Aappiin DeepSeek addunyaan waa'ee isaa haasa'aa jiru maalidha?

Madda suuraa, Getty Images
Aappiin hubannoo nam-tolchee DeepSeek tibba kana Itoophiyaa akkasumas addunyaa irratti damee teknolojitiin namoota battalatti hordofan biratti ijoo oduu ta'eera.
Aappiin hubannoo nam-tolchee Chaayinaadhaan hojjatame kun afaanoota akka Oromoo, Amaaraa, Tigriffaan appiiwwan wal fakkaataan kaan caalaa haala fooyya'een tajaajila akka kennu fayyadamtoonni yaada saanii miidiyaa hawaasaa irratti yoo kennan mul'ata.
DeepSeek appiiwwan nam-tolchee kaan haala dorgomuun yeroo gabaabaatti beekkamti argate. Gahee gabaa Awurooppaa kan akka Niviidiiyaa, Maayikroosoofti fi Meettaa kaan hir'achuun gabaafameera.
Aappiiwwan nam-tochee hojjachuudhaan Ameerikaa kan dursu hin jiru jedhamulleen, Appiin Chaayinaa garuu yeroo gabaabaa keessaa beekamtii argateera.
Kan hojjatames moodeelii Opan Soorsii DeepSeek-V3 yoo ta'u, qorattoonni akka jedhaniitti, hojjachuudhaaf baasii doolaara miiliyoona jahaa gadiitu irratti baasii ta'e.
Kunis dhaabbileen dorgomtootaa kaan appii walfakkaatu hojjachuudhaaf maallaqa baasanii baayyee gadiidha jedhameera.
Chaayinaatti appiiwwan nam-tolchee kan oomishuu teknolojii Chiip irratti Ameerikaan dhorkaa kaa'uudhaaf wayita jirtu kanatti kan appiin kun beeksiifame.
Chiippiin osoo Chaayinaa hin galleef hojiisaa xumuruudhaaf oggeessoonni teknolojii nam-tolchee Chaayinaa odeeffannoo qooduudhaan tekinolojii kana uumuu danda'aniiru.
Ofii DeepSeek maaliidha?
Appiin nam-tolcheen haala dandeettii kompitarii Kanaan dura barbaachisuun gadiitiin hojjatame kun akka tolfamuuf sababa ta'eera.
Baasii Kanaan dura appii akkasii hojjachuuf ni baasiisa jedhameen gadi irratti baafamuunsaa saffiisa hojjicha appii kanaa akka dabalu taasiseera.
Diipiski-R1 baatii darbe erga gadhiifameen booda, dhaabbatichi dhaabbiileen Chaatjiipiitiin uuman keessaa tokko kan ta'e Opansoorsii moodeeliiwwan ammayyaa ''dandeettii fooyya'aan'' tajaajilaaf akka dhiyaatu ibseera.
Hereegniwwan, moodeeloota Opensoori kunneenis koodiingii fi yaaddni biroo hojjachuuf faayidaarra kan oolfamaniidha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gorsaa Doonaald Tiraampii fi abbaan qabeenyaa Siilkan Vaalii, Maark Andarsan, DeepSeek-R1 ''hubannoo nam-tolcheedhaan akka taatee akka Siiputiniik'' jiraniidha jechuudhaan taatee karra dorgomii haaraa saaqeedha jedheera.
Siputiniin bara 1957tti saatalaatitii Gamtaan Sooviyeet g=furgugsiiteedha. Ameerikaan biyyoota dorgoman kaan teknolojii saatalaayitiin nan caalama jettee kan ittiin yaadduu ture. Appii haaraan kunis akkumatasaatti gabaa waliin gahe.
Neezarlaandiitti chiippii kan oomishuu gaheen gabaa AAML parsantaa 10n gadi kan bu'e yoo ta'u, haardiweeriin appii nam-tolchee kan hojjatu gaheen gabaa Siiman Inarjii ammo parsantii 21n gadi bu'eera.
Xinxaltuu mummee gabaa Siitii Indeeksi kan taate, Fiiyoonaa Siinkootaa, ''oomishin Chaayinaan oomishitu rakasni akkuma tasaatti gabaa raasera. Kanaafu dorgomtoota gabaa ni dhiphisa. Keessattuu amma kanneen maallaqa baayyee baasan caalaa yaaddeessa'' jetti.
Gorsaan gahee gabaa Singaapoor, Veey-Saran BBCtti akka himaniitti, waliigalatti appiin kun kan dame invastimantii nam-tolche miidhuudha.
Dhaabbanni Waal Istririit mummee, siitiin gama saanitiin, Diipisiik akka dhaabbilee Ameerikaa kan akka OpenAI kan miidhu ta'ulleen, Dhaabbilee Chaayinaa guddinsaaanii dhaabuu danda'a.
Baatii darbe gamtaan dhaabbilee teeknolojii Ameerikaa 'The Strategi Project' jechuudhaan Teeksaasiitti bu'uura misooma teknolojii diriirsuudhaaf doolaara biiliyoona 500 baasii
DeepSeek eenyutuu duuba jira?
Dhaabbatichi kan hundeeffame bara 2023tti bulchiinsa Chaayinaa Hangshuu keessatti Liing Weenfeef oggeessa jedhamuuniidha.
Oggeessi umuriinsaa wagga 40 kunis dhaabbata DeepSeek deeggaru kan qabu yoo ta'u, kan eebbiifame ammo Information and Electronic engineering dhaan.
Amma Chaayinaa keessatti akka hin ergamneef dhorkaan kan irra kaa'ame, dhaabbata Chiippiiwwann Niiviidaa A11 kan olkaa'udha. Chiippiiwwan gara kuma 50 kuusuudhaan DeepSeekn akka hojjate amanama.
Chiippiiwwan kunneenis kanneen rakasa ta'aniifi gara Chaayinaa galan waliin walitti makamuu Appii hojjatameedha.
DeepSeek kan hojjate Liing Weenfeeg dhiheenya kana oggeessoota Ministiroota Chaayinaa fi dame Indastiruu waliin argamunsaa deeggarsa mootummaafi kan dame biraa akka qabu yaadama.
Bara 2024tti af-gaaffii Akaadaamii Chaayinaa waliin taasifameen, oggeessi kunis akka jedheetti appiin nam-tolchee rakasaa hojjachuun dinqii ta'u ''kan eegame miti.''
''Saffiisa keenyaa fi maallaqa hojiichaaf baafne hordofneeti kan gatii baatu tilmaamne'' jechuun, achii dhuftee appii haaraa amma ijoo dubbii addunyaa ta'e kana dubbate.












