'Mootummaan biyya keessa nagaa buusuuf kutannoo qaba' - Itoophiyaa kora UN gubbaa

Madda suuraa, Getty Images
Walitti bu’iinsa dhalatan nagaan furuuf kutannoo akka qabuufi kanas milkeessuuf dalagaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa ibse.
Ministirri Muummee I/Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa guyyaa Sambataa Kora Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti (UNGA) dubbii taasisaniin kana jedhan.
Obbo Dammaqaan waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF gidduu raawwate keessaa kan raawwatan jiraniis kanneen hafaniis jiru jechuun ariitiin akka raawwatu waamicha dhiheessan.
Dubbiin Obbo Dammaqaa Mokonniin dubbatan kuni yeroo qorattoonni UN dhimma Itoophiyaa qoratan ‘’eeguma waliigaltee nagaa yakki itti fufe’’ jedhanii gabaasa baasanitti dhagahame.
Erga waliigaltee nagaatii Tigraayitti nagaan bu'us Naannoo Amaaraa keessa humnooti mootummaa milishoota Amaaraa [Faannoo] waliin walitti bu'aa jiru.
Naannoo Oromiyaa keessas hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu waliin walitti bu'iinsi itti fufeera.
Aangawaan Itoophiyaa bulchiinsi isaanii walitti bu'iinsa jiran karaa nagaan furuuf kutannoo akka qabuu ibsan.
''Biyya keessa guututtii nagaafi tasgabbii itichuuf mootummaan murannoo qaba.’’
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa kora UN irratti gaaffii Afrikaan Mana Maree Nageenyaa UN keessa akka seentu biyyooti gaafataa turan irra deebin gaafataniiru.
‘’Mana Maree Nageenyaa UN irratti rifoormii gaggeessuun filmaata osoo hintaane, waan ijoo’’ raawwatuu qabudha jedhan.
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi kaanis Mana Maree Nageenyaa UN qeeqaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saalah Mohaammadis, biyyi isaanii kana dura qoqqobbiin irra ka’amu akka fakkeenyaatti eerun Mana Maree Nageenyaa UN qeeqan.
Biyyoonni manni maree kuni fedhii biyyoota muraasaan sosso’a, fedhii biyyoota kaanii hin eegu jechuun waggootaaf irra-deddeebiin komii dhiheessaa turan.
Dureewwan Gaanfa Afrikaa miidhaa jijjiirami qilleensaa geessisaa jiru qolachuuf tumsi akka cimuus waamicha dabarsaniiru.
Hooggantoonni Itoophiyaa, Somaaliyaa, Jibuutiifi Ertiraa Ardiin Afrikaa jijjiirama qilleensaan hubamuu ibsan. Kanas qolachuuf tumsii waloo akka taasifamu kaasan.
Obbo Dammaqaan ‘’dorgommii idil-addunyaarraa tumsa idil-addunyaa filannee jirraa?’’ jechuun dureewwan addunyaa gaafatani.
Haqi jiru imaammata muddama cimsuufi nagaafi tasgabbii addunyaa yaaddessu filanne jechuun dureewwaan addunyaa wal tumsuutti akka deebi'an yaada dhiheessan.

Madda suuraa, AFP
Korri Jijjiirama Qilleensaa yeroo jalqabaaf jedhame baatii Hagayyaa keessaa Keeniyaa keessatti taasifameerratti biyyoonni Afrikaa ashuuraan biyyoota miidhaman deeggaruuf oolu akka ifa ta’u waamicha taasisaniiru.
Dabalataan, sirni maallaqaa addunyaa biyyoota hiyyeeyyii kan loogu akka ta’e kaasuun sirreeffamni akka taasifamu gaafataniiru.
'Hojiirra oolmaan harkifateera'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF tumsa Gamtaa Afrikaafi kaaniin milkaa’e Obbo Dammaqaan agarsiistuu ‘’rakkoo Afrikaa, furmaata Afrikaan’’ furuuti jechuun ibsan.
‘’Hojiirra oolmaan waliigaltee nagaa dabalaa jira. Meeshaa hiikkachiisuu, loltoota dirree lolaarraa fageessuufi hawaasatti dabaluun [garuu] hamma tokko harkifateera.
‘’Adeemsa kana saffisiisuun xumura isaa mirkaneessuun ni barbaachisa,’’ jedhan.
Gareen hordoffii Gamtaa Afrikaa hojiirra oolmaa kana hordofuuf hundaa'e baatii Amajjii keessa TPLF meeshaalee jajjaboo waraana Itoophiyaaf dabarsee kennuu ibsee ture.
Aanga'oonni Tigraayimmoo baatii Adoolessa keessa loltooti 50,000 ol gaggeeffamuu ibsanii turan.
Haata’u malee, hamma waliigalame keessaa hammi hojiirra oolee hangam akka ta’e ifa miti.
Keessumaa humnooti Amaaraafi waraanni Ertiraa bakkeewwan to’atanitti badii raawwataa jiraachuu qorattoonni UN ibsaa turan.
Waliigalteen kuni waraana Kaaba Itoophiyaatti badii guddaa geessise xumura itti tolchuus, walitti bu’iinsi biraa Naannoo Amaaraa keessatti akka ka’u kanneen akka sababaatti ibsaman keessaati.
Korri Waliigalaa UN kora bulchitoota addunyaa isa guddichadha. Biyyoonni miseensota dhaabbatichaa ta’anis irratti hirmaatu.
Dureewwan dhimmoota waloofi biyyaalessaa isaan yaaddessu yookiin xiyyeeffannoon akka itti taasifamu yaadan irratti dhiheessu.












