Itoophiyaan ibsa US waraana Kaaba biyyattii ilaalchisuun baaste mormite

Antonii Bilinkan torbee darbe keessa Itoophiyaa turan

Madda suuraa, Reuters

Humnoonni waraana Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaa raawwachuu US mirkaneeffatteetti jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan.

Dubbiin Biliinkan kuni eega torban darbe Itoophiyaa daawwatanii deebi'an booda dhagahame.

Kanneen waraana keessa qooda fudhatan: miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoota Ertiraa, hidhattoota TPLF fi humnoota naannoo Amaaraa yakka waraanaa raawwataniiru jedhan.

Himannaa Bilinkan kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa, Ertiraa fi TPLFn hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf tureen lubbuun kumaatamaan lakkaa'amu darbeera, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman beelaaf saaxilaman, miiliyoononni ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Miseensonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, Humna Ittisaa Ertiraa fi hidhattoonni Amaaraa Tigraay keessatti yakka namoomaa kanneen akka hiraarsuun ajjeesuu, gudeeduu fi yakka saal-quunnamtii gosa kaan raawwatan jedhan Aab Bilinkan.

Rooyitarsi akka gabaasetti Antonii Bilinkan miseensonni hidhattoota Amaaraa Lixa Tigraay keessatti dhalattoota Tigraay irratti dararaa hamaa raawwachuun, dhalattoota Tigraay naannicharraa dhabamsiisuun yakka hamaa raawwataniiru jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattiin yakki waraanaa raawwatamuu qorannoodhaan irra ga’eera jechuun kan US ibsite akka hin fudhanne ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Kibxata har’aa (Bitootessa 21,2023) baaseen ibsi US, gabaasa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Komishinara Olaanaa Mirga Namoomaa UN (UN-OCHA) waloon baasan irraa adda miti jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa balaaleffannaa duuchaa ibsicha keessatti dhihaate akka hin fudhannee fi himannaa jibbiinsaa gama tokkoon qofa irratti dhihaateef bakka hin qabu jedha ibsi Ministieera Dhimma Alaa kun.

Ibsi US kun akkaataa madaalawaa hin taaneen, qaamolee waraanicha keessatti hirmaatan keessaa qaama tokko qofa addatti baasuun irratti kan xiyyeeffateedha jedha ibsichi.

Qaamni yakka eerame- yakka gudeeddii fi yakkoota saal-quunnamtii kaan raawwate ifatti beekamee osoo jiruu qaama kana bilisa baasuuf kan ba’eedha jechuun ibsa US kana qeeqe mootummaan Itoophiyaa.

Qaamni yakkamaadha ittiin jedhu kun eenyu akka ta’e garuu hin ibsine.

Ibsi US kun wayita biyyattiin Haqa yeroo Ce’umsaa reef hojiitti hiikuu eegalte kan ba’e waan ta’eef yeroosaa kan eeggates miti jedhe Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa.

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti utubaawwan Haqa Yeroo ce’umsaa keessaa inni ijoon yakka raawwatameef gaafatamummaa mirkaneessuuudha.

Kana jechuun himati yakkaa US ibse fuulduratti irratti hojjetamuuf kan karoorfatamee jiruudha jedhe ibsi mootummaa Itoophiya akun.

Kunimmoo aangoo walabaa mootummaan Itoophiyaa yakka raawwate qoratee yakkamtoota seeraan gaafachuuf qabu kan sarbuudha jedhe.

Ibsi US kun dubbii kan hammeessuudha kan jedhe mootummaan Itoophiyaa, fedhiin US waan fedhe haata’u, garuu ibsi kun hawaasa tokko isa kaanirratti kan kakaasuudha jedhe.

Wayita Itoophiyaan kutannoodhaan waliigaltee nageenyaa irra ga’ame hojjiirra oolchaa jirtu kanatti ibsa qoqqoodiinsaa fi qoollifannaa akkanaa baasuun, deeggarsa Ameerikaan adeemsa marii nageenyaa Itoophiyaaf qabdu gaaffii keessa kan galchuudha jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa.

Daawwannaan Ministira Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaa laafee ture supha jedhamee abdatamee ture.

Ibsa hammeenyaa US baase kanarraan kan hafe, wayita Bilinkan Itoophiyaa daawwatanitti mariin iftoominaan gaggeeffame, hariiroo biyyoota lameenii kan gabbisu ta’uu akka amanu mootummaan Itoophiya aibseera.

Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan gaafatamummaa mirkaneessuu itti fufa kan jedhu ibsi kun, michoonni Itoophiyaa dhimma kanarratti akka cinaa dhaabbatan waamicha dhiheesseera.

Antoonii Bilinkan daawwannaa hojii torbee darbe Itoophiyaatti taasisaniin adeemsi waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuu jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru.

Haa ta'u malee, nageenya waaraa fiduuf dhimmoonni irratti waliigalanii hin raawwatamne akka jirus himani.

Itoophiyaa Carraa Daldala Qaraxa Irraa Bilisaa (AGOA)tti deebisuufsi hojiirra oolmaan waliigaltichaa murteessaa ta'uu eeran.

Daawwannaa sanaan haala jiru hunda erga sakatta'anii booda yakki waraanaa raawwatamuu ibsan.

Antoonii Bilinkan erga waraanni kaaba Itoophiyaatti eegalee qondaala olaanaa US yeroo jalqabaaf Itoophiyaa daawwataniidha.

Mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture marii nagaan furuuf waliigaltee nagaa kan mallatteessan Sadaasa darbe ture.

Dubbi himtuun Ministira Muummee Abiy Ahmad Billane Siyyum, Bilinkan qaamolee lameenuu waliin wayita mari'atan yakki waraanaa raawwatamuunsaa amanamee qaamni yakka raawwate itti gaafatamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru jette.

Waraana kanaan dhiittaan mirga namoomaa, ajjeechaan murtoo seeraa malee, gudeeddiin, saamichi, humnaan buqqaasuun akka raawwatame dhaabbileen dhaabbilee mirga namoomaan ibsamaa ture.

Qaamoleen waraanicha keessati hirmaatan hunduu garuu himannaa kana ni haalu, ofirraa dhiibu.

US loltoonni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni Ertiraa akkasumas hidhattoonni naannoo Amaaraa tibba waraana Tigraay yakka dhala namaarratti raawwachuu adda durummaan ibsaa turteetti.

Itoophiyaan garuu himata Ameerikaa kanaan giddu-seentummaa fi birmadummaa biyyaa sarbuu maqaa jedhuun ofirraa ittisaa turteetti.

Ibsi US kun ba'ee guyyaa tokko booda Manni Maree Nageenyaa UN dhiittaa mirga namoomaa waraana Tigraay waggoota lamaaf tureen raawwatame irratti mari'achuuf akka jiru dhagahame.

Walga'ii idilee mana maree kanaa Jeniivaatti taa'amuuf jiru irratti gareen ogeeyyii mirgoota namoomaa UN waan qorannoosaaniin irra ga'an irratti gabaasa ni dhiheessu.

Gareen kun Waxabajjii darbe gara Finfinnee imalee ture, garuu mootummaan Itoophiyaa iddoo dhiittaan mirga namoomaa itti raawwatame deemanii akka hin qoranne dhorkuu himataa turan.

Mootummaan Itoophiyaa komishiniin kun mala ittiin dhimma Itoophiyaa keessa seenaa jiraniidha jechuun hundeeffamuu isaallee fudhatama dhabsiiseera.