Humnoonni Tigraay 50,000 ol ta'an gaggeeffaman: Maal jedhu?

Loltuu Tigraay

Madda suuraa, AFP

Hidhattoota 50,000 ol lola waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatan qaban qe'eetti gaggeessuu aangawoonni Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay beeksisan.

Bulchaa I/Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan ta'an L/Janaraal Taaddasee Worrade, ‘’sirni humnoota 50,000 ol ta’an yeroo jalqabaaf kabajaan gaggeessuun taasifameera,’’ jechuun Roobii dubbatan.

Tarkaanfiin kun akkaatuma waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF gidduu raawwateen kan taasifamedha.

Haa ta'u malee, koreen Gamtaa Afrikaa hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa akka hordofu hundaa'e waan jedhe hin qabu.

Waggaa lamaaf humnoota Tigraay hoogganuun mootummaa federaalaa waraanaa kan turanii Janaraal Taaddaseen, humnoota Tigraay ''gootota aarsaa kaffalan'' jechuun jajaniiru.

Humnoota kana deebisanii ijaaruufi hawaasatti makuun gahee mootummaa federaalaa ta’u akka qabuufi kanarrattis harkifannaan mul’atuu ibsuun komatan.

Ta’us, ''nagaafi misooma saffisiisuf’’ jecha raawwatamuu ibsan. Dhimma kana irratti Komishiniin sadarkaa federaalaatti hundaa’e waan jedhe hin qabu.

Ji'oota dura waliigalteen Piritooriyaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti raawwatame humnoonni Tigraay fi humnoonni Tigraay keessa jiran kaan erga takkaa meeshaa akka lafa kaa'an ibsa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishinii federaalaa hidhattoota gaggeeffamaniif maallaqa isaan ittiin jireenyasaanii dhaabbatan akka kennu waliigalamee ture jedhan jeneraalichi.

''Nageenya ummata Tigraay eegsisuuf aarsaa barbaachisu warra kaffalaniidha. Gootota kabaji guddaan maluuf. Nutis kabajaan gaggeessaa jirra.

''Kabajaan haala isaan ittiin jiruusaanii gaggeeffatan mijeessineefii gaggeessina'' kan jedhan qondaalli kun ''haala kana mijeessuun hojii mootummaa fi ummata Tigraay'' jechuun himan.

Hidhattooti kunneen Adoolessaa fi Fulbaana dhufu keessatti guutummaatti gara jiruu idileetti akka deebisanis himaniiru.

''Ammaaf waan ji’oota itti aanuuf isaan gargaaru aanaa aanaa isaaniirraa fudhataniiru.

''Hanga isaan kan harkaa qaban fayyadamanitti nutimmoo guutummaatti gara jireenya idileetti isaan deebisuuf hojii eegalle ni xumurra.''

Hojiin loltoota waraana keessatti hirmaatan deebisanii jireenya isaanii idileetti akka deebi’an gochuu sadarkaa biyyaatti kan taasifamudha.

Taatullee qarshiin olaanaa akka barbaachisu kana dura komishiniin hundaa’e ibsee ture.

Gama kaaniin akkaataa waliigaltee nagaan bakkeewwan Naannoo Tigraayitti deebifamuu qaban akka hin deebine qondaalli waraanaa kuni eeran.

Sababa kanaaf, iddoowwan kanatti humnoonni Tigraay turuuf ‘’dirqamuu’’ himan.

Gama kaabaafi Lixa Tigraayiin humnoonni Ertiraa akkasumas humnoonni Amaaraa dhimma gaaffii lafaa kaasan qubatanii jiru.

Humnoonni Tigraay maal jedhu?

Hidhattooti kuni yeroo gaggeeffaman maal akka waadaan isaaniif seename ibsamuu baatus, waraqaa ragaa galateeffannaa lola keessa hirmaatuu isaanii ibsu kennameeraaf.

Sagantaa magaalaa Shireetti gaggeeffame irratti gaazexeessaan BBC miseensota gaggeeffaman keessaa muraasa dubbiseera.

Roozaa Hayila, waraana dura Shiraarootti barattuu kutaa 10ffaa akka turte himti.

Sababa waraanaan qe’ee isheerraayyuu buqqaatee magaalaa Shiree Indaasillaasee keessatti buqqaatota kaan waliin jiraachuu eegalte.

Roozaa Haayilan barnoota kutaa 10ffaa irraa waraana seenuu himti
Ibsa waa'ee suuraa, Roozaa Haayilan barnoota kutaa 10ffaa irraa waraana seenuu himti

Eegasii booda haala tureen waraana keessa seenuuf dirqamuu himti.

Miseensa loltuu keessaa gaggeeffamuu isheen gammachuu akka qabdu himti. ‘’Garuu nagaa waaraa feena,’’ jechuun BBC’tti dubbatte.

‘’Nagaan yoo jiraate bakka dhalootakoo Shiraarotti deebi’ee jiraachuu nan fedha,’’ jechuun himti.

Afawarqii G/Maariyaam waraana dura Lixa Tigraay Qaaftaa Humaraatti daldalaan akka jiraataa ture hima.

Jireenya gaarii jiraataan ture kan jedhu nami waraana keessa dararaa arguu hime kuni yeroo amma garuu jireenya idileetti deebi’uf qophii ta’u hima.

‘’Qormaata baay’ee dabarseera. Amma mootummaan koo ummata bira dhaqii ummata waliin jiraadhu naan jedheera,’’ jechuun ibsa.

Haa ta’u malee, wanti garaa isa nyaatu akka jiru Afawarqiin ni dubbata.

‘‘Deebinee ummatatti maal himna? Maatiin namoota ‘wareegaman‘ maal nuu jedhu? Dhimmi ijoo kanadha,‘‘ jedha.

Afawarq immoo kana dura daldalaa turuu hima
Ibsa waa'ee suuraa, Afawarq immoo kana dura daldalaa turuu hima

'Bakkeewwan naannichaa qaamolee biroon qabaman jiru, ummati buqqa’e hin deebine, maatiin wal jalaa badeera‘ jechuun kunneen osoo jiranii gaggeeffamuu isaatiin komii ibsa.

''Lafi keenya akka bilisa bahu barbaanna. Nagaa feena, waraana hin feenu. Du’as hin feenu. Kuni hanga hin taanetti waraanatti deebi’uuf qophiidha,‘‘ jechuun hima.

Humnoonni Tigraay yeroo waraanaa miidhaman eegumsiifi kununsi nuuf hin taasifmne jedhan hiriira mormii gaggeessaa turuun ni yaadatama.

Waraanni wagga lamaaf gaggeffame lubbuu kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafateera jedhamuun badii guddaa qaqqabsiiseera.

Baatii sagal dura mootummaafi TPLF waliigaltee nagaa mallatteessaniis ammallee bakkee Lixa Tigraay jedhamutti sarbami mirgaa jabaadha jedhame raawwataa jira jedhee Humaan Raayitis Waach himeera.

Himannaa kana mootummaan Itoophiyaa balaaleeffateera.

Deeggarsi namoomaa eega waliigalteen raawwatamee fooyyee agarsiisuus saamicha raawwate jedhameen walqabatee UN fi US akka guutuu biyyaatti deeggarsa dhiheessuu dhaabaniiru. ababa

Sababa waraana kanaan hawaasi qe'eerraa buqqa'a rakkoof saaxilamee akka jiru aangawoonni naannichaa ibsaniiru.