, afaan miira isaanii deeggaru argachuufi of arguu waan barbaadaniif,'' jechuun Dr Suglaaniin dubbatti.

Gama biraan ammoo ergaan AI'n barreefame akkaan kan gulaalame waan tahuuf nama fudhatuuf kan garaarraa barreefame fakkaachuu dhiisuu mala.

Es Leen kootii gurraacha uffatee shamuzii sarara siddisaafi adii qabu uffateera.

Madda suuraa, Es Lee

Danqaan kuni hunduu otoo jiruu gabaan gorsa hariiroo jaalalaa akkaan dabalee jira.

Mei tajaajila tolaa AI'n deeggarame hojjetu dha. Gaaffii hariiroo jaalalaa haala haasaatiin akka deebisuuf dha tolfameera.

''Yaadnisaa namni hundi dhimmasaa nama biraatti himachuu waan hin dandeenyeefi namni maal naan jedhaa gatii sodaatuuf hatattamaan akka gargaarsa argatuufi qophaa'e,'' jedha Niiw Yoork keessa kan jiraatu Es Leen

Dhimmi AI bira baay'inaan dhufu dhimma saal-quunnamtii nama kaan wajjin haasa'uun sodaachisu ykn qaanessu dha jedha Leen.

''Namoonni AI kan fayyadam tajaajilli kaan bira jiru waan hanquu taheefi,'' jedha.

Kaan irra deddeebiin kan gaafatamu ammoo akkatti ergaa gabaabaa sirreessaniifi rakkoo hariiroo jaalalaa akkatti furan fa'i dha. ''AI irraa dhimmoota kunneen dhugeeffachuu barbaadu, kunimmoo rakkoo dha,'' jedha.

Yeroo gorsi hariiroo jaalalaa kannamutti dhimmi namaa eeggachuu ni ka'a. Ogeessi gorsaa nama yeroo tahu maamilli of akka hin miine jechuun ni eeggataafi.

Applikeeshiniin hariiroo jaalalaa akkasiiin namaa ooguufi tiksuu danda'a?

Dhimma eegumsaa irratti yaaddoo ka'uuf beekamtii kennus Liin ''AI'n gorsa kana miira namaa akka hubatutti hojjetame, teeknolojiin kaan kana gochuu hin danda'u,'' jedha.

''Sirna AI kana akka hojjetu gochuudhaaf ogeeyyiifi dhaabota kaan waliin hojjechuuf qophii dha,'' jedhe.

Kalaqaan ChatGPT moodeeliin dhiyeenya bahe namoonni akka malee miiraan akka irratti hin hirkanneef of fooyyessee jira jedhe.

''Namoonni yeroo miira jabaa keessa jiran ChatGPT gaafatu nuti deebii ogeessotaan deeggarame akka kennu mirkaneessuutti jirra. Kunis namoota gara ogeeyyiitti qajeelchuufi akkaataa appiin keenya gaaffii miiraan guutameef deebii kennu sirreessuu fa'i dabalata,'' jedhe.

Inni biraan ammoo dhimma dhuunfaa kan ilaallatu dha. Applikeeshiniiwwan akkasii odeeffannoo akkaan dhimma dhuunfaa waan tahaniif saamtonii onlaayinii(hackers) yoo argatanii baasan bu'aansaa akkaan badaa tahuu danda'a.

Akka Liin jedhutti ''yeroo odeeffannoo funaannu kan dhimma dhuunfaa eeguufi tajaajila gaarii akka kenninu nu gargaaru fayyadamna,'' jedha.

Akka imaammataatti fakkeenyaaf Mei'n odeeffannoo eenyummaa nama sanaa adda baasu kan akka imeelii faa hin gaafatu.

Haasaan taasifames quqlullinaaf jecha guyyoota soddomaaf erga kuufameen booda haqama. ''Daataabeezii kam irrattiyyuu dhaabbataan kuufamanii hin jiran,'' jedha.

Namoonni gariin AI teeraappistii namaa wajjin gochuun itti fayyadamu.

Kooriin(maqaan kan geeddarame) yeroo hariiroo jaalalleeshee wajjin qabdu dhaabuu barbaaddu ChatGPT dhaan gorsa gaafatte.

Koorniin magaalaa Landan kan jiraattu yoo tahu hiryyaan wajjin jiraattu waa'ee AI fayyadamuu waan gaarii itti himuun booda isheenis yaaluu barbaadde.

Akkuma ogeessota gorsa hariiroo jaalalaatti gaaffii isheef deebii akka kennu himti.

Yeroo jaalala jalqabdus akkasuma gaafattee akkuma ogeettii jaalalaaa kanaan dura ishee gorsaa turtetti deebii isheef kennuu himti.

''Amajji keessa nama tokko wal bareen qaamaan garuu na hawwachuu hin dandeenye. Haasaadhaan garuu waan waliigalleera, kanaaf deebi'ee isa arguun na baasaa jechuun kallattiin akka deebii naa kennuuf gaafadhe,'' jetti.

Koorniin yeroo ogeettii xiinsammuu waliin haasoftu waa'ee rakkoo ijoollummaa haasofti malee waa'ee hariiroo jaalalaa ammaa hin haasoftu.

Gorsa AI fageenyaan akka ilaaltu himti.

''Yeroon dhiphadhuufi, hriyyaa kootti yeroon haasa'uu hin dandeenyetti, na tasgabbeessa,'' jetti.