Maqaleetti hiriira miidhamtoonni waraanaa ba'an irratti poolisiin aara imimmaanessu dhukaase

Namoota hiriira ba'an

Madda suuraa, TIGRAY TV/FACEBOOK

Waraana Tigraay waggoota lamaan darban gaggeeffamaa turee fi Sadaasa darbe nagaan furuuf irratti waliigalame keessatti namoonni miidhaman, haalli keessa jiran akka sirratuuf gaafachuuf Maqaleetti hiriira ba'aniiru.

Namoonni kunneen handaara magaalattiirraa eegalanii hiriiraan gara giddu magaalattiitti imalan, aanga'oota naannichaa waliinis dubbataniiru.

Namoonni waraanarratti miidhaman kunneen wal'aansa fayyaa fi nyaata ga'aa gaafachuuf hiriira ba'uu TV'n naannichaas gabaaseera.

Maddeen bakka sanaa BBCtti akka himanitti humnoonni nageenyaa hiriirtonni bakka qubatanii jiran irraa ka'uun gara giddugala magaalaa Maqalee akka hin imalle humnaan dhorkuuf yaalanis hin dandeenye.

Giddugala keessa tursiifamanitti wal'aansi fayyaa, nyaataafi uffannaan ga'aan waan dhihaataafii hin jirreef hiriira ba'uun mormii dhageessisan.

Miidhamtoonni waraanaa hiriira ba'an kunneen wayita hiriira ba'an hedduunsaanii kan of danda'anii hin deemne ta'uu fi meeshaalee deeggarsaa fayyadamuun kan imalaa turan ta'uu jiraattonni Maqalee himaniiru.

Haala kanaan Baha Tigraay iddoo tursiifamanii jiran- Kuhaa Mallas Kaampaas jedhamurraa gara waajjira bulchiinsa naannichaatti imaluun gaffiisaanii dhiheessuutu dhagahame.

Hiriira kana bittimsuuf humnoonni nageenyaa aara imimmaanessu dhukaasanis namoonni kunneen garuu cichanii gara waajjira bulchiinsaa imalaniiru jedhan jiraattonni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Duuba qondaala olaanaa TPLF, kan bulchiinsa yeroofii akka hooggananiif filataman Obbo Geetaachoo Raddaa argatanii dubbisaniiru.

Aanga'aan TPLF kun gaaffii miidhamtoonni waraanaa kunneen kaasaniin guddoo akka gaddan ibsan, rakkoonsaanii hatattamaan akka furamus waadaa seenan.

Namoota kunneen ammoo konkolaataadhaan gara iddoo turtii isaaniitti deebisan.

Waraana waggoota lamaan darbaniif Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen kumaatamaan kan lakkaa'aman du'aniiru.

Hedduu biroon immoo miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru.

Kanneen waraana keessatti miidhaan qaamaa irra ga'e keessaa tokko BBC Afaan Tigrinyaatti akkas jechuun hime.

''Sababa hanqina qorichaa fi meeshaalee wal'aansaan nuti tajaajila fayyaa ga'aa ta'e argachaa hin jirru.''

Waraana kana karaa nagaan furuuf mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay Sadaasa darbe erga waliigalanii waraanichi dhaabbateera.

Akkaataa waliigaltee kanaan hidhattoonni Tigraay hidhannoo hiikkachuun leenjii haaromsaa kan fudhatan yoo ta'u, naannicha keessatti raayyaa ittisaa irraa kan hafe qaamni kamuu hidhatee socho'uu akka hin dandeenye waliigalameera.

Waliigaltee nagaa kana booda deeggarsi namoomaa fi meeshaaleen wal'aansa fayyaa gara naannoo Tigraay akka seenan taasifameera, garuu ammallee hanqinni akka jiru ogeeyyiin fayyaa ni komatu.