Shororkeessitoonni hubannoo nam-tolcheetti akka hin fayyadamnen sodaadha- Hogganaa duraanii 'Google'

Madda suuraa, Reuters
Hojii gaggeessaan olaanaa duraanii Google kun, hubannoo namtolchee (AI) shororkeessitoonni ykn "mootummoonni abbaa hirree" fayyadamuun ''namoota nagaa miidhuu'' danda'u jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Eriik Shmiidit BBC'tti akka himetti: "Sodaan dhugaa ani qabu isa kan namoonni baay'een waa'ee AI dubbatan miti. Waa'ee balaa garmaleetiin dubbadha."
Bara 2001 hanga 2017tti Google keessatti gulantaa olaanaa kan qaban biliyeenarri teeknooloojii kun, sagantaa Today jedhamu irratti: "Kooriyaa Kaabaa, ykn Iraan, ykn Raashiyaan illee" teeknooloojii kana fudhachuu fi haala malee itti fayyadamuudhaan meeshaa waraanaa baayoloojii uumuu akka danda'u himan.
Dhaabbilee teeknooloojii dhuunfaa moodeelota AI hojjechaa jiran irratti mootummaan to'annoo akka godhu gaafataniiru, haata'u malee garmalee dambii baasuun kalaqa ukkaamsuu akka danda'u akeekkan.
Aab Shimidit to'annoo al-ergii Ameerikaa maaykiroochiipsii humna guddaa qabaniifi kanneen sirna AI sadarkaa olaanaa ta'eef humna kennan irratti waliigalaniiru.
Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayiden osoo aangoo isaanii gadi hin dhiisiin dura, adeemsa mormitoonni qorannoo AI irratti qaban akka suuta jedhu gochuuf jecha, biyyoota 18 malee maaykiroochiipsii biyyoota hundaatti akka hin ergamne daangeesse ture.
Murteen kun ammallee Doonaald Tiraampiin duubatti deebi'uu danda'a.
''Waa'ee Kooriyaa Kaabaa, ykn Iraan, ykn Raashiyaa illee, biyyoota galma hamaa qaban kannen yaadi,'' jedhan Mr aanga'aan kun.
''Teeknooloojiin kun saffisaan akka fudhatan, akka isaan dogoggoraan itti fayyadamuu fi miidhaa dhugaa geessisuu danda'u,'' jechuun qopheessaa Today Amol Rajan'tti himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluudhaanis sirni AI, harka dogoggoraa keessa jiru, meeshaa waraanaa hojjechuun ''haleellaa baayoloojii hamaa nama hamaa tokko tokko irraa dhufu'' uumuuf oolu danda'a jedheera.
''Teeknooloojiin kun saffisaan akka fudhatan, akka haala hin malleen itti fayyadamuu fi miidhaa dhugaa geessisuu danda'u,'' jechuun qopheessichatti himeera.
Itti dabaluudhaanis, sirni AI, harka dogoggoraa keessa jiru, meeshaa waraanaa hojjechuun ''haleellaa baayoloojii hamaa nama hamaa tokko tokko irraa dhufu'' uumuuf oolu danda'a jedhan.
"Ani yeroo hunda haala 'Osaamaa Bin Laaden', nama dhugaatti hamaa tahe tokko kan jireenya keenya ammayyaa gama tokko tokko fudhatee namoota qulqulluu miidhuuf itti fayyadamu mudachuu danda'a kan jedhu na yaaddessa," jedhan.
Biin Laaden haleellaa 9/11 bara 2001 kan qopheesse yoo ta'u, shororkeessitoonni al-Qaayidaa xiyyaarota to'achuun namoota kumaatamaan lakkaa'aman dachee Ameerikaa irratti ajjeesan.
Akka dureessa kanaatti, to'annoo mootummaan gabbisa AI fi damicha garmalee dambii baasuu gidduutti madaalliin akka jiraatu yaada dhiyeessan.
''Dhugaan jiru AI fi egeree baay'inaan dhaabbilee dhuunfaatiin ijaaramuuf deema,'' jedhan Aab Ischimdt.
"Mootummoonni dhugaatti waan hojjennu hubatanii ija isaanii nu irratti kaa'uun barbaachisaadha."
Itti dabaluudhaanis, "Gama tokkoon wantoota kana to'annoo malee hojjechuu dandeenya jennee falmaa hin jirru, qajeelfama qabaachuu qaba jennee yaadna."
Namni kunis dubbii kana kan dubbatan Paaris irraa yoo ta'u, bakka walgahiin 'AI Action Summit' US fi UK waliigalticha mallatteessuu diduun itti xumurametti.
Itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa JD Vaans dambii baasuun, ''akkuma balali'aa jirutti jijjiirama indaastirii ni ajjeesa'' jedhan.
Aab Iskmidti bu'aan dambiiwwan baayyee Awurooppaa keessaa "warraaqsi AI, kan akka yaada kiyyaatti erga elektirikiin booda warraaqsa barbaachisaa ta'e, Awurooppaatti hin kalaqamu ta'a" jedhan.
Akkasumas dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon dandeettii AI qabu ''waggaa 15 dura hin hubanne'' jedheera, amma garuu hubateera.
"Muuxannoon ani hoggantoota teeknooloojii waliin qabu dhiibbaa isaan geessisan irratti hubannoo qabaachuu isaaniiti, garuu murtii gatiiwwan kan mootummaan kennutiin adda ta'e kennuu danda'u," jedhan.












